Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

#OromoProtests, September 11, 2016

$
0
0

#OromoProtests
14224681_677417139094325_361405934712870718_nOduu Amma nugeesse. Waraanni Wayyaanee Zoonii Bahatti Kutaan Waraanaa 33ffaan Walitti Gara galuun Kaleessaafi Dheengadda Walitti Bu’uun Qondaaltota Waraanaa Kanneen Sabaan TPLF tahan 4fi Warreen Sadarkaa Loltuurra Jiran 52 Dhumaniiru Walumatti Nama 64 Dhumani 8 ammoo Amaaraafi Oromoo Akka Tahe Oduun Amma Nugeesse Ifa godha Qabsaa’otaan Baga dhalattan Jenna Kan Dhumaniif Galanni Bilisummadha Jenna Warreen Kana Deebisee Ijaaruf Saamoraan Kaleessa Jijjigatti Waraana Nama 6000 Walgahii Teessisuun Maallaqa Duraan Dhoowwate Akka kennamuuf Akkasumas Ayyaana Bara Haarawaa Jedhee Maallaqa Laachuun Sossobaa Oole. Kanaaf Fudhattanii Hojii Sabboonummaa Eegaltan Akka Itti Fuftan Jenna. Qabsaawan ni kufaa qabsoon itti fufa ! via Oliyaan Alishu


#ABO #WBO #oromoprotests Fulbaana 11,2016) Sabboontuun Oromoo Aadde Sanyii Ee’ii WBOf Qawwee Tokko Bituun Gumaachite.
Duula WBO karaa hundaan hidhachiisuu fi dinagdeen tumsuu biyya keessaa fi alatti geggeeffamu hojiitti hiikuuf Nairobi, Keenyaatti kan argamtu sabboontuun Oromoo Aadde Sanyii Ee’ii WBOf qawwee AKM haaraa 1 kan lakkoobsi isaa GP 8390 ta’e rasaasa 200 waliin Doolaara Amerikaa 1500n bittee gumaachitee jirti.
Hanga qabsoon bilisummaan Oromoo fiixa bahutti WBO fi ummata Oromoo biyya keessaa FXG finiinsaa jiru hidhannoo hidhachiisuu fi cimsuuf waan dandeessu hundaan cina kan dhaabbattu ta’uu kan waadaa seente sabboontuun Oromoo Aadde Sanyiin, ummatni Oromoo biyya keessaa fi ala jiru, keessumaa abbootiin qabeenyaa Oromoo sa’atii murteessaa kanatti WBO fi ummata biyya keessaa fincilatti jiran gamtaanis ta’e dhuunfaan akka hidhachiisan yaamicha gooteefii jirti.
Sabboontuun Oromoo Aadde Sanyii Ee’ii asiin duras yeroo adda addaatti maatii ishii waliin ta’uun WBO Zoonii Kibbaaf kophee waraanaa irraa kaastee waan dirree qabsootti WBO barbaachisu gara garaa gumaachaa akka turte beekuun danda’ameera.
Sabboontuu Oromoo Aadde Sanyii Ee’iin galatni kee bilisummaa saba keetii haa ta’u jechaa, ilmaan Oromoo keessaa fi alatti argaman sabboontittii Oromoo kana fakkii godhachuudhaan waan danda’an cufaan akka WBO gargaaranii fi cina dhaabbatan hiree kanaan yaamicha goona Via 
Ademmisoma

14264896_1771382503103096_6292464097689592348_n


#OromoProtests Dhaamsa Qeerroo Hirna irraa
Sheekota Kenya ni kabajnaa nis ni jaalana IED dabaree irrati waan nuti isinin jane godhi kessanin bayyee isin galatefanna ammaas akkuma IED dabaree warrani tokko osoo nu hin eeynee ofif of hoggana ammmaas bulchaan akkuma IED dabaree tokko osoo isa hin xuyne salaatee haa deemuu yoo garu warranaa tokko dhufe fi yoo bulchaan olka’e hassawa misomaa akka isaa san nin goodha jadhe dirren san dirree salaataa osoo hin ta’in dirree loolaa ta’a knf dhaamsa kana amuumaa itti nuf himaa. Via Hassan Ismail Fatou


#OromoProtests HUBACHIISA: Akkaataa ayyaana Iida Arafaa kan boruu irratti

Ayyaanni Iid Arafaa baranaa yeroo Wayyaaneen ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti ibiddaafi rasaasan fixee reeffa maatiifi firootatti kennuu didde keessatti kabajama. Ummanni keenya gadda hamaa keessa jira. Kanaafuu ayyaana yeroo gadda hamaa keessa jirruu kana akkataa armaan gadiitin kabajama.

