(SBO/VOL – Fulbaana 12, 2016) Mootummaan wayyaanee jijjiiraman fida jechuun yaada ummataa warraaqsa irraa gara dabarsuuf olola ijibbaataa ololaa jira.
Akka karoora diinaatti baatii tokko kanaaf waan jijjiirama fidan fakkeessanii ololuun yaada ummataa rarraasuuf yaaluu dha.
Akka karoora wayyaanee shiraan guutame kanaatti dhuma baatii Fulbaanaa kanatti labsii fakkeessaa kan warraaqsaa fi diddaa deemaa jiru ni qabbaneessa jedhanii yaadan tokko tokko labsuuf akka deemantu dhaga’ama. Labsiin shiraa fi fakkeessii mootummicha kufaatii irraa oolchuu irratti xiyyeeffate kun wayta paarlamaan wayyaanee bara haaraa biyyattii kanatti walitti dhufutti labsamuu akka dandahus ni himama.
Labsii fakkeessaa kanaan wayyaaneen ummatni labsii fi jijjiirama mootummaan godhe deggere jechuun guutuu Oromiyaatti hiriira deggersaa kan jedhaniin qindeessuuf karoora akka qaban keessa beektotni ni hubachiisu.
Jijjiirama fakkeessii kan wayyaaneen labsuuf deemtu qabxiilee ibsa ejjennoo Abbootiin Gadaa dhiheenya kana baasan keessatti baayyinaan kan argamu oggaa tahu, kunis kan mul’isu wayyaaneen walgahii Abbootii Gadaa Soodareetti tahe sana keessaa harka qabaachuu dha jechuun dhimmicha warri keessa beekan ibsaa jiran.
Jijjiirama finna jettee kan wayyaaneen ololtee ololchiisaa jirtu, dhimma Oromoo kan ilaaluun waa’ee Finfinnee, Afaan Oromoo, warra naannoo Finfinnee buqqa’anii fi kkf oggaa tahu, warri kun ammoo ibsa Abbootii Gadaa sana keessatti kan tarraa’anii fi akka wayyaaneen sirreessitu kan gaafatuu dha.
Sanas tahe kana ummatni Oromoo fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo olola wayyaaneen jijjiirama labsuuf deemna jettee ololtuuf osoo gurra hin ergisne warraaqsa biyyaalessaa FXG finiinsuu itti fufuun xumura sirna gabrummaa mootummaa wayyaanee ariifachiisuu dha.
Yeroon jijjiirraa kabeebsaa darbeera. Ummatni Oromoo kan gaafataa turee fi jiru gaaffii kabeebsaa, ykn gaaffii afaanii fi mana naa ijaarii osoo hin taane, gaaffii bilisummaa, gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi gaaffii qabeenya isaa irratti abbaa tahee irratti murteessuu danda’uu ti.
Kanaaf ummatni Oromoo biyyaa fi bilisummaa isaa harka isaatti deebifachuuf warraaqsa itti jiruu fi qabsoo bilisummaa isaa daran jabeeffatuu qaba. Kufaatii irraa of oolchuuf jijjiirama kabeebsaa fi labsii keessi isaa summii TPLF karoorfate kun fudhatama akka hin qabnes beekuu qaba. Via Sagalee Bilisummaa Oromoo