Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

#OromoProtests, September 20, 2016

$
0
0

Dhaamsi Finfinnee irraa nu gahe akkas jedha.
=====================
“Guyyaa har’aa Finfinnee naannoo migreshinaa sanitti waan hedduu nama ajaa’ibu takkan arke. Mucaan argitan kun listiroo dalagatee jiraata. Garuu wayyaaneen akkuma aadaa isii meeshaa inni itti dalagatu duraa darbite. Mucaan kun biyya tiyyarratti dalagadhee jirachuu hin danda’uu jechuun imimmaan harcaase. Namoonni yeroo san achi jiran poolisaan walitti erga bu’aniin namuu mucaa san gargaarsaab bira dhaabbate. Yaa ummata keenya dhaamsin isiniif dhaamu yeroo lammiin keenya miidhamu akka bira dhaabbannun jedha.” Via

14369964_709993755815695_1414405134840301460_n


Dhaamsi Finfinnee irraa nu gahe akkas jedha.
=====================
“Guyyaa har’aa Finfinnee naannoo migreshinaa sanitti waan hedduu nama ajaa’ibu takkan arke. Mucaan argitan kun listiroo dalagatee jiraata. Garuu wayyaaneen akkuma aadaa isii meeshaa inni itti dalagatu duraa darbite. Mucaan kun biyya tiyyarratti dalagadhee jirachuu hin danda’uu jechuun imimmaan harcaase. Namoonni yeroo san achi jiran poolisaan walitti erga bu’aniin namuu mucaa san gargaarsaab bira dhaabbate. Yaa ummata keenya dhaamsin Via


TPLF waste management truck has started collecting the non-recyclable refuses!! These two Woyyaane trashes (Moktar and Aster) have, now, no where to go. Recently, they publicly condemned the #OromoProtests and admired the Agazi killings in Oromia. Now, they may have grace from Woyane to join former OPDO presidents in exile!!

  1. Hassen Ali (1992? – 1995)   –  in exile in USA
  2. Kuma Demeksa (OPDO) (1995 – 24 July 2001) – Tigre by blood and cannot go anywhere
  3. Junedin Sado (28 October 2001 – 6 October 2005) – in exile in USA
  4. Abadula Gemeda (6 October 2005 – September 2010) – on waiting list to be trashed
  5. Alemayehu Atomsa OPDO (September 2010 – Feb 2014) – poisoned to death
  6. Muktar Kedir OPDO (March 2014 – September 2016) – fresh trash
  7. Lammaa Magarsaa (September 2016 – Present) – future trash

#OromoProtests “Gaasuyyee Wal-jala jijjiraniif Ittoon hin Mi’aawu!”
BREAKING NEWS
Akka Oromia Communication Bureau ibsa baase tti yoo ta’e;
“Koreen Giddugaleessaa OPDO, Muktaar Kadir fi Itti aantuu dura teessuu Asteer Maammoo aangoosaaniirraa kaaseera.
Bakkasaaniis Lammaa Magarsaa dura ta’aa OPDO, Dr Warqinee Gabayyoo itti aanaa dura ta’aa OPDO taasisuun filataniiru”
Jijjirraan akkanaa kun gaaffii Saba Oromoo tiif deebii hin ta’u.
“Gaasuyyee Wal-jala jijjiruun Ittoo hin Mi’eessu!” Via 
Oromummaa Wtuoga

14329982_1198545756874309_1180876099773289636_n



#Oromoprotests Wayyaaneen yeroo ammaa kana ibiddaan kaatee jirti.

Bara 1992 yeroo bosonni Baalee gubatu gaddi cimaan oromoo mara keessatti dorrobee ture.bara kana immoo Qilinxoo hin gubdeen ni xiqqaata,ni daaressite(daaraa)goote.kana malees ilmaan keenya harargeetti masjiida keessatti salaatarra jiran hedduu manuma waliin gubde.manneetiin hidhaa Oromiyaa keessa jiran baay’een ni gubatan…nannoo keenyaan ala,Amaaraatti giddu gala gabaa iddoo tokkotti suuqii 420 ciincessite,ummattota kibbaa Koonsootti ammoo mana uummataa 1500 Ol guggubde.Manneen amantaa iddoo garagaraatti gubachaa jiru.diina abiddaan kaate kana shakkaa!

