
Dr. Tsaggaayee Araarsaa
(VOA Afaan Oromoo) — Mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti — Gubbaa irraa jalqabee hanga gadiitti gamaaggama hoogganopotaa marsaa duraa geggeessameen – angawoonni 300 ta’an bakka isaanii irraa kaafamuu, kaan itti gaafatamummaa irraa gad-buufamuu fi haala adda addaatiin ka murtiitti dhiyaatan tahuu – Itti-aanaa Prezidaantiin Oromiyaa – Obbo Isheetuu Deessee Miidiyaa yokaan Sabaa-himaa biyya keessaaf ibsa kennuu isaanii, jalqaba torban dabree irra gabaasnee turre.
Qophii keenya, Dirree Dimookirasii irratti dhihaachuun Murtii mootummaa Oromiyaa kanaa fi dhimmoota kanatti hidhata qaban ka xiinxalan – Hayyuu seeraa – Dr. Tsegaayee Araarsaa, “tarkaanfiin mootummaan fudhataa jiru gaaffii uummataa deebisuutti ka fuuleffate otuu hin taane, aangawoota OPDO ajaja fudhachuu didanii fi dhugaa uummatichaa waliin dhaabbatan, kanneen of kabajanii fi saba isaanii kabajan haxaawee of keessaa baasuutti ka fuuleffate” – jedha.
Yaaddoon Mootummaa, wanna afaaniin jedhu – waa’ee rakkoo dhabamuu bulchiisa gaarii fi rakkoo malaammaltummaa, akkasumas deebii dhabuu gaaffii uummataa otuu hin taane, waa’ee aangoo irra of tursiiuu akka tahe dubbata.
Tarkaanfiin akkanaa, mormii uummata Oromoo dhaabsisuus tahe biyyattiif furmaata fiduu akka hin dandeenye illee eeran.