Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Uummati Oromoo Jijjiirama Buqqaasaa barbaada

$
0
0

Tulluu Caalii irraa

14355706_294714374243343_7570678594773974862_n
Addi Bilisummaa Uummata Tigraay(Wayyaanoti Tigraayi)  tapha siyaasaa Oromiyaa keessatti taphatan injifatamanii gis (qilax) jechuun OPDO bowwozanii marsaa biraa taphachuuf kaartaa jijjiiran iyyuu matumaa ammaan booda uummata Oromoo injifachuu hin danda’an. Gantuu sabaa tokko  barcuma irraa gadi buusanii  kan biraa ol baasuudhaan  qabsoo bilisummaa fi dimokraasii uummati Oromoo finiinsaa jiru dhaabuus ta’e qabbaneessuu gonkumaa hin danda’an. Jijjiirraa namootaa isaan amma OPDO keessatti taasifne jedhan “ilaalcha dhiphummaa, bulchiinsi gaariin dhibamuu, kiraa sassaabdummaa fi kkf…”  jechuun sab-boonummaa  hanga ta’eefuu OPDO keessatti dagaagaa dhufe  laamshessanii to’achuuf kan akeekkate dha. OPDO bukeessanii sochii achi keessa jiru qabbaneessuuf jijjiirraa kabeebsaa taasifame dha malee jijjiirraan kun gaaffii uummata Oromoo deebisuuf waan fudhatame miti.

Addi Bilisummaa Ummata Tigraay fi kittillayyooti isaanii amma illee kaayyoon siyaasaa fi imaammatooti keenya sirrii dha, toorri keenya sirrii dha, karaanis dhugaanis numa dha,  jechaa jiru. Ummatoota empaayerattii humnaan konkonanii karaa nuti irra isin oofnu  irra deemuu qabdu  ittiin jechaa jiru. Seminaara jedhanii isaan ittiin gurra namaa duuchaa jiranii fi ibsa isaan akka jaarmaatti baasaa jiran irraa kanumatu hubatama. Ummata bulchiinsaa fi imaammata isaanii didee fincile walitti qabanii humnaan waga’uu yaalu. Akka dabballee ykn miseensa ofiitti leenjisuuf dhama’u. Akeeka siyaasaa fi imaammata isaanii dulloomaa uummati harkatti dide ija dhiibanii itti lallabaa jiru. Ilaalchi Dimokraasii Warraaqaa fi Mootummaa Misoomaa, sirni  saamicha dinagdee isaan Oromoo fi uummatoota biro irratti diriirsan akka sirrii ta’etti irra deddeebi’anii nutty himuu yaalu. Jara safuu fi saalfii hin beekne dha.   Sirna politikaa fi dinagdee ol –aantummaa dhaaba TPLF, Tigrootaan, waggaa 25iif geggeeffamaa ture federalizim sobaa,  saamichi dinagdee, hacuuccaan politikaa fi dhiittaan mirga namoomaa loltootaa fi humnoota tikaa Tigreen biyyattii keessatti raawwatamu itti fufsiisuuf murteeffatanii ijibbaata isa dhumaa gochaa jiru. “Albaadhessi quufeen bulaatti du’ee bula” isa jedhan ta’ee kufaatii ofii ariifachiisaa fi boolla itti awwaalaman ofiif qotachaa jiru.

Gaaffiin uummata Oromoo Naclabaashota jijjiiruu yookaan jijjiirraa kabeebsaa yeroo bitannaaf Wayyaanoti fudhachaa jirra jedhan utuu hin taane mootummicha hundeen buqqisee gatuun bilisummaa(libert), ol aantummaa ummataa(popular sovereignty ) fi mirgoota dimokraasii fi dhala namaa mirkaneessuu dha.  Ol anatummaa siyaasaa, dinagdee fi waraanaa ilmaan Tigraay Oromiyaa fi Oromoo irratti fe’anii jiran of irraa buusee biyya ofii irratti aangoo politikaa dhuunfachuun mirga abbaa biyyummaa ofii dhugoomsuu dha.  Uummati Oromoo fi uummatooti biro Wayyaaneen faashistii dha; koloneeffattuu dha(TPLF go home!),  nu irraa bu’I, Tigrootatti hin bullu, didne; ofiin of bulchina; qabeenyi keenya Wayyaaneen saamamuun haa dhaabbatu, kan saamamnes qabsoo keenyaan ni deebifanna; lafa keenya irraa hin buqqaanu, bara baraan harka marannee koloneeffataan ajjeefamaa, hidhamaa fi biyya irraa arihamaa jiraachuu irra wareegama barbaachisu hunda baafnee bilisummaa keenya gonfanna jechuun warraaqsa addunyaa rajee fi lammii hunda boonse adeemsisaa jira.

Mootummaa Wayyaanee irraa jijjiirraa fi wanni gaariin  eegamu tokko illee hin jiru. Wayyaaneen sobduu, waliin dhooftuu, ofittoo, shiftaa fi faashistii biyya qabate dha. gQaama akkasii irraa wanni eegamu hin jiru. Gaaffii  uummata Oromoo deebisuuf fedhiis ta’e hamilee fi gaafatama tokko illee itti hin qabdu. Uummati Oromoo jijjiirraa buqqaasaa(radical change) qabsoo bifa hundaa adeemsisuun harka isaatti galfata.  Kennaa Wayyaaneen osoo hin taane qabsoo isaan bilisummaa ofii gonfata. Kanaafis Warraaqsatti jira.  Uummati Oromoo warraaqsa gamtaan geggeessaa jiru tooftaa bilchaataan daran finiinsee itti fufa. Akka kanaan sochiin bilisummaa Oromoo boqonnaa itti aanutti tarkaanfachuuf qophiin barbaachisu xumuramaa jira. Qabsaawoti bilisummaa, sab-boontoti, dimokraatotaa fi naga- jaallattooti, uummati bal’aan hundi harka wal qabatanii ka’anii jiru. Taankii fi xayyaarri lafaa fi samiin hiriiran iyyuu tokko of booda hin deebisu. Uummata bal’aa kutatee ka’e humni kam illee boodatti deebisuu akka hin dandeenye Wayyaanoti seenaa irraa barachuu qabu. Uummata Oromoo rasaasaan tumnee lafa irraa fixna jedhanii yaadu yoo ta’e addunyaa kana irraa sabni rasaasaan  lafa irraa dhume seenaa keessa akka hin jirre haa hubatan. Tarkaanfiin hammeenyaa fi gara jabinaa uummata Oromoo irratti fudhatamus, jijjiirraan kabeebsaa fi gowoomsaan bifa kamii iyyuu Oromoo qabsoo isaa irraa booda hin deebisu. Sirni cunqursaa fi koloneeffataa  hundeen buqa’ee hiddi isa ciramee jijjiirraan  sirnaa akka dhufu shakkii tokko illee hin qabu. Warraaqsi bilisummaa Oromoo tasa of irra hin deebi’u, ni milkaa’a.

Long Live Oromo Revolution!
Down with TPLF!
Death to counter revolutionaries!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469