Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

#OromoProtests, September 29, 2016

$
0
0

#OromoProtests-The message of Qubee generation from Western Oromia is clear: Oromo self-determination is the solution!!
===========================
Ergaan dhaloota Qubee godina Qeellam Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Ashii kun ifaa dha: Gaaffiin Oromoo hiree ofii ofiin murteeffannaa dha. Kanaaf, “kana booddee ABOn nu haa bulchu” jechaa jiran. Via Dhábasá Gemelal


Gabaasi Amma Bishoofturra nu dhaqqabe akka ibsutti Dura ta’aa Gumii Abbooti Gadaa Oromiyaa fi Abba Gadaa Tuulama Obbo Bayyaanaa Sanbatoo mana isaanii irratti bonbii darbuun yaalin ajjeecha akka itti aggamameef waaqni akka isaan baasedha. Oromoon kana booda wanti hafeef hin jiru. kuni tuffii irraa dangadha. qeerron bakka jiruu wal waama jira. Via Tolchaa Huseen Maddaa

beyene_senbato



#OromoProtests Wayyaaneen Irreecha akka daaw’ataniifi miidiyaalee alaa ( foreign correspondents) geejjiba qopheessitee hoteela bilisaan qabdeefi affeertee jirti. Embaasilee jiran hundas akka nama ergan yaamtee jirti. Kanarraa wanni hubannu “Oromoon cunqurfame isin jettan kunoo akkanaan bilisa ta’ee ayyaaneffata” jechuufi. Ta’us gaazexeessitootafi diplomaatota kana waa ofii barbaadde qofa akka argan godhuuf yaaluun isii hin oolu. Kana keessaa tokko naanno waltajjii san guututti ergamtoota ofiitin guutuun, akkasumas gaazexessitoonni kun gara ummata bal’aa akka hin makamne xaxaa uumuun ta’a. Miidiyaalee affeeruun ishii kun yoo sirnaan itti fayyadamne waan onnee Oromoo jiru itti agarsiisuu dandeenye bu’aa qaba. Via Naf-tanan Gaadullo



#OromoProtests #AmharaProtests
OROMON KANA BOODA DIINAA AKKA HIN BITAMNE MUCAANI UMURIINI ISAA HOGGAA 6 AKKASI JEDHE ! WAYYAANEF OPDO DHAF BARUMSA TA’A.
”Qabsoo teenyaa tana wanti lubbuu itti horee baayyeetu jira. Abdii guddaatu jira. Mucaa waggaa 6 ti, jiraataa magaala Qaregohaati. Hamileen inni qabu ajaa’iba natti ta’e. “Waggaa 10 qofatu na hafe, waggaa 16 yeroo gahe wayyaaneen nan balleessa jedhe. Maalif jennaan, lammiiko fixaa jiran. Kanaaf gumaa isaanii anatu baasa jedhe. Amma karaatee baradha. Achii booda yeroo natti marsan gangaladhee jalaa bahuuf nagargaara. Sirba siyaasa naa bani jedha. Kan bira hindhaggeeffattu jennaan sirba jaalalaa hinfedhu” yeroo jedhu ajaa’ba natti tahe. Sirboota warraaqsaa hunda isaa osoo hindogogorin wajjin sirba. Daa’ma keessayyu onnee akkanaatu jira. Bayyee nana gammachiisa.” Via  Abiyot Shiferaw



Ajaa’iba OPDO
godinaalee addaa nannaawaa finfinnee keessatti guyyaa har’aa uummatta walittii qabuun fiigicha jala bultii irreechaa irratti namni tokkoo hafuu hin qabdan ,T-shirtii qarshii 150 dirqama bituu qabdan jedhamee yeroo akeekkachiisni itti kennamu uummanni aaridhaan ajaja keessaniin hin deemnu, konkolaataa keessanis ofumaa ittiin deemaa,t- shirt keessanis hin binnu jechuun qaanessanii jiru.nuti huccuu qopheeffanne qabna osa uffannee deemuf erga yaaduu jalqabnee waggaa guuteera.duruma waggaa waggaan deemuf uummata oromoo hundaan waadaa waliif galle jedhanii qaanessanii jiru.opdonis rifattee miseensa isheetin duubatti nuuf hafaa jettee, miseensi keenya hundi keessanuu t-shirtii bituu qabdu.dargaggoonni tole isiniif jedhan yoo argattan immoo tola ni kenninaaf nuuf barbaadaa dargaggoo jettee maraataa jirti. miseensonni ishiitis nuti ummatarraa akkamitti adda taana jedhanii mormii walitti kaasaa jiru.
Injifannoon keenyuma barana!!!! Via 
Barataa Taaddee Birruu


INJIFANNOOWWAN KUN BILISUMMAA SABAAN GOOLABAMUU QABU-…Ta’uu baannaan ….!!!

