Dhaamsa Yeroo Hayyoota Deggersa Qeerroo Irraa Darbe
Onkololessa 29, 2017
Finfinnee.
Barbaachisumma Hiriiraafi Itti-fufiinsa Fincila Diddaa Gabrummaa
Irreecha 2017 as hirira gurguddaan yeroo kamiyyu caalaa itti fufee golee Oromiyaa hundaa gahee, motummaa gabroonfataa hundee irraa sochoose jira. Haa ta’u malee humnooti fi namooti tokko tokko hiriira kana jabeessaanii mormaa turan. Uummata Oromoo garuu qabsoo isaa irraa dhaabuu waan hin dandeenyeef, wayita ammaa kanallee qabsoo haala fi toftaa isaa jijjiirratee ittti fufee jira. Qabsoo kana akka gragaaruuf jecha, hojii garee itti fufiinsa FXG mormuu ifa baasuun barbaachisaadha jennee amannerra. Yaada Itti fuufiinsa kana mormuu qabxiillee armaan gadii kaasa:
1. ‘Hoggansi Haaraan kan OPDO gaaffi Oromo deebisuu waan danda’uuf yeroo haa kenninuuf’ yaada jedhu. Akka murni kun jedhutti itti fufiinsa qabsoo Oromoo kun, hiriirrii itti fufuun OPDO karaa isheen qalqabde gufachiisa, wayyaaneen hirirra bahamuu kanatti fayyadamtee jequmsa uumti; diinatuu keessa galee qabsoo karaa irraa maqsaa. Kanaaf hirirrii hin barbaachisu jedhu. Haa ta’u malee yaadai kun dogoggoraa.
a. Dhalooti OPDO uumaata Oromoo bilisa baasuuf ossoo hin taane, diina Oromiyaa keessaatii gad-dhabuu, akkasumas ABO dadhabsiisu waan ta’eef kaayyoo ishee ganamaa kana irraa maquu hin dandeessu.
b. OPDO ammaalee afaan mi’awaa fi afaan qabsoo haa dubbattu malee, qabatamaan jijjirama isheen fidde tokkolee waan hin jirreef, ishi amananii qabsoo laaffisuun ayaanlaallatumaa irraa darbee waan biraa ta’uu hindanda’u.
2. ‘Yoo qabsoo Kun Itti fufe Oromiyaan Labsii Yeroo Sardamaa ykn ‘State of Emergency’ jala waan galtuuf, qabsoo dadhabsisa. Kunis yaada sirrii miti:
a. Labsii Yeroo Sardama (LYS) kanaan dura ji’a dheeraaf Oromiyaatti labasame mootumaa Wayyaanee hedduu dadhabsiitee. Dinagdee biyyatti haalan dadhabe. Meeshaaleen biyaa alaatti ergamu (export) waan dhaabbateef, sharafi biya ala (foreign exchange) haalan xiqqaate. Galiin biyya keessaa haalan gad-bu’e. Investimentiin biyya alaa (Foreign Direct Investment) baayyee midhame. Mootummaan mindaa hojetaa kafaluu dadhabe. Kun jechuun mootummicha garmalee yeroo kamiyyuu caala dadhabe. Kanaf LYS qabsoo Oromootiif bu’aa qaba malee miidhaan isaa xiqqaadha.
b. LYS kanaan dura labsamee qabsoo keenya karaa biraas hedduu deggeree ture. Ilaachii ummanni adunyaa biyyattiif qabu heduu bade. Duraan ummati idil-adunyaa Itiyoophiya tasgabooftuufi karaa guddinaa irra akka jirtuutti ilaalaa turan. LYS booda garuu yaadi isaan jijjirameera. Yeroo dhiyootti dhaabi idil-adunyaa tokko itiyoophiyaa ‘Fragile State’ jedhee madaaluun isaa bekaamadha. Kun ammoo ammas ta’e gara fuulduraatti liqaafi hojii dipilomaasii biyyattiin gootu irratii dhiibba guddaa akka fidu beekamadha.
