
Sadaasa 9 guyyaa yaadannoo FDG waggaa 12 ffaa wayta kabajannutti quuqaa fi quuqama qabnuun jaallan wareegamaniif gadda keenya ibsachaa
“Ol Kaayan Malee Ol Ka’anii Hin Fuudhan”
Waaqoo Nooleetiin
Biyya lafaa kana irratti ilmi namaa akka Oddolaatti marfamee hin jiraatu, “No man is an Island”. Addunyaan keessaa jiraannuu fi irra jiraannu tun rakkinnaa fi gufuun kan itti baay’atu addunyaa milkaa’inni hagoon keessaan argamu addunyaa Qabsoo jajjaba feetuudha. Ilmi namaa Jireenya akaakuu kamuu keessatti, Hawaasummaa, Diinagdee, Siyaasaa fi kan biroottis itti gala Kaayyoo isaa Milkii fi injifannoo taasisuuf Qabsoo gaggeessuu isa feesisa. Qabsoo sadrkaa nam-tokkee fi jaarmiyaas ta’ee sanaa olitti gaggeessu keessattii dadhabbii, ifaajee wal irraa hin cinnee, gufuu hin buqqaaneen danqamuu, beelayuu, dheebochuu, Qorraa fi hoo’aan dhaanamuu, Milkiin tureen firaan hifatamuu, Alagaan jibbamuu fi walumaa galatti bu’aa bahii jireenyaa keessatti Hadhaa Qabsoo habbuuqachuun alattii, kan milkaayuu fi injfannoo cululuqaa gonfatu hin jiru; hin jiraatus. kan bu’aa bahii tokkoon alatti milkaayuu isaa qofaan of dhaaduu yoo jiraate Hattuu fi Saamtuu duwwaadha.
Akka kanaanis, Ilmi namaa jireenya fedha, Jireenya Bilisaa kan mirga guutuun keessa jiraatu fedha, Jireenyi ammoo Qabsoo fedha, Qabsoonis Qabsaawaa barbaaddi. Qabsawaan Qabsoo roga kamiinuu gaggeessu keessatti Hamilee, Cichoominnaa, Obsaa fi murannoo jabaa qabaachuu isa feesisa. Ofoola isaatiin Oromoon oggaa haasawu,”Torba deeganii Torba Duroomu, Torba kufanii Torba ka’u” jedha. Qabsoon ilmi namaa sadrkaa fedhetti gaggeessu kamuu afoola Oromoo kanaan addaa miti.
Ilmi namaa qabsoo gaggeessu keesstti kufaatii, Rakkinnoota fi gufuu isa mudutu cufa irraa muuyxannoo horata; muuxannoo horatuu ammoo hojitti jijjiiruun milkii argamsiisa. Kun loojikii dhugaa kan yoomuu hin haalamneedha. Kanneen kana mormanii fi “ammumaa raasnee ammuma baasna” jechuun geerraran yoo jiraatan, kanneen akka mammaka Dullacha kufee lafaa ka’uu dadhabeeti. Dullacha sa’aa Bona Hoongeen lafee seenuun eegessitetuu , “akkuma kan Ganni laaffise Bonni maqaa fuudha” jedhan, Ganna miidhama Bonaa dandamachuu dadhabuun Qabbanaan laafee kufe; Abbaan sa’aa sa’attii lafaa kaasuuf jecha Nama Shan(5) ittii kadhatee shananuu lafaa kaasuu dadhabnaan, “Dullacha koo namni shan lafaa kaasuu hin dadhabnee kan keessaan gadi harkisituu jira” jedhe. Kanaaf kanneen QBO laamshessuuf jecha qabsoo fi Qabsaawota qabsotti jiran ajiifatan cufti isaaniituu warra “Fardi Sangaan hatattamaan Buddeena Bita” jechuun abjotan Ololtootaa fi Bololtoota samaraa/mul’ata hin qabne qofa.
Sabni Gabroome kamuu Harqoota gabrummaa of irraa fonqolchuuf Qabsoo wal irraa hin cinne gageessuu isa feesia. Akka kanaanis Ummanni Oromoo dhiibbaa fi dhiittaa diinaatiin hiraarfamuu fi miidhamuu keessatti muuyxannoo horateen, Dhaaba Bilisummaa sabaa fi Walabummaa Biyyaatiif mormu Kallacha QBO, ABO of keessaa maddisiise. ABOn muuyxannoo Qabsoo Oromoo keessatti horateen Jaallawwan qaqqaalii qarayyoo sabaa itti dhabuun, dhiigaa fi lafee isaaniitiin Abdii fi Gaachina Ummata Oromoo kan ta’e Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti hore.
Dhugaan dirree baatee osoo jirtuu kannee QBOttii daandullee maruuf dhama’an bara dabre jechuun Bara 2016 keessa waan raajii qabatanii as bahaniin, Yeroo ABO fi Ummanni Oromoo bal’aan keessaa fi alaan Sadaasa 9 guyyaa Yaadannoo FDG waggaa 11ffaa kabajanitti, Guyyaa yaadannoo waggaa 1ffaa jechuun kabajuuf dhama’aa turan. Waan hin jirre jiraachisuun maqaa argachuuf jecha Dhugaa maseensanii Soba dhalchiisuuf burjaaja’uun, safuu uumaa fi uumamaan ala bahuun adda miti. Kanaaf kan “Ol Kaayan Malee ol ka’anii Hin Fuudhan” jedheefis.
Walumaa galatti ilmaan Oromoo keessaa fi alaan jirtan, addatti ammoo Qeerroon dargaggoonni/Barattootni Oromoo bobaa diinaa jala taa’uun diinaan kokkee wal qabdanii falmaa hadhaawaa gaggeessaa jirtan, Sadaasa 9 guyyaa yaadannoo FDG waggaa 12 ffaa wayta kabajannutti quuqaa fi quuqama qabnuun jaallan wareegamaniif gadda keenya ibsachaa, xiiqii fi hamilee horachuun Gumaa isanii Bilisummaa sabaa fi Walabummaa Biyyaatiin haa mirkaneessinuun dhaamsa kooti.
The post “Ol Kaayan Malee Ol Ka’anii Hin Fuudhan” appeared first on .