Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Mana Jiguuf ka’e utubaan ittisuun yoo xiqqoo bubulche malee jiguu hin olchu

$
0
0

Sinboo Adaamii irraa

665003303001_5091874012001_5091819872001-vsUtubaan wanti barbaachisuuf manni ykn wanti utubaan jala kayame sun akka hin jigneef. Utubaa jala kaayuun tarii yeroof tursiisuuf mala garuu furmaata hundee ykn bu’uuraa ta’uu hin danda’u. Mana dulloomee jiguuf ka’e yoo jigsanii haara ijaaran malee utubaan utubanii tursiisuun rakkina furuu hin danda’u.  kan tahuu qabu manni gartokkotti duufe jiguun isaa waan hin oolleef dafanii diiganii mana haaraa ijaaruu qofa.

Akkuma kana yeroo ammaa Sirni mootummaan wayyaanee hiddi isaa tortoree kufaatiif qarqara boollaarra gahee jira. Sochii ummanni cunqurfamoon dhibbaa fi hiraarrii akkasumas saaminsa qabeenyaa isaanirratti mootolee habashaa dhufaa darbaan raawwattaa jiru  mormuun sirna kana hundeen kaasanii jijjiirrama bu’uuraa fiduuf falmaa geggeessaa jiraniin  sirni saamichaa kun kufaatiif dhihaatee jira.Ummattoonni cunqurfamoon yeroo dhiibba fi hiraarriin itti jabaate  mirgi namoomaa fi mirgi dimokraasii kabajamuufi dhabe, diddaa agrsiisuun sirna sana of irraa buqqisanii sirna haraa isaaniif ta’u dhaabbachuuf falmaa karaa hundaa geggessu.

Ummanni Oromoo dhiibbaa waggoota dhibbaa oliif irrature ,mirga namoomaa fi dimokraasii akkasumas mirga abbaa biyyummaa koloneeffattoota habashaatiin dhabe deeffachuuf falmaa isaa geeggeessa jira. Yeroo ammaa kan ummanni kun haala duraan mul’atee hin beeknee impaayerattii keessatti diddaa geggeessuun sirna faashistii wayyaanee ofirraa kaasuuf falmaa hadhaawaa geggeessaa tureen bu’aalee hagana hin jedhamne gonfatee jira.

Sochii ummanni Oromoo badiyyaa haga magaalaa xiqqaa haga guddaa irratti hirmaachuun taasisaa jiru kanaan mootummaan wayyaanee rifaatuu hamaa keessa seenee akka “namni bishaan nyaate hoomacha qabata” jedhanii waan godhu wallaalee oli fi gadi fiigaa jira. Abdii kutannaarraa kan ka’e tarii ummata kana afaan qawweetiin akkuma durii of jala bulchuu nana danda’aa laata isa jedhuun hidhattoota isaa ummata harka duwwaa hiriira bahee mirga isaa gaafaterratti bobbaasuun miidhaa hagana hin jedhamne geessisee jira. Daa’ima waggaa 9ti kaasee haga maanguddoo waggaa 70ti gara laafina tokko malee rasaasaan ajjeesee jira. Dubartii ulfaa fi haadholii reeffa  ilmaan ishee kaafachuuf jettullee achumatti rasaasan galaafachuun diinummaa isaanii ifatti mul’isaa jiru. Haala kanaan lubbuun lammilee dhibaan lakkaawamuu oggaa galaafatamu kanneen kumoota kudhanootaan lakkaawaman ammo  mana hidhaati dararamaa jiru.

Yeroo ammaa ummanni Oromoo qabsoo isaatiin mirga isaa deeffatee gonfachuu akka danda’u fira mitii diinnillee amanee jira. Kanarraa ka’eeti kaa yeroo ammaa mootummaan wayyaanee jijjiirrama bu’uuraa fiduuf of haaromsuu qabna jedhanii karaa ergamiticha maqaaf muummicha ministeeraa jedhamu Haylamaram Dasaleenyiin torbee darbe kan oduu xibaaraa tureef.  “ kanaafan wantin mataduree irratti mana jiguuf ka’e utubaan utubuun kufaatiirraa isa hin habisu jedheef” jedheef.

