Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Ummanni Godina Baalee milishoota Wayaanee 22 ajjeesuun qawwee 35 irraa hiikkate

$
0
0

14264859_657283534426705_3381482492273595044_n

(SBO/VOL – Fulbaana 10, 2016) – Kibba-Baha Oromiyaa Godina Baaleetti goototni ilmaan Oromoo waraana faashistii wayyaaneen itti bobbaase dura dhaabbachuun falmaa gaggeessaniin humnoota diinaa hedduu ajjeesuu fi madeessudhaan qawweelee booji’an.

Kibba-Baha Oromiyaa Godina Baalee Ona Beeltoo gandeen Gaara Jaarsaa, Darrabbaa, Heeroo fi Halloo-Dibbaa jedhaman keessatti milishoonni wayyaaneen bifa haaraan leenjii fi haaromsa laateefii ummatatti bobbaase Fulbaana 05 hanga 07 bara 2016 wayta akeeka farrummaa hojiirra oolchuuf ummatatti bobbahanitti ummanni gootummaan dura dhaabbatee kasaaraa haguuggachiise.

Akka odeessa arganneetti, mootummaan wayyaanee miliishota gandaa sirnichaaf waardiyyaa tahuuf akkasumas hojii dabballummaa fi basaasummaaf bobbaafatuu akeekkatuudhaan gandeen irraa nama Jahaatama-Jahaatama dhiyoo kana leenjii fi haaromsa gabaabaa kenneefii gandeenitti deebisuun isaa hubatamee jira.

Farreen diinaa kun akkuma gandeenitti deebihaniin ergama wayyaaneen itti kenne hojiirra oolchuu fi amanamtumma TPLFf qaban agarsiisanii badhaafamuuf wayta ummata Oromoo halkanii-guyyaa hiraarsuu eegalanitti karaa jaarsolee biyyaatiin akeekkachiifni kan kennameef tahus fudhachuu diduudhaan manguddoota Oromoo isaan gorfatuuf yaalan hedduu hidhuu fi reebuu irraa ummanni dallanee tarkaanfii irratti fudhatuutti cehe.

Milishoonni wayyaanee gandeen olitti ibsaman keessatti ummatatti bobbahan ummatti dhukaasa banuun akeeka abaaramaa wayyaaneen itti laatte bakkaan gahuuf kan yaalan yoo tahu, ummanni Oromoo gootummaan dura dhaabbatuun lola Fulbaana 5 bara 2016 ganamarraa kaasee hanga walakkeessa guyyaatti deemeen ummanni milishoota Wayaanee 22 ajjeesuun qawwee 35 irraa hiikkatuun, kanneen hafan akka faffaca’anii baqatan taasiseera.

Kasaaraa hidhattoota sirnichaa mudatetti kan rifate mootummaan wayyaanee, humna waraana isaa magaalaa Beeltoo qubatee jiru irraa loltoota konkolaattota Jahaan fe’ee naannoo gandeen Gaara-Jaarsaa, Darrabbaa, Heeroo fi Halloo-dhibbaatti gadi naquutu hubatame. Akka kanaan lola hadhaawaa waraana wayyaanee fi ummata Oromoo jidduutti Fulbaana 5 bara 2016 waaree booda sa’aatii 3:00 irraa kaasee hanga Fulbaana 7 bara 2016 galgalaatti deemeen gootonni ilmaan Oromoo waraana murna weerartuu irraa nama 22 ajjeesuun nama 30 olitti lakkaawaman madeessudhaan injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Waraanni wayyaanee birmannaa milishootaaf bobbahe ummata Oromoo kutannoon falmaa gaggeesse dura dhaabbachuu dadhabee baqatuudhaan gara magaalaa Beeltoo of duuba deebi’uuf dirqamuutu barame. Borumtaa isa, Fulbaana 8 bara 2016, humna waraanaa guddaa dabalataan naannichatti guuruudhaan kasaaraa ummanni Oromoo irraan gahe haaloo bahachuuf ummatatti bobbahuus milkii dhabuu maddeen gabaasanii jiru. Lola kanaan Ummataa fi Qeerroo Oromoo gootummaan milishootaa fi waraana wayyaanee dura dhaabbatan irraa namootni 6 wareegamuu fi 15 madaahuus maddeen gabaasa nuun gahaniin ifa godhanii jiru.

Gootonni ilmaan Oromoo falmaa hadhaawaa kabajaa mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaaf humnoota sirna gabroomfataa dura dhaabbatuun gaggeessaa jiran ammas itti fufuunii akka jiran ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun Kibba-Baha Oromiyaa Godina Arsii Ona Qoree magaalaa Qoree fi naannoo ishiitti Fulbaaba 8 bara 2016 irraa eegalee ummata Oromoo fi humna Agaazii wayyaaneen bobbaase jidduutti lolli jabaan gaggeeffamuu maddeen ifa godhaniiru.

Lola ummata Oromoo fi waraana nama-nyaataa sirna wayyaanee jidduutti Fulbaana 8 irraa kaasee adeemsifame kanaan goototni ilmaan Oromoo humna gabroomfataa kutannoon dura dhaabbatanii of irraa faccisuurra dabranii haleeluudhaan loltoota Agaazii 5 ajjeesuun 9 ammoo akka hamaa madeeessaniiru. Kana malees, milishoota wayyaanee waraana Agaazii waliin tahuun ummata keenya lolaa turan keessaa 4 akka hamaa yoo madeeffaman, ummata keenyarraa ammoo namoonni 5 lolicharratti madaahuun gabaafamee jira.

Wayta ammaa kana humni Agaazii dhibbootaan lakkaawamu naannoo Qoree marsee dhukaasaan goolaa jiraachuu fi qeerroo bilisummaa fi sabboontota Oromoo naannawa Qoree jiraatan dhibbaan lakkaawaman ukkaamsee dhabamsiisaa fi hidhaatti guuraa jira. Naannichi dhukaasa hidhattoota sirna gabroomsaatiin goolamaa jiraatuu irraa miidhaa dhaqqabe ilaalchisee wanti guutummaatti adda bahe akka hin jirre maddeen gabaasa nuun gahaniin ifa godhu.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469