3. Yoo diina jabessinee dhiibuu dhiifnee innillee nu dhiisa (appeasement policy) yaada jedhu.
a. Akka seenaa keessatti beeknu, diinni kaayyoo isaa irraa kan deebi’u you offii dadhabee, ykn ammoo yoo kaayyoon isaa bakka gahe qofaa malee, you nuti fuula gaarii itti agarsiifne ykn itti laafne miti. Bara Lola Adunyaa Lammaffaa (WWII), yeroo Naazii Jarmaniin biyyoota ollaa weerarte, biyyooti akka Inglizii, Faranasayi fi Rashiyaa, ‘appeasement Policy’ fayyadamuun, yoo nuti Naazii Jarmanii loluu dhiifnee innis biyya keenya weeraruu ni dhaaba jedhanii waan yaadaaniif humnaa ofirraa deebisuu irraa of qusatani. Nazii Jarmaniin garuu amala isaani kana akka carraatti fudhachuun, isaaniin weraruutii cehee, biyyoota maqaan dhahamee hundumaa qabachuu arreede. Akkuma kana yoo diina itti laafne fuula fuula soda agarsiifne hanga dantaa isaa bakkaan gahatutti nu hin dhiisu. Kanaaf yaadi diina ‘appease’ gochuu ayyaanlaaltummaa malee hiika biraa hin qabu. Siyaasa bilchina hin qabneef doggogoraadha.
b. Osoo qabsoon Oromo Qeerroon hoganamu olaantummaa qabatee jiruu, diina sardaa jiruu, diina gidduutti walqoodinsa uumaa jiruu fi qabsoo kun kumaatama fi miliyoonota hiriirsaa jiruu, ‘appeasement policy’ hordofuu jechuun qabsoo kana lamsheesuu irraa kan hafe bu’a fidu tokkoyyu hin qabu. Qabsoon tokko yeroo inni injiffannoo irra jiru, boodatti deebisanii qabaneessuu jechuun toftaa qabsihca tarkanfachiisuu osoo hintaane, kan qabsoo doomsuuf qeerroo hamilee dhorkuudha.
4. ‘Itti fufiinsi hiriraa fi Qabsoo Ummata ficisiisudha’ yaada jedhu.
a. Murnii yaada kana hafarsuu waggaa tokko darbe keessatti ummataan yeroo isaa mijatutti ka’aa, asiin baha, achin bahaa jedhee akka waan qabsoo hogganuutti uummata kakaasaa turuun isaa ni beekama. Amma garuu gaafa Qeerroon qabsoo kana dhuunfatee, mataa isaatiin of hogganee, toftaa isaatiin deemu ammoo ‘hirirri ammaa kun nama ficisisudha’ jechuun hafarsaa jira. Qabsoon kamiyyu wareegama akka gaafatu fi keessuma ammoo Qabsoon Oromoo yeroo ammaa sadarkaa kana kan gahe wareegamaa jajjabduu godhee waan ta’eefi kan irraanfatanii ummata hamilee cabsuun moraa qabsoo Oromoo yoo xinnesse malee kan tinnisuu ta’ee hin mul’atu.
b. Yaadi kun dhugaa ta’e osoo hin taane, murni kana hafarsuu dogoggoraanis haa ta’uu, osoo beekuu, karaa irraa kan maqe waan ta’eff akka inni yaada sirritti deemi’uuf gorsuu barbaachisadha.
5. ‘Hiriira kan waame diina’
a. Namooti tokko tokko midiyaa addaddarratti mumulataniifi miseensoti dhaaba OPDO ganama galgala hiriira kana kan waame diina fi kontrobandidstoota jechuudhaan, qabsoo Qeerroon fi ummati Oromo godhaa jiru xuresesuuf akkasumas ilmaan Oromoo hidhuuf daraaruudhaaf sababa uummachuudhaf yaali godhanidha. Ummati keenya waggga darban kana diina miti kan kakaasee. Jaalalafi murannoo biyya isaatif qabuuf jecha lubbuusaa wareegaa jira. Kanaaf Hiriira kana diinatu waamee jechuun ummata keenya sirritti hubachuu dhabuu irraa kan madde fakkaata.