Kanumaan wal qabatee shakkii jirun isiniif dhaama,oromoon of eeggannoo taasisuu qaba.

Bosonni Cillimoo ija diinaan ilaalamaa jira,sodaa humni hidhate achi keessa jira jedhuun gubuuf gungumaa akka jirantu dhaga’ama.kanaaf halkanii guyyaa itti marsinee haa eeggannu.

Warra hin beekneef bosonni Cillimoo G/sh.Lixaa Naannoo Giincii qabatee gaalessaa fi naannoftuuwwan sanatti argama.cillimo baay’ee bal’aa fi bosonota Oromiyaa keessa jiran keessaa sad.olaanaarratti argama.egaa diinni itti kaayyeffattee waan jirtuuf qeerroon Giincii,Amboo,Jalduu,Cobii fi kanneen biroo guyyaa gabaabduu keessatti wal ijaaruun osoo jarri nurratti gubdee tigiraayitti hin galiin tika akka gootaniif jedheen dhaammadha. Via Imimmaan Lakkuu


#OromoProtest
Ittiin bohaaraa…
Guyyaa har’aa University Haromaya keessatti, Ergamtoota wayyaaneef yoo galeef jedhee Barsiisaan tokko baacoo armaan gadii kana irratti baace,
“Dullattiin takka dubra tahuu barbaaddee jedheen” kanaaf gara dubrummaa ishee deebi’uuf yaada ummataa funaanuu jalqabde, Ummannis yaada armaan gadii kana gumaachaniif,
Ati sababa dulloomtee jirtuuf, gara dubraatti deebi’uu hin dandeessuu jedhaniin.
Namtittiinis gara dubraa deebi’uuf hawwii guddaa waan qabduuf abdii hin kutanne, kanaaf ogeessa fayyaa mari’achiisuuf murteessite, Ogeessoonni fayyaa isheen jalqaba qunnamte warra garaaf bulu kan ogummaa fayyaa sirnaa hin qabneedha, kanaaf akkana jedhaniin..
“Ati dulluma kana irraa gara dubraatti deebi’uu ni dandeessa, kanaaf qoricha siif kenninu kana sirnaan fayyadami” jedhaniin.
Isheenis kanatti gammaduun qoricha kennameef liqimsuu jalqabde, garuu liqimsaa ooltuus gara durbummaa ishee deebi’uu hin dandeenye.
Dullattiinis fedhiin dubra tahuu ishee waan guddaa taheef, Abdii hin kutanne.
Carraa ishee dhumaa yaaluuf warra ogummaa sirnaa qaban bira dhaqxee, akkana jetteen…
“Wanti dulluma kiyya kuni waan hedduu na yaachiseef gara durbummaa kiyyaatti deebi’uun barbaada” kanaaf ogummaa keessaniin akka na gargaartaniin barbaada jetteen…
Isaanis akkana jechuun deebisaniif…
” Nuti akka ogummaa keenyaatti mallattoo dulluma keeti kan tahe shubamuu fuula keetii dinqisiifachuun ala, gara dubrummaa keetii qorichi si deebisu hin jiru jechuun deebisaniif.
Haala wal fakkaataan wayyaaneen (EHADEG) dulluma isaanii waan irraa oofu furmaata ykn gorsa keenya kan Proofeeshinaaloota barsiisootaa barbaaddan yoo tahe deebisaan qabnu tokkuma, tokkichis…
” Dulluma wayyaanee(EHADEG) dinqisiifachuun ala gorsa gumaachinuuf hin qabnu. Jechuun haasawa isaa xumure barsiisichi…..
baacoon kuni ergaa guddaa of keessaa qabdi yoo warra galuuf taate, garuu wayyaanee wanni galuuf hin jiru.
Maddi…Jawar Mohammed irraa..
Yeroo gabaabaa dura Afaan Amaaraatin post godhee ture Jawar.
Yoo isinitto tole #Share godha…
Qophessaan an Fawaz Ahmad Oromiyati
Horaa bulaa..
INJIFANNOO UMMATA OROMOOF!!! Via Fawaz Ahmad Oromiya