1) Ummanni keenya dirqama amantii isaa bakkauma duritti waliin
ta’ee salaata. Salaata booda tartiibaan gara mana ofii galuun wareegamtoota, hidhamtoota fi maatii isaanii yaadachuun bashannanaan osoo hin taane du’aayiidhaan dabarsa.
2) Yeroo salaataas ta’ee yeroo achirraa galamu obboleeyyan keenya wareegamaniif, kanneen madaayanii hospitaala jiraniif, kanneen manneen hidhaa keessatti dararamaa jiraniif du’aayiin godhama, dhaadannoon kaayyoo isaan wareegamaniif calaqisus ni jedhama.
3) Nama firri irraa wareegame yoo beektan, fira san dhaquun jajjabeessuun, kan madaayee hospitaal jiru dhaqanii zihaaruun barbaachisaadha.
4) Akkaataa amantiin hayyamuun maatii wareegamtootaa maallaqaanis ta’ee waan biroon gargaaruun qabsoodhaaf tumsa, rabbi birattis jazaadha.
5) Sakatta’iinsifi eeggumsi nageenyaa namoota ummata keessatti beekkamoofi kabajamoo ta’aniin geggeeffama. Poolisiis ta’ee loltuun ummata jidduu seenuun walitti bu’iinsa uumuu waan ta’uuf gonkumaa hin hayyamamu. Ummanni keenya ofii isaatii nageenya isaa eegsifachuu akka danda’u iida Alfaxir irratti qabatamaan mirkaneessee jira.
6) Qondaalli mootummaa tokkos argamaanii haasaya godhuun hin hayyamamu. Qondaalli tokko ka’ee haasayan godhuuf yoo yaale Qeerroon tarkaanfii fudhachuudhaaf kan dirqaman ta’uu amumarraa beeksifna.
7) Hoggantoonni amantii akkaataa amantiin ajajuufi aadaa jirtuun ummata salaachisuu, du’aayii godhuun ummata addaan galchuutu irraa eeggama. Kana bira dabran waan mootummaa nama-nyaataa kana faarsaa yoo kan dubbatan taate Qeerroon dhaabsisuuf qophiidha.
8) Qeeroon naamusaafi obsaan haala jiru hordofuu qabdan. Mangodduufi aalimoota kabajaa, dhaggeeffadhaa, yaadaas ta’ee mormii teessan suuta qalbiin hubachiisaa. Dinnii ofii balaa uumee isin sababuu waan maluuf luuxe-seentota isin fakkatanii ummata jeequu yaalan too’adhaa, bifa tasgabbii qabuun badii isaanii fashaleessaa. Yoo isin seera armaan olitti kaayameef cabsanii isin tuqan malee poolisiis ta’ee loltoota hin tuqina.

Dhugaan, naamusni fi tokkummaan utubaa qabsoo teenyaati.

Garagalcha
– Imaamota masgiidota hundaatiif
– Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif
– Poolisii Oromiyaatiif
– Waajjiraalee Bulchiinsa Magaalaatiif Via Jawar Mohammed


(SBO/VOL – Fulbaana 11,2016) Sabboontuun Oromoo Aadde Sanyii Ee’ii WBOf Qawwee Tokko Bituun Gumaachite.
Duula WBO karaa hundaan hidhachiisuu fi dinagdeen tumsuu biyya keessaa fi alatti geggeeffamu hojiitti hiikuuf Nairobi, Keenyaatti kan argamtu sabboontuun Oromoo Aadde Sanyii Ee’ii WBOf qawwee AKM haaraa 1 kan lakkoobsi isaa GP 8390 ta’e rasaasa 200 waliin Doolaara Amerikaa 1500n bittee gumaachitee jirti.
Hanga qabsoon bilisummaan Oromoo fiixa bahutti WBO fi ummata Oromoo biyya keessaa FXG finiinsaa jiru hidhannoo hidhachiisuu fi cimsuuf waan dandeessu hundaan cina kan dhaabbattu ta’uu kan waadaa seente sabboontuun Oromoo Aadde Sanyiin, ummatni Oromoo biyya keessaa fi ala jiru, keessumaa abbootiin qabeenyaa Oromoo sa’atii murteessaa kanatti WBO fi ummata biyya keessaa fincilatti jiran gamtaanis ta’e dhuunfaan akka hidhachiisan yaamicha gooteefii jirti.
Sabboontuun Oromoo Aadde Sanyii Ee’ii asiin duras yeroo adda addaatti maatii ishii waliin ta’uun WBO Zoonii Kibbaaf kophee waraanaa irraa kaastee waan dirree qabsootti WBO barbaachisu gara garaa gumaachaa akka turte beekuun danda’ameera.
Sabboontuu Oromoo Aadde Sanyii Ee’iin galatni kee bilisummaa saba keetii haa ta’u jechaa, ilmaan Oromoo keessaa fi alatti argaman sabboontittii Oromoo kana fakkii godhachuudhaan waan danda’an cufaan akka WBO gargaaranii fi cina dhaabbatan hiree kanaan yaamicha goona.  Via 
Jaarraa Bilisummaa


#OromoProtests-These signs and symbols speak a lot: resistance and struggle in a true essance. Thanks for the courage and commitment our beloved Qeerroo Youth from Ada’aa Barga, West Showa, Oromia.
========================
Kun waa hedduu dubbata; diddaa, qabsoo fi falmaa bilisummaa Oromoo seenessa. Qeerroon Ada’aa Bargaa magalaa Incinnii kanneen kutannoo fi murannoon sagalee ummata keenyaa akkanatti ibsitaniif galata guddaa qabana.
Akkuma halkan edaa konkolaata laama fi shuffeera konkolachisa tokko irraatti adabbii fudhatan, karaatti baatanii Ispaltii magaalichaa halluu alaaba ABO dibuun gootumama keessan mul ifatan. Hojiin keessan boonsaan seena akeessatti barayyuu yaadatama.
Injifannoon Galuun Baranuma.

 14291910_642129465954793_6376893243762889275_n
14329926_642129532621453_1928032075747316163_n
14333107_642129922621414_7386118880989201510_n

Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469