Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

#OromoProtest, September 25, 2016

$
0
0

#OromoProtests
Dhaamsa Shaashamannee irraa dhufe
“Manni Barumsa luusii kana magaalaa shaashamannee ti argamu halkan edaa manni galmee isaa fi Konkolaataan Bus (Lochiinaa) kan ijoollee barattoota deddeebisu gubatee jira, eda halkan keessa saatii 5 hanga 6 gubachaa ture, yeroo amma kana mooraan mana Barumsa poolisootaafu hin mudhatu. Manni Barumsa luusii magaalaa shaashamannee keessaa damee 6 ol- qaba , garuu kan afaan Oromootiin barsiisu damee tokko qofa. Hiriira ganama irratti afaan Oromoo kan dubbatamu guyyaa roobii qofa. Manni Barumsa kun karaa baayyee eenyummaa oromoo kan miidhaa Turee dha, kan jechuun ammo namni gube Oromoo jechuu keennaa moti, hanga ammaati qaamni gube hin beekkamu.” Via Mirga Namummaa


Beeksisa

Barattooti Oromoo guutummaa Oromiyaa keessaa yeroo ammaa barnootaaf qophaawaa jiran marti yeroo mana barnootaatti deebi’an sadarkaa duraatti diddaa sirna TPLF f qaban waan ittiin muldhisan keessaa wanneen lama lagatuuni:-

Faaruu Alaabaa OPDO(TPLF) kan naannoo Oromiyaa gutummaatti hin faarfatamu.
Barnoonni civics(lammummaa) Biyyattii keessatti hojii irra oolaa waan hin jirref hin baratamu.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Fulbaana 24,2016


Dhageeffaadha wan goon jedhu dhiifama hin barbaannu wayyaanne irra


Dhaamsa barattoota Oromoo hundaaf
Duraan dursinee baga waraana agaazii irraa haftanii as geessan.
Akkuma beekkamu qabsoon nuti barattoonni Oromoo eegalle hidda jabeeffatee guutummaa biyyattii keessatti ibidda bilisummaa qabsiisee mootummaa gabroomsaa wayyaanee guggubaa jira. Ol’aantummaa TPLF ifatti mul’isuun OPDOn aangoo tokkollee akka hin qabne ifatti mul’iseera. Injifannoowwan boonsan qabsoo kanaan argamaa jiru.
Qabsoo eegalle kana nuti barattoonni akkuma tokkummaan gaggeessaa jirrutti ammas manneen barnootaa gadiitii hanga dhaabbilee Ol’aanota cimsinee itti fufuun hanga bilisummaa gonfannutti falmachuu qabna.
Qabsoon mootummoota gabroomfatoo kanaan duraas kan galma isaa gahe kutannoo barattoota fi dhala barate kan gabrummaaf hin jilbiiffanneeni.
Kanaafuu barattoonni Oromoo barnoota jalqabuun duratti
1) Humni waraanaa manneen barnootaa gadi dhiisee bahuu qaba.
2) Walgahii jala deemtota wayyaanee gara mormiitti jijjiiruu.
3) Barattoonni fi ilmaan Oromoo hidhaman hiikkamuu qabu.
4) Reebichi, hidhaa fi ajjeechan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu dhaabbachuu qaba.
5) Barattoonni Oromoo eebbifamanii hojii dhabdummaan dararaman hohitti seenuu qabu. Hiraarsi irraa dhaabbachuu qaba.
Barattoonni Oromoo bara kana dhimmi ijoon keenya bilisummaa tahuu hubannee qabsoo karaa hundaaf sirritti ofqopheessuu qabna.
Gadaan gadaa bilisummaati.
HORAA BULAA. Via 
Oromiyaa Harmeekoo

14433131_1780885772188810_6554132133893132328_n


One person can maķe a difference when determined to do something. This picture shows a celebrity Oromo girl demonsťrate alone in South Korea supporting Oromo and Amahara people movement for their right in Ethiopia. We have to appreciate her for such commitment. Via Diriba Robi

14355778_10210390114939514_7273080635824403360_n


#OromoProtests Garaan madaa nuqabaatullee guyyaa Nagaya Addunyaa “peace Day” Kan Biyya #Masrii magaalaa #Kaayroo keessaatti Ar’a Guyyaa Fuulbana 24/2016 kabajamee oole irratti, lammiileen adda addaa agarsiisa aadaa garsiisanii ture, akkasuma baqattoonni oromoo (OVA/WTO/ #Waldaa_Tola_Ooltota_Oromoo kan magaalaa kaayroo keessa jiraatan Afeeramanii aadaa fi Seenaa oromoo keessaa muraasa, Nyaata, uffata, Gosoota Sirbaa fi kkf bifa miidhagaa ta’een agarsiisanii jiran.
Peace Day kana sababeeffachuudhaan falmitoota nagaya jaallatan, Nama dhugaaf qabsaa’aa jiran keessaa Suuraa Baqqalaa Garbaa fi Fayyisaa Lalisaa Maxxanfamanii daawwatamaa ture.
Bakkuma fedhettuu Qabsoon itti fufti!::)  Via Diinnee Gabrrumma

14463132_712423202239417_7661586059241234326_n

 


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469