Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Labsiin Yeroo Hatattamaa Wayyaanee Aangoo irra tursuuf Wixxifata Mayii ti

$
0
0

(Kan Bishaan Nayyataa Jiru Homacha Qabata)

(Ibsa ABO)

Labsii yeroo hatattamaa mootummaa haala gara garaa irraa labsamuu danda’a. Mootummootni labsii hatattamaa wayta haalli addaa biyyaa fi ummata biyyaa irratti yaaddoo uumuu fi balaa dhaqqabsiisa jedhanii yaadan uumamutti labsan.  Labsiin akkanaa ummataa fi biyyaaf dhimmuun labsamu mootummoota dimokraarawaa jalatti mul’ata. Labsiin Hatattamaa Wayyaanee Onkololessa 9, 2016 garuu mootummaa fi ummatootaa Itopiyaa balaa irraa hambisuuf osoo hin taane Wayyaanee/TPLF kufaatii irraa lubbuu itti dheeressuuf qofa kan labsame dha

Mootummaan Wayyaanee/TPLF labsii yeroo hatattamaa Onkoloolessa 9, 2016  murtii mana marii ministorootaan dabarfame Manni Marii bakka bu’ootaa hin raggaafne karaa Muummicha Ministeraa Wayyaanee Dessalenyi H/Maariyaamiin labsamee jira. Labsiin yeroo hattattamaa kun kan isa jalqabaa miti. Bara 1992 labsa fakkaataa prezidaantii alasii Mallas Zeenaawiin lola labsameen lammiileen Oromoo bakkayyuutti ajjeefamaa fi hidhamaa turan. Sababa labsii kanaan manneen hidhaa akka Huursoo fi Dhidheessatti lammiileen Oromoo daa’imaa hanga jaarsaatti kumma kudhanoota hedduun hidhamuu irraa lubbuun namota hedduu mooraa hidhaa kana keessatti dabreera. Hedduun ilmaan Oromoo mooraa kana keessatti Wayyaaneen giddirfamuu irraa  qaamaan hir’atuu  har’ayyuu ummata Oromoon ni yaadata.

Labsiin Onkoloolessa 9, 2016 labsame kan deemaa ture ifa gochuu irraa kan hafe ummatni Oromoo waggoota 25 dabraniif labsii fakkaataa jala ture jechuutu danda’ama.  Ajaja dabballootaa fi milishaa gandaa irraa hanga qondaalota ol aanaattiin  hidhamaa, ari’amaa fi ajjeefamaa ture.  Ajjeechaa fi hidhaan dorsisanii ummata Oromoo to’achuuf, sirna abbaa irrummaa itti fufsiisuuf kan hojii irra oolfamuu Oromiyaa irratti garee Wayyaaneen kan durfamu Command post ijaaramuu  Muddee 15/16 2015 H/Mariyaam Dessalenyii fi Getachoo Raddaan kanaan dura labsameera. Dabalataanis Oromiyaa bakka 8-tti qooduun bulchinsa Waraanaa jala galchuu dhaan tarkaanfii barbaadan fudhataa har’a gahan.

Mootummootni dimokraatawoo labsa yeroo hatattamaa kan baasan biyyaa fi ummata irra balaa gahu to’atuu fi xiqqeessuuf jecha. Wayyaaneen garuu labsa yeroo hatattamaa kan baasate, ummataa fi biyya irra balaatu gaha jedhee yaadda’uu irraa osoo hin taane, aangoon humnaan dhuunfatee jiru mormii ummatootaa nagaan gaggeeffamaa tureen gaaffii jala galuu irraa ti. Kanaaf labsiin yeroo hatattamaa kun Wayyaanee aangoo irratti tiksuuf baafame. Labsa kanaanis lammiilee biyyaa irratti tarkaanfii fedhan fudhachuuf itti gargaaramu. Ajjeechaa fi hidhaa  gara jabinaa bal’inaan  gaggeessuun of jireessuuf itti fayyadamu. Yaada ofii ibsachuu, wal gahii godhatuu, karaa nagaa sagalee dhageessifatuu fi mirgootni bu’uraa kan biroo labsii kanaan ugguramoo tahu.

Ummatootni Itophiyaa hanga har’aa kan jiraatan bittaa murna gabaabaa jalatti ajjeefamaa, hidhamaa fi irratti roorrifamuun malee akka lammiitti mirgi seeraa fi uumaan qaban kabajameefii miti.  Addatt ammo ummatni Oromoo kan mootummaa kanatti xumura gochuun qaba jedhee tokkummaan ka’uun mormii karaa nagaa kan finiinse roorroon itti hammaatuu irraa ti. Waan taheef ummatni Oromoo har’as taanaan mootummaa naatoo isaaf hin qabne kana of irraa jigsuuf qabsaa’uun mirga isaa ti. Mirga isaa kana uguruuf golgaa labsii hatattamaan duula irratti baname of irraa ittisuufis mirga guutuu qaba. Kanaaf ummatni Oromoo waadaa qabsoo bilisummaaf seene, akkasumas, walii isaa gidduutti seene kabajuun mootummaa kanatti xumura gochuuf falmaa isaa akka itti fufu ABOn labsa.

Kanuma waliin ummatootnii Itopiyaa hundi dhimmi mootummaa faashitii Wayyaanee of irraa maqsuu dhimma Oromoo qofa akka hin taane hubatuun nagaa, dimokrasii fi mirgi namummaa fi nageenyai nama tikfamuu kan hawwanii qabsaawaa turan hundi waliin socho’uun akka labsii hatattamaa gara jabinaan ummata irratti labsame kana fashalsuu fi mootummaa kana karaa irraa maqsuuf socho’an gadi jabeessinee ummatootaa hunda hubachiifna

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Onkoloolessa 10, 2016asxaa_oromo


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469