Caalshis Lammii irraa

Kenyan Olympics Marathon winner, Eliud Kipchoge, in Rio in support of Feyisa Lilesa
Yeroo ammaa waan jajjabduu lamatu sab-quunnamtii /social Media/ kana irra naanna’aa fi ho’isamee deemaa jira.
- Injifannoo Gootni keenya Fayisaa Lalisaa galmeesseen warreen biyya dhiyaa daggeruu isaa fi Uummanni keenya bakkayyuutti deggersa qabuu fi dhaadhessuuti jira.
- Ibsa Junaddiin Saddoo mediyaalee adda addatti kennaa jiru.
Dhimmoota kana wal cina qabnee yoo ilaalle yaadota wal-faallessanidha. Adeemsi amma qabxii lammaffaa irratti ka’e kun ta’e jedhamee beekaas ta’e osoo hin beekamin diinaan qindaa’ee of eeggannoo guddaadhan Orommoo irratti kan aggaammatee fi adeemsa QBO dhageettii argatee fi ibida bakkayyuuttuu diinatti ishadame ykn qabsiifame kana dhaamsuuf toftaa gadi ba’e ta’uutu natti muldhata.
Injifannoo Oromtichi gootni Olompikii Rio de Jeneroo Fayisaan galmeessise yaadaa fi qalbii Oromoo hedduu gar tokkotti deebise moo hin deebisne? Tumsa addunyaa kaleessa mana cufttee taa’aa baate argamsiise moo hin argamsiifne? Sochiin Qeerroo biyya keessaa akka jirutti ta’ee haalli uumame kun Wayyaanee raasemoo hin raafne? Qabsaayota Oromoo fi jaaramayaaleen Oromoo bakkayuutii akka of ilaalan godhemoo hin goone? Halagoota warra Habashaa dabalatee FXG Oromoo qofaa isaa deemaa ture akka isaan dhaadhessan dirqe moo hin dirqine? Osoo hin jaallatin qabsoo Oromoo akka deggaran afaanii baafatanii sab-quunnamtii of harkaa qabanii fi addunyaa adda addaa irratti as ba’anii akka dubbatan hin dirqisiifnee? Waluumaa gala haalli torban lamaan dura turan qabsoo Oromoo sadarkaa tokko ol kaasuu fi Oromootti hamilee horuu argina. Qabsoon fuula duratti hanga tooko tarkaanfachuu ishee hubanna.
Gama kaaniin egaa yoo ilaalle Jawween kaleessa marmaratee waggaa afur/4/ guutuu diasporaa kana keessa mataa isaa gadi owwalee rafaa ba’e Junaddiin Saddoo yeroo kana keessa sab-quunnamtiitti as ba’uun maaliifii, Oromoota wal dura hin dhaabne jettuu? Warri kaleessa gandaa fi amantiidhaan Oromoo addaan qoqqooduu fi QBO laamshessuuf tattaaftaa turan carraa argatanii “you tube”n of waraabanii, kaan FB irratti, kaanis sab-quunnamtiidhuma argataniitti fayyadamuun ijifannoo kana haguuguu irratti hajjetaniiru, hojjechaa jiru illee. Har’a Oromoonis ta’ee kaan FB, Viber fi sab-quunnamtii argate mara irratti wa’een Fayisaa Lalisaa hafee haasaa Junaddiin ajandaa muddaa ta’ee jira. Wayyaaneen har’a illee nuuf hin ciifne. Haala akkaan dhokataa ta’een Oromoo gidduu dhuka’aa /Fanjii/ buustee wal nu nyaachisaa jirti. Oromoon kana hin hubanne. Diinummaa Junaddiin kaleessaa sababa godhachuun wal-dura dhaabbatee quba walittu qabuun injifannoo argame gabbifachuun hafeetu akka inni hirraanfatu taasiseera.
Kanaafoo Junaddiin hojiin isaa kaleessaa akkuma beekamutti har’a illee bifa haaraan as ba’ee jiraa dammaqaa. Oromoon wal-dura dhaabbachuu dhiifnee injifannoo galmeessisiifne irraa kaanee itti haa fufnu. Warri ilmaan adeerran Junaddiin nurraa dhaaphaa, guyyaa Bilisummaan Oromoo dhugoomte Junaddiin Oromoo, saba bal’aa dhiifama haa gaafatu. Saba garbummaa jala jiru dhiifama maalii gaafata, maal isa fayyada. Ofiittuu mirga hin qabu, halagaa jalatti bulaa jira Jawween diinni yeroo lammaaffaaf nutti bobbaase boolla isaatti haa deebi’u. Ani haasaa fi booyicha Junaddiin Saddoo irraa waan haaraas hin agarre, waan inni mootummaa Wayyaanee saaxiles hin jiru, har’a illee alaqoota isaa duraa san kabajeeti isaanumaan gaaffa nuun jechaa jira, kaan ammoo waan ragaan meeqa itti lafa guutee jiru hin goone, ana hin ilaallatu, ani haraka keessaa hin qabu, kkf nuun jechuun lama nu gowwomsuu barbaada. Junaddiin dantaan isaa xuqamnaan, taayitaa irraa ariiyatmnaan har’as filannoo kan biraa barbaadee jireenya ofii jiraachuuf ba’e male laalaan madaa dhala Oromoo itti dhagayamee miti. Deggersa qabsoof jecha biyyaa hin baanee ammoo nu gowwomsuu yaala.
Kanaaf Oromoo dammaqi, toftaan diinaa kaleessaa amma illee haaraadha, mirga kee falmadhu. Junaddiin nama tokko, ganda isaa illee bakka hin bu’u. Of danda’ee nama ofirraa falmachuu danda’uu. Warri tumsa isaaf gadi yaatanii tokkummaa uummata keenyaatti duulaa fi duulchisaa jirtan nurraa dhaaphaa. Maaltu bakka bu’aa isaa isin godhe. Anaa fi siin gargar fageessa male Junaddiiniin fayyisuuf hin ta’u. QBO irratti dhiibbaa qaba, tumsa injifannoo Fayisaa Lalisaatti as haa deebinu. Fakkii Hawaasa Minisootaa taanee gadi haa baanu, injifannoo obboleessa keenyaatii fi hiriiyoottan isaa Riotti hafan galmeessan ol kaasnee haa dhaadhessinu, injifannoo hafe dachaa dachaan ol kaafnee gara daandii bilisummaatti waliin haa arreednun jedha.
Faan-dhahii Fayisaa Lalisaa kan ta’an Oromoonni “Para Olompic” irratti mo’atanii mallattoo fincilaa Qeerroo Bilisummaa agarsiisuun har’a mootummaa nama nyaataa sanatti hin deebinu, fincila Oromoo cina jirra, ni deggerra jedhanii dargaggoo qaama hir’uu Riotti hafan eentu yeeadate? Hara’a Oromoon isaan hirraanfatnan bakka bu’oonni Habashoonnii ergan media ESAT irratti irraa geeraraa jiru. Akka ijoolleen kun dagataman kan gumaache inni guddaan olola gama Junaddiin dhiyeeffachaa jiru kana. Kana maaf hubatamuu didee namni social media FB irraatti waan Junaddiin irratti mataa wal cabsaa jiruuf namaa hin galu. Wanni ijaan muldhatu dhimmi ijoollee atileetota kana hagana hirraanfachuu eega hubachuu dadhabnee dhimma QBO hagam akka sakaalle arginaa lata? Of haa iinxallu, olola diina keenya fayyadu kana irraa of qusannee gara QBO finiinsuu irratti haa deebinu, galatoomaa.
IUOf !!!
Utubaa Lammii