Ethiopian Israelis urge U.S. to condemn Ethiopian government

The U.S. Embassy in Tel Aviv. Credit: Wikimedia Commons.

The U.S. Embassy in Tel Aviv. Credit: Wikimedia Commons.

(JNS.org) Nearly 100 Ethiopian Israelis protested in front of the U.S. Embassy in Tel Aviv on Monday, urging the U.S. government to stop supporting the Ethiopian government, the Jerusalem Post reported.

More than 400 Ethiopians have been killed during anti-government demonstrations that began in November 2015 in the Oromia and Amhara regions, according the U.S.-based Human Rights Watch.

“The United States must condemn the murders of Ethiopian citizens,” one protester, Endalamaw Hailei, told the Jerusalem Post. “I joined because I care about Ethiopia.”

Other protesters said they believe the U.S. can influence Ethiopia’s government to stop the murders of Ethiopian citizens.

The protests were sparked by the Ethiopian government’s plan to expand the capital, Addis Ababa, into Oromia which would displace farmers.

Many in Israel’s Ethiopian community have family members who still live in the African nation. There are at least 9,000 Ethiopian Jews still waiting to emigrate to Israel, following Prime Minister Benjamin Netanyahu’s approval to process their immigration through a $1 billion program.


OF EEGGANNOO GUDDAA-WALIIF DABASAA

Odeeffannoo qaama sirnicha keessa hojjachaa jiran irraa nugeesse tana qaamaa qalbiin hordoftanii hojitti hiikuun, yoo xinnaate lubbuu keessan baraaruuf, dirqama keessan ba’uu qabdu! Akka odeeffannoon kuni jedhu tti, gareen shiftootaa TPLF raayyaa ittisaa irraa jalqabee hamma milishaa gandaatti nama mi’a waraanaa harkaa qabu, tooftaa marii qabna jedhuun, meeshaa keessan nama iddoo tokkotti eegu bira goonee, mariif galma adda addaatti walga’ii adeemsifna jettee, ilmaan tigraayii fii warra isiif amanamoo ta’an immoo akka eegdotaa fakkeessitee meeshaa harka tti galfachuuf carraqaa jiraachuu ishee hubannee jirra. Ammas akkuma waliigala oromiyaatti policy oromiyaati fii kora bittinneessaas dabalatee milishoota jiran mara shakkuu irraa kan ka’e, rasaasa irraa xiqqeessuu erga jalqabde ji’a tokko ta’uuf guyyoota 2,3 hin caalletu hafa. Inumaatuu tokkoon tokkoo isaanii rasaasa firii 15 hin caalle tu nutti raabsama jedhanii jiran. Kanaaf, jarri bulguun, mala maltee ofii raawwachaa jirtu, isin irratti raawwattee, akka isin qilee keessa buutan isin gochuun ishee waan of dura tti arguuf jiraattaniidha. Nuti kan isiniin jennu, meeshaan waraanaa oromiyaa keessa turte, gara biroo tti socho’uu isii argitanii yoo callistanii ilaaltan, lubbuu keessan namatti kennitanii bor lubbuu koo sana naaf deebisi jettanii gaafni kadhattan fagoo miti. “Abbaatu of-mara jedhe” bofti!. Via Beekan Gulummaa Irranaa


Ogeeyyiin Fayyaa Waamicha Tumsa Ilmaan Oromoo Wareegamaa Jiraniif Taasifamuu Qabu Irratti Mariyatan

