Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

SBO August 19, 2016

$
0
0




=====================================

Hagayya 18,2016
Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Mogor keessaa abbootiin qabeenyaa Oromoo waraana Agaaziitiin ukkaamfamaa jiru. Fincila Xumura Gabrummaa Marsaa 8ffaa guutummaa Oromomiyaatti Hagayya 6,2016 gaggeeffameen walqabatee Mogor keessatti waraanni Agaazii abbootii qabeenyaa Oromoo manarra deemuun mana hidhaatti guuraa jira. Abbootiin qabeenyaa kunniin yeroo ammaa kana mana hidhaa Magaalaa Incinnii (Teessoo Bulchiinsaa Ada’aa Bargaa) keessatti gidirfamaa jiru. Namoota hedduu achii jiran keessaa muraasni ammaaf maqaan nu qaqqabe;
1. Tolaa Reebaa
2. Isheetuu Siyyum
3. Tafarii Bajjii
4. Katamaa Gaddafaa
5. Mokonnin kanneen jedhamanii fi abbootiin qabeenyaa hedduun mana hidhichaa keessatti hiraarfamaa jiraachutu himama.
Dabalataanis Warraaqsa Biyyoolessaa guyyichaan walqabatee dargaggootni Oromoo dhibbaan lakkaa’aman Mogorii fi Magaalaa Inicinnii irraa waraana Wayyaaneetiin ukkaamfaman mana hidhaa Magaalaa Incinnii keessaa gara mooraa leenjii waraanaa Xollaayitti dabarfamuutu himama. Kanneen, mana hidhaa magaalaa Incinnii keessatti hafan abbootii qabeenyaa fi ijoollee xixiqqoo akka ta’an barameera.
Fincila Hagayya 6,2016 gaggeefamerratti Mogor keessatti dargaggoo maqaan isaa Sardaa jedhamu kan rasaasaan ajjeese hidhataa fi basaasaa wayyaanee maqaan isaa Girmaa jedhamu akka ta’e baramee jira. Sababa kanaan walqabatee manneen basaastotaa fi ergamtootaa diinaa afur irratti tarkaanfiin ibiddaa ummata naannoon akka fudhatame gabaasuun keenya ni yaadatama. Ergamtootni tarkaanfii ummataan qabeenyi isaanii barbadaa’e kunniinis
1.Girmaa
2.Zinaabuu
3.Yashii fi
4. Masarat yommuu ta’an, mootummaan wayyaanee ergamtoota isaa kanneen Mogor keessaa baasuun Magaalaa Incinnii Waajjira Bulchiinsa Magaalichaa fuulduraa mana jireenyaa kennuufitu gabaafamaa jira. Haaluma kanaan basaasaan maqaan isaa olitti heerame kan Girmaa jedhamu yeroo ammaa kana uffata Waraana Agaazii uffachuudhaan konkolaataa Waraana Agaaziitiin gara Mogoritti deddeebi’ee dargaggootaa fi abbootii qabeenyaa mana hidhaatti guursisaa akka jiru ifatti baramee jira. Kanaafuu, ummatni, dargaggootni, qeerroon keessattuu Humni Ittisa Ummataa naannoo sanaa basaasaa wayyaanee kana tarkaanfii du’aan akka adabdan dhaamsa dabarsina!
Injifannoon Ummata Oromootif!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469