Yoo Oromoo taatee Online jiraatte Dargaaggoota kanaaf “#Like tuqii jaalala sabummaa ibsiif
Dargaggootni Oromoo 6 Fageenya km 150 kan caalu miilaan deemuu dhaan Magaalaa Amboo irraa Ka’anii magaalaa Bishooftuu Hora Harsadee imalaa turan galgala kana gahaniiru. simannaan Oromootaaf Abbootii Gadaa hedduun taasifamaafii jira.
_ _
Kaayyoon deemsa isaanii
1. Kabajaa fi jaalala aadaa, seenaa, safuu duudhaa irreechaa fi sirna gadaaf qaban agarsiisuuf,
2. Huccuun aadaa oromoo kan ittiin dhokatan osoo hin taane kan iittiin boonan ta’uu mirkaneessuuf,
3. Bu’aa ba’ii aadaa seenaa fi eenyummaan oromoo irra dhufe irratti namoota haga har’aa aarsaa ta’anii fi ta’aa jiran yaadachuu fi kaayyoon isaanii kan galma geessifamu akka ta’e mirkaneessuuf,
4. Irreechi fi sirni gadaa UNESCO irratti galmaa’uun sadarkaa eenyummaan oromoo irra jiru kan mul’isuu fi bu’aa sabboontota keenyaa akka ta’e ragaa ba’uufi
5. Fuuldureen aadaa, seenaa fi eenyummaa keenyaa nu dargaggoota harka waan jiruuf jabinnii fi murannoon keenya guddinaa fi dagaagina aadaa fi eenyummaa keenyaaf akka ta’u mirkaneessuufidha. Via Beknan Rabira
#OromoProtests
Ummanni Benishaangul kabajaa fi jaalala aadaa Oromootiif qaburraa, ayyaana Irreecha hora har-sadiitti bor Onkoloolessa 2 bara 2016 kabajamuuf jiru irratti ummata Oromoo waliin argamuuf gara Bishooftuu imalaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Akka odeessa arganneetti namoonni 150 tahan Benishaangulirraa ka’uun gara Bishooftuu kan deeman yoo tahu, “Irreechi banana kan bara Cehumsa Gabrummaa irraa gara Bilisummaatti boqonnaa bane waan taheef irraa hin hafnu jechuun ilmaan Oromoo Dhiha Oromiyaa naannawa Begii irraa Irreeffannaaf imalan waliin konkolaataa kireeffatanii akka deeman madden gabaasanii jiru.
Kun kanaan odoo jiruu, basaasonnii fi tikni wayyaanee hojiilee adda addaa golgaa taasifatuun Ayyaana Irreecha gufachiisuuf Bishooftuu qubatan saaxilamanii jiru.
Murni wayyaanee Ayyaana Irreechaa gufachiisuuf guyyaa ayyaanichaa dursuun tikaa fi basaasota isaa magaalaa Bishooftuu keessa qubsiisun haala sochii ummataa fi sabboontotaa akka qoratanii gabaasaniif bobbaasee jira. Basaasonnii fi tikootni dhalattoota Tigree tahan garuu Afaan Oromoo dubbachuu dandahanis ilmaan Oromoo irreeffannaaf walitti yaa’an keessa tamsa’uun hojii farrummaa dalaguuf bobbaafamaniiru. Fiigichi maqaa Irreechaa dhahatee diinaan qopheeffames basaastota kanaaf bakka itti fakkeessanii mul’atan ta’uun bira ga’ameera.
Poolisoonni, waraanni, tikootni fi basaasonni amanamoon wayyaanee ergamticha Bakar Shaalee jedhamuun gaggeeffaman magaalattiitti ramadamuunis ifa taheera.
Akka odeessa arganneetti, qajeelfamni kennamu Itti aanaa Bakar Shaalee Poolisa Abrahaam, G/Gebradilla kan jedhamu, Komishinii Poolisii Asafaa Biyyoo faan akka kennamu barameera.
Humnoonni diinaa kunneen kallattiilee 4n magaalaa Bishooftuu seensisanitti bobbahuun sakatta’iinsaa fi doorsisaan lammiilee Oromoo ayyaana Irreechaaf Hora Har-sadiitti yaa’an hiraarsuu jalqabaniiru.
Keessumaa namoota kanaan dura hidhamanii bahan itti isin deebisna kan jedhuun doorsisni irra gahu hammaachuu kan eeran maddeen, sirnichi sodaa itti bulerraa kan kahe, erga ayyaanni dabrees hanga torbee tokkoo daandiin gara Bishooftuu geessu akka waraanaan tohatamu ajajuu addeessan.
