Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Dhumaatii Arsedee Booda Gaaffii Gubaa

$
0
0

Damee Boruu irraa

14517561_1579042899070925_4572420352816857481_nMootummaan Sanyii balfattuu TPLF uummata Oromoo daa’ima amatee habaaboo fi marga qabatee nagaa Waaqa isaa galata galchuuf qopha’ee irratti qileensa keessaa fi lafa irraan waraana  bantee Haroo Arsedee irratt gaafa Onkololessa 2, 2016 lubbuun Oromoo hedduu akka tasa badu gootee jirti. Mootumman kun hammeenya hiriyyaa hin qabne daddabaltee ilmaan Oromoo irratti akka raawwachaa jirtu raga barbaacha hin deemnu.

Dhuumaatiin Arsedee warra kaan irraa kan adda godhu itti yaadamee  plaanan hojii irraa ooluu isaa ti. Guyyaa kana akka Uummatni Oromoo milliyoonan lakkawamu ayyaanefachuuf bahu mootumaan kun bareechitee beekti.  Bakki kun bakka hojiin mootummaa fi qabeenyi mootummaa jiru miti. Namni mootummaaf hojjetu illee waan achi dhaquuf hin jiru. Kanfaauu, mootummaan  kun uummata Oromoo irratti waraana geggeessuuf qophii utuu  hin qabu tahe  waraanni qileensaa fi waraanni lafa bakka kanatti waan argamaniif sababni tokko illee hin jiru. Mootummaan TPLF karaa ifa taheen saynii Oromoo akka lafa irraa duguggaa jiru dabale daddablee addeesse.

Yaroo kanatti gaaffii gubbaan uummatni Oromoo maal gochuu qaba? isa jedhu deebisuu danda’u dha.  Inni duraa qabsoo bilisummaa kana karaa nagaa bakkan gahuu dandeenya yaadni jedhu , yaadni isaa bareedaa fi eebsaa tahee waan hojiin mulachuu danda’u akka hin taane hubachuu qabna. Qabsoo keessatti  dhaadannoo fi tooftaan yaroo wajjin xinxalammee kan yaroo wajjin deemuun bakka bu’amuu qaba. Harka lamaan mataa irra qabannee dhaabbachuun nagaa barbaanna jechuu akka tahe biyyi lafaa iyyuu nuuf hubate.

Waan hubachuu qabnu garuu biyyi lafaa nuuf birmachhuufis tahe nu gargaaruuf qophee hin qabu. Kan of gargaree rakkina kana keessaa of  bahuu qabu uummata Oromoo mataa isaa ti.  Akkuma Uummata Oromoo uummatni Sidamaa, Gambeela fi Ogaaden harka TPLFn dhumeera. Waraana Eritrea fi Somalee irratti TPLF ooftuun isaan irraas dhiigni baayyeen dhangala’ee jira. Uummata Amharaa illee bara kana akkuma keenya dhiiga dhangalaasaa jirti. TPLF  walii gala uummata Gaafa Afrikaa jiraatuuf dhukkuma  xannachaa ‘cancer’ fayyamuu hin dandeenye jechuu ni danda’ama. Dhukkuba xannachaa kana balleessuu  uummata Impaayeera Itoophiyaa keessa jiraatan duwwaa utuu hin taane kan Eritrea fi Somalee wajjin  wal gargaaruu qabna.

Uummatni Oromoo karaa isaa kan gochuu qabu keessa. Inni duraa maqaa Oromoo of mogaasee   ijaarsi meeshaa diinaa isa duraa tahee kan maqaa OPDOn waamamu  Dhumaatii Arsedee booda  faca’u qaba. Uummata Oromoo keessati  hojjechuuf aangoo seera fi moraala qabchuu hin danad’u ( OPDO has no legal and moral authority to operate within Oromiya) . Uummatni Oromoo qabeenyaa dhaabbatuu fi socho’u , wajjiraa fi hojjetota  OPDO kan tahe mamii tokko barbaddeessuuf haqa qaba. Qondaloon OPDO TPLF wajjin walii galanii uummata Oromoo ficcisisaa jiran akka seeran gaaffataman gochuu irratti hojjetamuu qaba.