Akka haasaa haylamariyamitti jijjiirramni isaan jedhan jijjiirrama ummanni gaafataa jiran Osoo hin taanee jijjiirrama hogganoonni TPLF gaafataa jiraniidha. Innis namoota ummataatti dhiheenya qaban jechuun miseensota isaanii keessatuu kanneen akka miseensota OPDO fi kan warra Amaaraa dalagarraa ariyuun bakka isaanii kan fedhan buusanii umurii bittaa isaanii dheereffachuu dha. Ummata Oromoos Ta’ee ummattonni cunqurfamoon biyaattii wantii gaafataa jiran gaaffii mirgaa gaaffii abbaa biyyummaati malee gaaffii angawootni wayyaanee tokko busanii kaan  aangomsuu iti. EPRDF/TPLF angawoota isaa buusee angawoota biro muudus  ammaan booda  ummattoonni cunqurfamoon keessattuu ummani Oromoo  soba isaaniitiin hin goyyoomsamu.

Wanti gidduu kana dhagahamaa jiru ammo waan raajiiti. Ilmaan Oromoo naannawaa Finfinnee kanneen manni jalaa diigameef deebifnee ijaarra jechuun holola mootummaan wayyaanee kara ergamtoota isaatiin hafarsaa jiruudha. Sila maaf diiganiin gaaffii deebii barbaadudha.

Hololli lammaffaan oofamaa jiru ammo magaalaa Finfinnee keessattii afaan Oromoo afaan hojii taasisuu kan jedhuudha.Waggaa 25 guutuu magaalaa Finfinnee keessatti akka afaan Oromoo hin dubbatamneef kan shira adda addaa dalagaa ture haga yoonatti manni barnoota tokkollee  magaalattii keessatti akka banamu ykn ammo afaan Oromoo magaala keessatti akka baratamu kan hin goone mootummaan wayyaanee amma oggaa muddamu ummata sobee angoorra bubbuluuf jechaadha kan shira kan qopheesseef.

Wanti hubatamuu qabu gaaffiin Oromoo deebii argachuu kan dandahu yoo sirni kun diiggame qofa. Diiggamuu qofaayyuu osoo hin taane mirgi abbaa biyyummaa isaa mirkanahee  biiyi isaa walaboomtee yoo akka biyyaatti of bulchuu dandaheedha malee akka namoonni tokko tokko warreeeen iydoolojii Habashootaa kanneen waggoota 100 oliif nu hacuucaa turanii fudhachuun mirgi Oromoo Itoophiyaa keessatti kabajamuu danda’a jedhaniin miti. Kun jala sararamee beekkamuu qaba. Hooggantoonni siyaasaa  Maqaa Oromootiin daldalan kanneen aydolojii kana jala fiigan gaaffii ummannii Oromoo gaafataa jiru dhagahuu dhabuu ykn ammo ummata Oromoof kabajaa dhabuu waan taheef dhaabbatanii atuu itti yaadanii gaariidha.

Waluma galatti sirna keessi isaa tortore kana of irraa kaasuuf daandiin tokkichi jiru falmaa calqabame kana finiinsanii galmaan gahuu qofa. Kun furmaata maahiti. Mootummaan afaan qawween angoo qabate karaa nagaan ango gadhiisa jechuun of goyyoomsuu yoo taheen ala hiikkaa biro hinqabu. Kanaaf ilmaan Oromoo kessaa alaan QBOf of qopheessuun gumaacha barbaachisaa tahe hunda kafaluun gabrummaa waggaa kana hunda nurra turetti xumura gochuuf hojjechuu barbaachisa. Keessattuu sochii Qeerroon Bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru deeggaruu fi tumsuun warraaqsi kun akka galma isaa gahu gochuun dirqama ilmaan Oromoo hundaa tahuu qaba.

 


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469