b. Diinatu waame jechuuf diinnatu itti fayyadamuu yaalee jechuun adda bahee jala muramuu qaba. Yeroo uummati keenya mirga isaatiif qabsaa’uu diinni keessa galee adeemsa qabsoo kanaa karaa isaa tolutti fayyadamuuf kanan duras yaalaa ture, ammas yaali gochuu ni dhiisa jennee hin ammanu. Shira diina kana irratti qabsaa’uun ammoo qamuma qabsoo keenya waan ta’eef shirri diinaa akka sabaabatti fudhatamee qabsoo ilmaan Oromoofi kan Qeerroo xurressuun eessanuu nama hin gahuu.
c. Yaada kana dhugeeffachuuf toftaan itti dhimma bahama jiru inni guddaan namoota nagaa isaanii magaala Oromiyaa keessatti gadi dhiisuun akkasumas namoota kana ammon akkuma salpaatti qabuun basaasa ‘diinni’ erge jechuun midiyaa irratti afarsuudhaan afaanfaajjii uumaa jiru. Yeroo ammaatti ‘basaastuu’ qabuun halaan salphaafi mijataa ta’ee argameera. Waggota 25n fi waggoota dheeraa darbaniif Oromootti basaastuu kumatamni ergamaa ture. Maaliifi basaasotni akkasii hin qabamne? Kunis qabsoo Oromo xureessuuf shira xaxame ta’uu isaa Oromoon gad-qabe beekuu qaba, walii himuu qaba, walbarsiisu qaba.
6. ‘OPDOn Tigree Lola Jirti’
a. Qaami hooggana OPDO ‘haaraa’ jedhamu kun, yeroo ammatti Oromof mirga isaa deebisuuf jecha, Adda Bilisummaa Ummata Tigraayin (TPLF) lolaa jira jedhee afaanfaajjii uumaa jira. Kana dhugeeffachuuf ammoo fakkessuuf afaan sabboonumaa miira Oromoo tuxuqu fi tasgebeesuu hedduu fayadamaa jira. Kunis sammuu fi ilaacha Oromoo jijjiruuf akkasumas akka Oromoon ‘dhaabi nuuf lolu waan argameef waan isaan jedhan yoo fudhannee nu wayya’ jedhee akka yaaduuf, akkasumas qabsoo irra akka deebi’uu yaadamee tooftaa fakkesso (camouflage) dha. OPDOn sirna TPLFin takkuma wali hin lolle. Tarii kan isheen walitti iyyaa jirtu warra wajjin saamaa turan, waan hatan waliin hirmaachuu irratti ta’uu danda’a.
b. Diinni inni guddaan akka ilaalcha OPDO tii ‘Kontrobaandistoota’. Kan uummta amansiisudhaaf heeduu dhama’aa jirti. Garuu kontrobaandiin dhukkuba irraan mula’tu ‘symptom’ malee rakkoo Oromo kan bu’uraa miti. Rakkon Oromoo inni bu’uraa sirna ijaarsa qaamii xiqqoon isa guddaa bulchuuti. Kuni hanga hundeen hin buqqannetti rakkoon Oromo furuun hin danda’amu. Kunimo qabsoon yoo finiinee motummaan jiru dhabamsisee qofaadha.
Kanaaf, nuti Haayyooti Deggersa Qeerroo, qabsoon kun afaanfaajjii amaa oofama jiru irraa hafee, bilchinaan akka itti fufu dhaamsa dabarsina. Qaamii amma biyya keessaa akka Oromoof mirga isaa eeguuf hojjedha jedhu kan qabsoo Oromoo dadhabsiisu malee mirga Oromoo isa dhugaa gonfachiisuu kan danda’uu waan hin taaneef, qabsoon Qeerron Bilisumman Oromoon hoogganu toftaa addaddaa fayyadamuun akka itti fufu qabu jabeessine dhaamsa keenya dabarsina.
Hayyoota Deggersa Qeerroo irraa
Finfiinnee
Onkoloolessa 29, 2017.
The post Dhaamsa Yeroo Hayyoota Deggersa Qeerroo Irraa Darbe! appeared first on .