Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Tarkaanfii Boonsaa Gooticha Oromoo Atleet Fayyisaa Leellisaa fi Miidiyaalee Addunyaa

$
0
0

“Atileetii Fiigichaaf Meetii, gootummaa isaaf Warqii badhaafame” Daily Maverick

Firaa’ol Jaalataa: Hagayya 25 bara 2016

Waldorgommiin Olompiikii barana Biraaziil –Riyoo Di Jeneerootti baatii tokkoof gosa dorgommii adda addaatin gaggeeffamaa ture injifannoolee fi taateewwan dirqisiisoo hedduu galmeessuun Hagayya 21 bara 2016 guduunfamee jira. Injifannoolee seena-qabeessa olompiikii kanarratti Atleetonni galmeessan hundarra ifee kan mul’atee fi dhimma waltajjii Ispoortiirra dabree mata-duree addunyaa hundaa kan tahe tarkaanfii boonsaa gootichi Oromoo Atleet Fayyisaa Leellisaa fudhate.

Atleet Fayyisaa Leellisaa olompiikii Riyoo-2016 irratti fiigicha Maaraatoonitiin Itoophiyaa bakka bu’ee kan hirmaate yoo tahu, dorgommii kanas atleetii Keeniyaa Eliud Kipchogen durfamee, Atleetii USA (Ameerikaa) Galen Rupp ammoo dursee 2ffaa tahee xumuruun badhaasa meedaaliyaa Meetii argate caalaa, wayta waldorgommicha fixuu jala gahu, harka isaa walqaxxaamursee mallattoo Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) agarsiisudhaan deeggarsa Warraaqsa Fincila Xumura Gabrummaa(FXG) Oromiyaa keessaa finiinaa jiruu fi aantummaa Ummata Oromoof qabu waltajjii addunyaatti mul’isuun goota gaafa xiiqii fi rakkoo tahuu mirkaneessee jira.

Sabaa-himaaleen addunyaa bebbeekkamoon Olompiikii Biraaziil gabaasuuf Riyoo Di Jeneerootti argaman tarkaanfii Atleet Fayyisaa Leellisaa yakka wayyaanedhaan saba Oromoorra gahaa jiru balaaleffachuun fudhate kana walirraa fuudhuun wayta gabaasan dhagahamuu fi mul’achuu caalaayyuu, waa’ee Warraaqsa FXG ummanni Oromoo ji’oota 9f walitti fufiinsaan gaggeessaa jiruu fi yakka suukaneessaa murna abbaa irree TPLF/EPDRF dur odoma quba-qabanuu akka silaa malutti gabaasuu lagatanitti fuula deeffachuuf dirqaman.

Guutuu Dokumenti kanaa Gabaasaa Tarkaanfii Boonsaa Atleet  Fayyisaa Leellisaa

For Full Report  Click Gabaasaa Tarkaanfii Boonsaa Atleet  Fayyisaa Leellisaa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469