Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

#OromoRevolution, October 10, 2016

$
0
0

#OromoRevolution “Godiina Arsii A/Lodee hexosasaa Gandaa Gabbee,G/Alekoo fi G/Sibuu abadiir kessatii qeroon wajiraa gandaa gutumatii barbadesuun Meshaa hidhanoo irra hikachuu qabsoo fininsaa jiruu
Injifanoon kan umataa oromotii” Via Saphaloo Kadiir


_91550984_ethiopia_violence_maps#OromoRevolution INJIFANNOO ARSII
RDH Onk 09/2016

Aanaa sirkaatti hiriirri gandootaa fii magaalota gara garaa keessatti akkuma itti fufetti jira. Odeeffannoo nu dhaqqabe irraa akka hubannetti, xareetaa, magaalaa Xareetaatti, Qeerroon hidhattoota irraa hiikkachuun, Qawwee 6 harkatti kan galfatan yemmuu tahu, Qeerroon ganda Baabboo ammo Qawwee 7 harkatti galfatanii jiru. Akkuma san Qeerroon Gammoojjii Qawwee 3 fiduuf waadaa galanii jiru.

Maddi kun akka ibsetti, Alaabaan qabsoo Bilisummaa Oromoo saa’atii 24f fannifamtee kan jirtu tahuu fii, hawaasnis waadaa kan waliif seene tahuu nuuf eeranii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, godinuma Arsii Bahaa, Aanaa Xannaatti, galgala kana ummanni naannoo hundaa walitti bahuudhaan gandoota akka: Soolee Caffaa, Soolee Oliyyee fii Soolee Utaa Keessaa, waajjiraalee gandoota kana hunda, guutumaan guututti barbadeessanii jiru jechuun maddeen Raadiyoo Daandii Haqaa gabaasan


#Karrayyuu

kaleessa irraa qabee haga ammaatti lollii cimaan Oromoo Karrayyuu fi waraana wayyaanee gidduutti geggeeffamaa jira.

Yeroo ammaa kanatti mooraan abbaa qabeenyaa harka mirgaa wayyaanee kan Sheek Allaamuddii duula Qeerroon godheen barbadeeffamuu oduun nu gahe kun ifa godha.

Kana malees konkolaattotni wayyaanee 2 irree ummataa fi qeerroon kan barbadaa’an oggaa ta’u, matireyyesiin tokkos wayyaanee irraa booji’amuu dabaluun hubachiisa oduun amma nu gahe. Yeroo ammaa kanatti agaazotni konkolaattota hedduun dirmatnaaf gara sanatti bobbaafamuunis dhaga’ameera. Ummatni keenyas kana hubachuu fi tooftaa isaa tolfatuu akka qabu dhaamameera…!!! Via Abu Sonko


#OromoRevolution Arsiin Simarse Wayyaane
“Amma saa’aa ani ergaa kana barreesutti Arsii Bahaa Aaana Roobee Ganda Jeenaa Gadamsaa jedhamutti Qawwee 34 hiikataani jiru. Shirka Ganda Galabee amajaa jedhamutti qawwee 43 hiikatanii jiru. Magaalonni Akka Saddiiqa fi Jeenaa kan adda isaan godhu hidhataa leenji’e amansiisuun hawaasa haala itti fayadama qawwee akka leenjisu taasisaa jiru. Warri Shirkallee Akka Saddiiqatitti of bilisoomsuu qabna jedhanii Caasaa mootumma barbadeessa jiran.  Via Dubbadhu Oromiyaa


#OromoRevolution#G/Q/Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo keessatti yeroo ammaa kana meeshaa uumanni qarshii isaa baasee bitate diina lubbuu isaa fi biyya isaa isa saamu kan inni ittiin ofirraa qolatu ajajatu gubbaarraa nuuf dhufe jechuun itti gaafatamaan bulchiinsa biyya sanaa kan ta’e obbo WAAQTOLAA JAALLATAA fi itti gaafatamaa dhimma nagaeenyaa aanaa sanaa obbo BAACAA DAABOO meeshaa keessan hiikkadhaa gara waajjira mootummaatti guyyaa lamaan kana keessatti fidaa galii godhaa yoo diddan rakkoo guddaatu isinirra ga’a jechuudhaan uummata aanaa irraa hanga gandaatti hiraarsaa jiru kanaaf uummata naannoo sanaan gonkumaa akka meeshaa keessan galii hin goone sababni isaa harka keessan duwwaa yeroo taatan akka barbaade isin gochuuf kanaafuu diduu qabdan.

Qabsoon itti fufa” Via Megersa Yadeta


Injifannoon Saddiiqa Akkauma itti fufeetti jira. Arsii Diida’aa Magaalaa Saddiiqaa kaleesarraa kaase hanga ammatti fincilli itti jira.

Magaalan Saddiiqafi Baadiyaan Tokkichummaa kaleessa Bilisumma labsatan. Har’ammoo Gandooti Torban Saddiqa jala jiran Qabaleewwan guutu barbadeessanii jiru. Qeerron magaala Saddiqaa Qawwee hidhataa irraa guurratee lakkoofsan 50 ni caala.

Manneen hidhattota qawwee Kennu didanii gubachaa jira. Jaarsonni mana hin gubinaa qawwee bor nutu irraa guure isinitti kenna jedhaniin. Saddiqa dakaan hanga Sibee, gara Roobetin hanga Masraanjee Abbu Manguddon bulaa jirti. Waraana guutuu of keessa ari’anii jiru. Agilgilooti Cabsanii birrii Guddaa fudhatanii Rasaasan bituuf murteessan.

Garuu qawween isaan minisharraa hikkatan mintoofi wan ta’eef rasaasa mintoofi yeroof argachuu hin dandeenne. Injifannoon Saddiqa kun akka itti fufuuf Magaalota naanno saniiti qabsoo finiinsaa nuu jedhiin.” Via Baatii Bilisummaa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469