(SBO/VOL – Fulbaana 20,2016) Ogeeyyiin Fayyaa Ilmaan Oromoo Qabsoo Oromoo utubuuf kan ammaa caalaatti hojii aantummaa hojjechuu akka qaban, Dooktoroonni fi Ogeeyyiin Fayyaa Miseensa Qeerroo ta’an waamicha dhiyeessan!
Ogeeyyiin fayyaa kun Hospitaalota irraa walitti dhufanii yaada gurmuun qeerroo isaaniif kennaniin, bara 2014 keessa utuu ogeeyyiin ilmaan Oromoo irraa dhalatan hedduu ta’anii jiranii FDG yeroo sana Oromiyaa keessatti ta’een Qeerroon Oromoo diinaan rukutame, yaalii tokko malee guyyoota sadii booda du’uun isaa kan nama gaddisiisu qofa utuu hin taane, hanqinaa gama keenyaan jiruu dha jedhan!

Yeroo ammaa kanas,murni alagaa ilmaan Oromoo abiddaan gubee gara hospitaala Abeet dame Hospitaala Phaawuloos erga fidee booda, hojjettoonni Hospitaalichaa fi Hospitaalota maraa dhimma hojiitiif gara Hospitaalichaa akka hin seenne taasisuun, kanneen gamoo Hospitaala Abeet irra keessa dhaabbatan kutaa reeffaa kan jala jiru keessatti reeffa namoota abiddaan gubamanii suura kaasuuf yaaltan maqaa jedhuun hojjettoonni hojiirraa arii’aman!

Yeroo ammaa kana hojjettoonni kutaa reeffaa keessaa mana callabbeessaa keessatti reeffa ilmaan Oromoo abiddaan gubamanii eegaa jiran dararaa fi sodaachisa tika mootummaa wayyaaneerraa halkaniif guyyaa boqonnaa dhabuurraan kan ka’e mana isaanii akka gadhiisanii fi kanneen mana qaban immoo mana galanii maatii isaanii wajjin bulaa akka hin jirre dubbataniiru!
Kutaa Reeffaa Hospitaala Abeet keessaa dooktorri hojjetu tokko akka jedhetti ajjeechaan kun tasumaa kan dhala namaa mitiitii bineensaaf hin eyyamamnee fi akka ogummaa keenyaattuu gara jabinaan wal aansaa namaa taasisuu kan qabnu haa ta’u malee, ajjeechaa fi gocha addunyaan balaaleffachuu qabdu kana humni tikaa fi itti gaafatamaan Hospitaala Phaawuloos dame Abeet nu dirqisiisee ergan dhaqee kuticha keessaa reeffa argee jedhee erga boo’ee booda……kana nagaafachuurra rasaasa naaf fidaa of ajjeesuu naaf wayya jechuun kan nama gaddisiisuu fi namni kana yoo arge akkanumaanuu qalbiin isa darbuu mala jechuun ibse.
Gama kanaan ogeeyyiin fayyaa aarsaa barbaachisu baasuun mootummaa seeraa alaa fi mootummaa namummaa hin qabne ta’uu saaxiluu qabna jechuun yaada isaa gumaache.

Ogeeyyii fayyaa kana keessaa yaadni biraan dhiyaate, kana booda Oromoon abbaa biyyuummaa isaa gonfachuuf kan isa hafe, waraana qofa dha! Ummati keenya waraanatti jabaatee madoo qaamaa irra ga’uu fi hanqina diinagdee irra ga’u irraa qolachuufis, ogummaa keenyaan hanga bosonaattii fi bakka ummati fincilee madoo ta’uttillee deeggaruuf qophii ta’uu qabna jedhaniiru. Ijaaramnes yakka mootummaa wayyaanee dura ni dhaabbanna, gocha isaas ni balaaleffanna jedhaniiru.

