Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

LAMMIITU LAMMIIF DIRMATA, OROMOON WAL MALEE MAAL QABA!

$
0
0

By Saphaloo Kadiir

14517485_1160550260706455_8880853003315926303_nMucaa suuraa isaa argitan kun ‘Yohaannis Girmaa’ jedhama. Dhaloonni isaa Wallagaa Lixaa, Aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandiiti. Gaafa hiriira guddiicha guutuu Oromiyaa hagayya 6, 2016 akkuma Oromoota biraa nagayaan irratti hirmaatee rasaasa waraana agaaziin laphee isaa jala mana sombaa irra rukutamee madaa’e. Isaa dhawamee ciisuu ijoolleen ba’atani gara hospiitalaatti yoo geessuuf fiigan ammaas agaaziin ijoollee isa ba’atanii fiiganitti dhukaastee, ijoollee isaan deemaniis rasaasni rukutee isaan marti madoo waliin kufan. Yoo kufan san Yohannisiis lafaan dha’anii madaa rasaasaa irratti lafeen dugda isaas caphxee akka malee miidhamee jira. Warra isa ba’atanii deeman kan agaaziin rukutte keessa mucaan tokko battalumatti akka du’e himama.

Yeroo ammaa dargaggoo Yohannis Girmaa Finfinnee Hospitaala Phaawuloositti yaalamaa jira. Yohaannis mucaa warra hiyyeessaa yoo tahu duraaniis baadiyaa irra magaalaa galee mana nama ta’ee hojii humna hojjatee jiraata ture. Yeroo ammaa gargaarsa xiqqaa ummataa oromootiin godhameefiin hospiitala paawulos geeffamee wal’aansa yaalaa argachaa jira. Akka ragaan mana yaalaa ibsutti mucaa kun yeroo ammaa miidhama guddaa irra jira. Madaa rasaasaa tan mana soombaa irra dhawame san dabalatee sababa lafeen dugugguruu duuydaa caphxeen handhuuraa gadiin narvoonni waan hojii dhaabaniif qaamni isaa mudhii gadiin guutumatti laamsha’ee jiru doktorri ibsee jira. Mucaan kun gargaarsa nama biraatiin ala of danda’ee sochoo’uus ta’ee ol godhachuus hin danda’u. Abbaa isaatu oliif gadi qabaa jira. Yeroo ammaa hanqinni baasii wal’aansaa (maallaqaa) akka isaan mudatee jiru dubbatan.

14433052_1160550307373117_5645120094885909810_n

Akkuma beekkamu qabsoon bu’aafi faaydaa nama tokkoo osoo hin tahin qabsoon tan saba bal’aati. Akkuma qabsoon tan sabaa taate gootoonni qabsoo gaggeessaniis ilmaan saba saniiti. Qabsoon ilmaan oromoo kumaatamni irratti kufaniifi warraaqsi Yohaannis dabalatee ilmaan oromoo kuma danuun itti madaa’an tuniis dhimma gamtaa keenyaati malee tan dhunfaa isaanii qofaa miti. Kanaaf jaallan keenya kanneen qabsoo irratti miidhaman mara hanga dandeenyutti gaddaafi laalaa isaanii waliin qooddachuu qabna. Keessattuu warra maatii harka qaleeyyii irraa dhalatan, hiyyeeyyiin waan kiniina tokkoon illee bitatan hin qabne dirmanneefi lubbuu isaanii hanga danda’amutti eewaluuf yaaluun dirqama nama hundaati, gahee sabummaati. Namni sabaaf miidhame ilmaan sabaatiin yaalamuun qabsoo finiinsuun fiinxa bahiinsa injifannoo keenyaatiif daandii gabaabsa. Yoo nuti arra namoota qabsoo irratti miidhaman maddii hin dhaabbanne fuula dura immoo ‘waan yoo itti miidhaman namni nama jajjabeessu hin jirretti hirmaachuun ni ulfata’ yaada jedhuun hamileefi mirqaanni isaanii bu’uu mala. Kanaaf Yohaannisiis yeroo biraa daran amma deeggarsa keenya isa barbaachisa waan taheef ilmaan Oromoo addunyaa tana irra jirtan marti waan qabdan hiixachuun obboleessa keenya kana bira dhaabbachuun siif jirra jedhaan.

* Warri mucaa kana waan qabdaniifi waan dandeessaniin gargaaruu barbaaddan:
– Oromia international bank, Mendi branch, Account Number:- 484659, Name of Account: Girmaa Shifaara (Accountiin maqaa abbaa mucaatiin jira) kanaan erguufi dandeessan.

* Warri qunnamtanii waan inni irra jiru gaafachuufi jajjabeessuu barbaaddan:-
– Lakkoofsa bilbiilaa:- {0947443857 Yohaannis Girmaa, ykn 0906584732 Girmaa Shifaarra} kanaan qunnamuu dandeessan.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469