Kan agartan kun hora miti. Stadium dha. Stadium Jimmaa. Istaadiyoomni kun bara Dargii keessa stadium biyyattii bebbeekamoo turan keessaa sadarkaa oliitti waamama ture. Amma bara Wayyaanee kana garuu estaadiyoomummaan isaa hafee gara harootti waan geeddarame fakkaata. Misoomni OPDOn sa’aa 24 afuuftu guddina duraan tureyyuu of duubatti deebisuu dha. Warri Jimmaa misooma OPDOn isinitti xeentuuf deebii kennaa! Fooqii Tigiroonnii fi Guraagonni isinirratti jaartuun ‘Jimma guddatteetti’ jettanii hin gowwoomfaminaa. Qabeenyaa ummataa kan tahe istadiyooma kana faa ilaalaa. Biyya bunni waggaatti dolaara miliyoonota dhibbatti shallagamu irraa hammaaramutu kana fakkaata Via Yaya Beshir