Lammiileen Oromoo danqaa fi gufuu akkasumas hiraara sirnichaaf odoo harka hin laanne bakkoota Bishooftuurraa fagoo tahan dabalatee Oromiyaa Godinaalee adda addaarraa ayyaana kabajamaa kanaaf gara Bishooftuu – Har-sadiitti yaa’aa jiru. Via Muxafaa Sabonaa Oromoo
BEEKSISA QEERROO BAABBOO GAMBEEL IRRAA NU QAQQABE;
#Akkuma beekamu qabsoo ummanni Oromoo godhu irratti Wayyaanee aanolee fi gandoolee Oromiyaa mara keessatti abbaa garaa ijaarrachuun sabboontota Oromoo Qaqqaalii hidhaa, ajjeesaa, qaama hir’isaa, qabeenya isaa saamaa har’a geesseetti. Haa ta’u malee gocha gara jabdummaa kana basaastota maallaqaaf jecha saba keenya dararan gorsaa warra gorsa keenya dide immoo tarkaanfii irratti fudhataa qabsoo keenya furgaasaa jirra. Haaluma kanaan akka aanaa Baabboo Gambeelittis bitamtoonni ummata keenya dararaa jiran maqaa isaanii armaan gaditti ibsaa gocha isaanii kana irraa of qusachuun hawaasatti hin makaman taanaan karaa hundaan sirreessuuf qophii keenya xumurree jirra. Kanaaf akka of qusattan isiniin jenna warra hafaniifi kanneen kanaan dura maqaa isaanii maxxansinee turre keessaa kanneen hafan, akkasumas ergaa diinaa fudhatanii sabboonta qeerroofi barattoota keenyaafi qonnaan bultoota Keenya hiraarsaa jiran guutuummaa Aanaa Baabboo Gambeeliifi Magaalaa Baabboo Dabaqqaatti kanneen argaman basaastotaafi jaleen Wayyaanee beekamoon kanneen armaan gadiiti.
- Ibraahim Jamaal Ittafaa dhalataa magaalaa baabboo dabaqqaa hojiin isaa ogeessa fayyaa beelladaa hands shimal tokkee irraa kan hojjetu.
- Tasfaayee Taaddasee itti gaafatamaa waajjira galii Aanaa baabboo gambrel
- Daawwit Moosisaa hojjetaa waajjira qonnaa Aanaa baabboo Gambeel.
- Girmaa Gaaddisaa Dhaabaa itti gaafatamaa bulchiinsa Magaalaa shimal tokkee kan tire.
- Baqqalaa Mul’ataa manaajera ganda Haroo Mariyam
- Indaaluu Tottoobaa waajjira dhaabaa Aanaa baabboo Gambeel keessa kan hojjetu
- Hambisaa Waaqjiraa dhimma nageenyaa Aanaa baabboo Gambeel keessa kan hojjetu
- Ayyaanaa kan jedhamu bakki dhaloota isaa Magaalaa Mandii kan ta’eefi hojjetaa waajjira komunikeeshiniifi ogeessa suuraafi vidiyoo waraabu akkasumas gaafa hiriira nagaa biyyoolessaa guddicha gamoo yaabbatee qeerroo fi uummata bal’aa hiriira irratti hirmaate suuraafi viidiyoo waraabudhaan qeerroo fi uummata bal’aa magaalaa baabboo diinatti dabarsee kennudhaan reebichaafi dararaa ulfaataa geessise Jira.
#Oromoprotests Via Dammaqaa Nagaasaa
”Odeessi Godina Gujii ,diinni ummata Oromoo naannoo Gujii Aanaa Gooroo Adoolaa Gandaa Madhaa Dunuun, Ganda Canaa Maassaa fii Magaalaa Doolaa keessatti sakattaa bahuuf qaphii xumuratee jira. Kanaaf sabboontoti Oromoo naannichaa akka Ummanni keenya dursee dhagahee of egannoo barbaachisu akka godhuuf dhaamsa kana waliif dabarsaa!!!
Qabsoon itti fufa!!
#Oromoprotests #Qeerroo_News Onkoloolessaa 1/2016 Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Kabajaa Ayyaanaa Irreechaa fi Sochii Warraaqsaa FXG Dura dhaabbachuuf waraana guddaa bobbaasuun Magaaloota Gurguddoo Oromiyaa fi Kellaawwaan Cufa irratti Sakkatta’insa Guddaa Uummatarraatti gaggeessuun uummaata Gara Irreechaatti Sochoo’aa jiruu Shororkeessaa jiraachuun gabaafame
UUMMATNI OROMOO miiliyoonaan Lakkaa’amu Jalbultii Ayyaanaa Irreechaa Hora-Arsadiitti Guyyaa Boruu Kabajamuuf jiru Ilaalchisuun guyyaa kaleessa Irraa eegaluun Godinaalee Oromiyaa Cufa irraa Garaa Irreechaatti Socho’aa kan jiruu Irra Guddaan Uummataa Daandii (Imala) Irratti Kan Argamuu ta’uu Qeerroon Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa irraa gabaasan.
Irreechi irree keenya. Guyyaa Oromoon kaabaa hanga kibbaa, Bahaa hanga Lixaa Hora harsadee ti wal argee afuuraa jaalalaa fi Tokkummaa tin galatoo uumaa bacaqii gannaa irraa booqaa biratti bahan galateeffatan. Sabboontonni Oromoo kan carraa boru Harsadeeti kabajachuu argattaan milkiin gahaa jechaa ,kan mana hidhaati argamtaniif wareegamaa eenyummaa keessaniif uummata keessa dhalatan kabachiisuf baasa jirtaniif onnee hundaa keenya keessaa jirtan ,Oromoon isin waliin jira. Hundi baga jala bultii Ayyaana Irreechaa geessan! Via Ijaaraa Ifaa
#OromoProtests Qeeroon Oromoo Bishooftuu haala kanan itti jiran.
Baqqalaa Garbaa Olbaana Lalisaa hogganoota keenya.
Hidhaafi ajjeechaan of duuba nu hin deebisu Via Naf-tanan Gaadullo