14519749_636586039853590_8372748838058851430_nQabsoo Oromoo Keessatti #Injifannoowwan Argaman
#Share #LIKE godhi
1. Maaster Pilaaniin dachee Oromoo saamuuf woyyaaneen qopheessite gootummaa ummata Oromoon fashalaaweera.
2. Caasaan magaalaawwan Oromiyaa irratti Caffeen Oromiyaa woyyaanota wajjiin labse guutummatti haqameera
3.Laftiif qabeenyi Oromoo duraan saamame hedduun tarkaanfii#OromoProtest‘n ummataaf deebi’eera
4. Qormaatni biyyoolessaa tarkaanfii ummatni Oromoo fudhateen guutummatti haqameera.
5. Tarkaanfiin qabeenya mootummaa akka SALAM BUS irratti fudhatameen guutummatti Oromiyaa keessa akka hin sochoone godhameera
6. Qabeenyi TPLF fi ergamtoota diinaa hedduun Oromootaan barbadaayeera
7. Agaaziiwwaniif miseensotni woraana mootummaa hedduun madaawanii hedduun tarkaanfii ummata Oromoon ajjeefamaniiru.
8. Dandiiwwan cufamuun miidhaan karaa diinagdeef daldala irratti dhufeera
9. Ummata Oromoo taasgabeessuuf woraanni kumaatamaan ramadame baajata biyyattii guyyatti miliyoonotaan fixee mootummicha kisaaraa keessa galcheera.
10. Duula bittaaf gurgurtaa lagachuu torbee tokkoo oliif taasifneen diinagdee mootumichaa garmalee laamshessineerra.
11. Atileetotni akka Fayyisaa Leellisaa mormii ummata Oromoo deeggaruun arga dhageettii adunyaa ajaa’ibsiisanii, mootummaa woyyaanetti waaroo salphinaa uffisaniiru.
12. Karaa dipiloomaasii qabsoon taasifame mootummaa woyyaanee adunyaan akka balaaleffattu taasiseera. Baajatas hin kenninuuf kan jedhanis jiru.
13. Qabsoo ummatni Oromoo taasiseen qondaalonni OPDO, perisdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Muktaar Kadiir dabalatee aangoo irraa darbamaniiru
14. Alaabaan Oromoo guutuu Oromiyaa wal geessee, keesumaayyuu gaafa hiriira guddichaa san Alaabaan Oromoo woggoota 25f Finfinnee keessaa ugguramte wereegamaaf gootummaa ilmaan Oromoo kafalaniin handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti mirmirsaniiru.
15. Amma sadarkaa ilmaan Tigiraay Oromiyaa keessaa qabeenya isaanii gatanii ykn saamanii baqachaa jiran irra jirra.
16. Itti fuufa.. Isin itti dabalaa. Walumaagalatti mootummaan woyyaanee akka isin suuraa irratti argitan kana ta’eera. #OromoProtest’n dhukkubbii sammuu itti ta’eera. Biyya sana eenyu akka bulchaa jiru wollaalamee jira. Mootummaa kunaan afaan guuttannee kufeera jechuu ni dandeenya.Qabsoon itti fufa. Hanga faashistiin kufee abbaan biyyummaa keenya dhugoomutti qabsoon itti fuufa. Injifannoon ummata Oromoof. Oromiyaan Ni Bilisoomti.
Beknan Rabira. Via 
Beekan Gulummaa Irranaa


#OromoProtests #AmharaProtests
Wayyaaneen Sirna kufaatii isaa haalan saffisaa jiru ta’uu isaa ragaaleen gurguddaan as bahaa jira.
Bulchinsa Magaalaa Finfinnee keessatti hojjattoota Mootummaa kanneen Sabummaan Oromoo fi Amaara tahan addatti baafamanii itti roorrifamaa jiraachuu ragaa armaan gadii kanarraa ni hubattu. Mootummaa mormitan jechuudhaan kophaatti maqaa tarreessanii hiraarsaa jiran. Jarri kun hidhamuu fi hojii ariyatamuu dandayu.
Garuu wanti wayyaaneen hubachuu dadhabe hiraarsa heddummeessuun qabsoo finiinsuu akka taheedha. Via Mirga Namummaa

14433047_310509402659479_4784972613706118238_n
14433179_310509415992811_1726781805902123484_n14502731_310509445992808_421816638886795169_n


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469