Namchi afaan bal’aa akka sari waan TPLF itti kenite bahee maqaa prime minister Itoopiyaa gadi bahee qaanii tokko malee sobu hattattamaan akka hojii isaa kana irra bu’u isaa gaafanna.  Hayile Mariam Dasalegn dhumaati  biyya Impaayeera Itoophiyaa sana keessatti gahuuf gahaa guddaa waan qabuuf innis mana seeratti dhiyaachuu warra qaban keessaa tokko.  Akka inni  murtii TPLF dabarsituu keessaa aangoo tokko illee hin qabanne beekamaa tahee utuu jiru inni garuu fedhii isaan afaan  TPLf tahee dhaabbchuun  akka badii TPLF hojjechaa jirtu kana hundaa of itti fudhatu of godhee jira.

TPLF haala duree tokko malee warraa ishee biyya Oromoo keessa akka hattattamaan baaftu gaafanna. Inni lammaffaa ilmaan Oromoo kumaatan mana hidhaa keessatti dararamaa jiran akka haal duree tokko malee hattattamaan gadi dhiifaman dabalee  gaaffanna .  Qondalonni TPLF hammenyi  namumaa ( crime against humanity) rawwatan akka seera biyya lafaatti dhiyaatan. Qabeeny TPLF, kan dhaabbatuu fi socho’u, namootni TPLFiif hojjetan ykn bifa kamnuu gargaran  dhalootan Oromoo tahan ykn sanyi biraa tahan of keessaa haleeluuf haqa qabna.

Uummatni Oromoo naanno jiraatutti gurmaa’e  hunmna diinaa dadhabduu taate cabsee meeshaa boji’ee of hidhachiisuu qaba. Gochi uummatni Oromoo harka mataa irraa kaawwatee dhaabbatu kun diina keenya bayyee nu irratti goobssee jira. Waan nu tufataniif  jecha  humna xiqqaan baayyee keenya tumuu yaalaa jiru. Amma ammaatti  waan godhan isaaniif milka’ee jira. Kana booda harki keenyaa waa qabachuu qaba. Meeshaan uumaan qabnu waan tufatamu. TPLF uummata keenya fixxuuf murteefatee jirti. Yoo of irratti lolle ammi tokkoon keenya ni hafana.

Lolla yaroo jennu lolli kun mala lolaa qabachuu qaba. Diinni akkasi bakka humna guddaa fi meeshaa guddaa qabutti hin lolamu. Ishee qofaa baate deemtu  hin dhiifamtu. Bakka hojii lola uummataa qopheessuu fi qindeessuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi ABO akka jabeessanii  irratti hojjetan  waanan abdadhuuf  asuma  irrtti dhiisuun fedha.

Uummatni Oromoo biyyaa keessa jiru meeshaa qabun diina kana ka’ee of irraa ittisuu malee filmaata biraa hin qabu. Oromoon ala (diaspora) jiru kaara fedheenuu haa bahu dhumaatii kana jalaa oolee jira. Kana malees sababa adda addaan Oromoonni ala jiran gurmuu hin qaban. Saba kana irraa kan ka’e gargaarsi ABO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoof godhamuu amma barbaadamu tahee hin argamu. Uummata keenya dhumaatii jalaa oolshuuf namni Oromoo taanee dhalanne martuu yaroo dhiphuu akkasii irratti saba keenya wajjin dhaabbachuun gamnumaa gudhaa.Yaroo kana uummatni keenya meeshaa lolaa fi gargarsa horii akka isa barbaachisu hubatnee yaroon dirmachuuf nu barbaachisa.

Ijifannoo Uummata Oromoof!

Oromiyaa Ni Bilisoomti!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469