Dhumarrattis, ummati keenya qabsootti jabaachuu qaba nutis akka jaarmiyaattis akka nama dhuunfaattis qabsoo Oromoorraa ni hirmaanna; wal irraa hin hafnu walirrattis hin ilaallu; kanaan dura sochiin keenya ummata wajjin ta’us, kan duraa caalaatti yeroon ummata keenyaaf uummata keenya keessatti hojjennu amma jechuun waamicha isaanii hojjettoonni fi ogeeyyiin fayyaa bakka jiranii fi akka wal beekanitti qabsoo Qeerroon geggeessu akka tumsan waamicha dhiyeessaniiru. Via Gadaa Araaraa



Oduu TPLF jalaa Miliqxee nu Dhaqqabde.
——————————————–
Torbee kana keessa wolgayiin Abbay Tsahayyee fi garee TPLF n durfamu icciitiidhaan taa’amee ture. Murteen buufatni wolgayichaa dabarse:

  1. Uummanni keenya Sabni Tigiree biyya kana keessa bakka kamuu jiraatu, qabeenyi isaa worra biyya raasaa jiran kanaan akka hin saamamne gochuu qabna.
    Kana gochuudhaaf ammoo humna agaaziitiin eegsisuu fi warshaalee socho’aa ta’aniif proojektoota gurguddoo gara Maqalee tti godaansisuu qabna jedhani.
  2. Qabeenyaa fi baajata maallaqa hojii woggaa haaraa ramadamuu, hamma danda’ametti gara naannoo keenyaatti akka bay’atu gochuu kun immoon waan hedduuf nu fayyada. Tarii garri biyyi tun itti deemaa jirtu yaaddessaa waan ta’eef meeshaalee woraanaa gahaa ta’e bitachuu qabna.
  3. Qabsoon uummati Oromoo fi uummati Amaaraa taasisaa jiru kun kan duubatti deeb’u hin fakkatu, kanaan dura uummata Oromoo qofti sochiin taasisu hagas mara nu yaaddessaa hin turre ammaan kana garuu jarreen lameen wolii galuun isaanii diigaminsa dhaaba TPLF f karaa bana waan ta’eef gama hundaanuu qophaa’uu qabna.
  4. Dokmenterii ilaalcha uummata Oromoo fi Amaaraa woldhabsiisu qopheessuu qabna. Kun ammoo saboonni lamaan akka wol qeeqan taasisa.
  5. Hooggantoota OPDO fi Beaden ykn kan Amaaraa hanga danda’ametti waan isaan fedhan kennineefii qabachuu qabna. Kanaafuu bifaa kanaan yoo hin deemin uummata keenya baraaruu hin dandeenyuu, kana rratti hojjachuu qabna jechuun wolii galaniiru.

Via Beekan Gulummaa Irranaa


Both the U.S. Congress and major international media outlets have broken the silence about
the ongoing human rights violations in Ethiopia.

Here is my recommendation at the Tom Lantos Human Rights Commission, at the U.S. Congress, on June 25, 2015:
Now I would like to talk about what the United States Congress can do to combat torture and human rights violations in Ethiopia. A recent Washington Post editorial called on the U.S. to stop sending millions of dollars to Ethiopia because of its horrible human rights abuses. The U.S. should publicly demand that Ethiopia free political prisoners, stop arresting and torturing Oromos and other Ethiopians, and allow real free elections monitored by international observers within two years. Everyone knows the May 2015 election was a sham election and just a way for the TPLF/EPRDF to pretend it is a democracy and still maintain absolute power.

The U.S. provides hundreds of millions of tax payers dollars in development aid to Ethiopia every year. But who is this development for? Development must be people-centered, the money is being abused by the ruling party, they reward their supporters and penalize the opposition. The U.S. Congress must pay attention to how this money is being used and give more of a voice to independent civil society groups.

President Obama is going to Ethiopia in July, and will also visit the headquarters of the African Union in Finfinne/Addis Ababa. Now is the time for him to raise the issue of human rights not only for Ethiopia but for the entire African continent. How can the United States claim to be a world leader if it does not let African dictators know they have to change their behavior – the culture of impunity has to end. /Feyera Sobokssa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469