Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

DIRRIBEE GADAA BEEKTUU? –Qabsooftuu Qarree Oromoo!!

$
0
0

By Beekan Gulummaa Irranaa

14517579_636680663177461_481799198000515535_nDirribee Gadaa jedhamti. Biyya Janaraal Taaddasaa Birruu shawaa Kaabaa Salaalaaeetti dhalattee guddatte. Akkuma qarree Oromoo kamiitti gidiraa garbummaa keessaa teessee barnootashee hanga tokko hordofaa turte. Ba’aan garbummaa gootonni ishee dura turan itti kufan lafaa kaastee aartii harkashee jiruun finiinsaa turteetti. Geerarteetti, dhiichisteetti, saba rafe daddamaqsiteetti, qeerroofi qarree oonnachiisteetti. (You tube, maqaasheen seenaa, Irrecha Hora Arsadiirratti sirbasheetiin miliyoonota sochoosteetti…).

Kutattuu qabsooftuu Qarree Oromooti. Kaasetta guutuu kanaan dura dalagde kan mata dureen ‘’ Ani ofiin sintuquu ati ofii tuttuqxee nan kaasiin malee..’’ jedhu Oromoo ta’ee kan hindhaga’iin jira jedhee hin yaadu. Biyya abbaashee keessati gidiraa shamarran Oromoof hin malle mara baattee gara biyya ollaatti lubbuuf baqachuun achittis gidiraan walfakkaataan keessaaf duubaa isheerra tureera. Gargaarsa ‘Human right watch, UN fi Sabboontota Hayyoota Oromoo’tiin amma USA seentee jirti. Haata’u amlee, ammas haala gammachiisaa keessa hinjirtu. Haala#Oromo protest kanaan walqabatee sammuunshee midhameera. Dhukkubsataas jirti. Gargaarsa lammummaa ishee barbaachisa. Sabboontonni Oromoo muraasi akka quba qabaniifi as ga’uusheetiif sababa akka ta’an Dirribeen nidubbatti. Miidiyaan Oromoollee mucaa kana as nuuf hinbaasne. Mucaa waa guddoon irraa baratamudha. Yeroo ammaa kana USA Biyya Tennessee Magaalaa Nashville keessa jirrti. Aadde Birhaanee Beekaafi Dr. Gulummaa Gammadaa daran galateeffatti…Sabboontonni quuqamtoota Oromoo biroonis nijiru. Dirribeen darara isheerra gahaa tureen nidhukkubsatti yeroo ammaa kana mana yaalaatti deddeebi’uurratti argamti. Kunuunsa ishee barbaachisa. Oromoon naannoo sana jirtaniifi biyya USA keessa jirtan sabboontuu qarree Oromoo kana teessoo bibilashee 6155467874 fi toora fb shee https://www.facebook.com/dirribee.gadaa.9, akka dubbistan kabajaan isin gaafanna. Dirribeen yeroo ammaa kanas sirba Warraaqsaa HIDHANNEE LOLLA’ jedhuu kan ‘’ Barannetis Biyyaan taane
Qotanneetis silaa nyaanne’’ jedhuun as baateetti (Hidhaa kanaa gadii bani dhaggeeffadh) as baateetti. Wallee baste kanarraa galii eegde homaatuu hinqabdu. Toluma sabasheetiif arjoomte/gumaachite.
Miidiyaaleen Oromoo gaafannoo dhiyeessuufi barbaaddaniif
Bibila: 6155467874
Fb: https://www.facebook.com/dirribee.gadaa.9,
Magaala: USA, Tennessee, Nashville

Sirbootashee keessaa Muraasa hidhaa kanaa gadii kanarraa tuqaa dhaggeeffadha.
1.
2.
3.
4.

Oromoo nama qabsoo Oromoof gumaacha taasise keessumattuu Shamarran keenyaa bilbillee jajjabeessuun rakkoo isaaniitti gurra qabnee kan kana dura nuuf hojjetan caalaa hojjechiisuun qabsoo keenyaatti xumura gochuun nurraa eegama.


Kenya: Artist Dirribee Gadaa’s performance at UNHCR #‎ArtistsForRefugees Initiative

Dirribee Gadaa, 3rd from left

Dirribee Gadaa, 3rd from left

Dirribee Gadaa, one of our own gifted artists (in maroon) was selected to participate in the ongoing ‪#‎ArtistsForRefugees‬ — A UNHCR Initiative which enables talented refugee artists drawn from various countries to showcase their talent while at the same time sharpening their artistic skills. A big shoutout to Diribe for her resilience in rising against all odds and making us proud!

dirribee_gadaa

dirribee3

dirribee1

After Dirribee‘s performance on the coveted stage together with Kenya’s famous hip-hop artist OCTOPIZZO (In hat)— A brain behind‪ #‎Refugeenius‬ Initiative!

dirribee


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469