Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Guyyaa Goototaa, Ebla 15, 2016

$
0
0

‪#‎OromoProtests‬ Ebla 15,2016 Guyyaa Gootota Oromoo wal qabsiisuudhaan har’a Ebla 15,2016 FXG Oromiyaa manneen barnootaa garagaraatti itti fufee oole. Godina Shaggar Kibba lixaa aanaa Wancii magaala Wancittii dhaadannowwan
– Kaayyoo wareegamtootaaf dhaabbanne dhaamsa isaanii galmaan geenya
– Barnooti Bilisummaa Booda!
– Bilisummaan hamam mirkanaa’utti barataan mana barumsaa akka hin galle
– Hojjetaan mootummaa hojii haa dhaabu
– Fincilli uummataa itti haa fufu
Waraqaan hedduun dhibbaan lakkaawamu har’a magaalattii keessatti barattootaan Qeerroodhaan bittimfamee ooleera. Haaluma kana fakkaatuun Godina Harargee Lixaa aanaa Habiroo ganda Lagabeera jedhamutti FXG Marsaa 5ffaan Itti Fufuu Qaba jedhu waraqaan ganda kana keessatti har’a bittimfamee jira. Godinaalee Oromiyaa guutuummaatti manneen barnootaa yuuniversitii dabalateen guyyaa waraqaan adda addaa fi FXGs itti fufee ooleera.
Oromiyaa dabalatuun naannoo Amaaraa fi godina Shaggar kaabaa hammatee fincilli jabaate oole. Yeroodhaa yeroottis kan gabaafamu naannoo Amaaraa shawaa kaabaa aanaa Antsaakiyaa Gamzaa ganda Kamaajatee jedhamutti fincilli eegale jji’a tokko ol kan lakkaawu daandiin cufamuudhaan hojjetaan mootummaakamuu hojii dhaabuu akka qabu uummanni hojjetoota motummaaf waamicha taasisee jira.
Ebala 15,2016 Yuuniversitii Ambootti FXG guyyaa lama dura kan eegale har’as GGOn wal qabsiisuudhaan mooraan yuuniversitii Amboo fi Awwaaroo FXG finiinsaa oolaniiru. Guyyaa lama dura rakkoo bishaan dhugaatiin wal qabatee Finclli mooraa Yuuniversti Ambootti ka’een waraanni Wayyaanee naannicha buufatee tureen barattootni dhagaadhaan lola waraana Wayyaane irratti bananii jiru itti fufuudhan har’a
– Qeerroon Oromoo ka’i
– FXG itti fufa!
– Ilmaan hidhuu fi ajjeesuun akkasuma reebicha haa dhaabbatu
– Akka eegalletti FXG ni xumurra!
Barruuwwan dhaadannoowwaniin bittimfanii oolaniiru. Magaalaa fi mooraa keessa kan faca’e waraqaaleen garagaraa heddumiinan mul’atee akka jiru Qeerroon gabaasee jira. Magaalaan Amboo yeroo kana humna waraanaan marfamtee kan jirtu uummannis FXG itti fufuu haala duree isaa xumuratee barattoota walin marsaa 5ffaaf of qopheessaa jiraachu Qeerroon gabaasaa jira.


Gootowwan barattootni magaalaa Najjoo fi naannoo ishii hangamiillee ajjaachaan, hidhaa fi ukaamsaan heddumaatuu Ebla 15 , 2016 guyyaa gootota Ormiyaa bifa kanaa fi bifa adda addaatiin kabajannii oolan. Sanyii duguugaan naanno Najjooti adeemaa jiru suukaneessaa ta’uus qabsaawootni ni du’uu qabsoon itti fufa jedhu Qeerroon Najjoo. ‪#‎Oromoprotests‬ ‪#‎GGO‬
12974453_10153610284782825_4234604852296924094_n
April 15: Honouring Oromo Martyrs
Let us continue to honor the legacy of those who came before us, who paved the way, and helped shatter forced assimilation and cultural conditioning, imposed on us.
April 15th is celebrated as Oromo Martyrs day every year. The day honors and commemorates those who defied successive repressive regimes of Ethiopia and fought and sacrificed for our freedom, liberty and equality. The day remembers the events of April 15, 1980, which saw the mass executions of prominent figures and leaders of National Liberation Movement on the diplomatic mission en routed to Somalia.
To them, we, the current generations have a solemn obligation to protect and uphold the very ideals that they had perished for. We have a national and moral duty to honor and celebrate those who sacrificed their irreplaceable life for the sake our very existence.
Earlier – much earlier – things were much difficult than it may look today. Our journey toward freedom in Ethiopia has been a difficult one, but our fore-fathers made it through a dark era. We did not achieve what we have today all by ourselves; it was our fore-fathers who paved the way for us, so it only befitting and proper that we respect, honor and lift them up before the world, so that our next generation will NEVER FORGET the barbaric and inhumane actions that were committed against them.
Toady when we celebrate the legacy of our fore-fathers, let us also remember ‪#‎OromoProtests‬ fallen heroes and heroines – who have proved to be true heirs to their predecessors. The bravery and heroic actions of our heroes and heroines past and presents alike – demonstrate Oromo’s resolve transcending generations. We can only repay the debt we owe them by carrying on the struggle that they had perished for.
When we remember and honor our Martyrs in our own actions everyday, their legacy truly will live on forever. May Waaqa bless the soul of those fallen heroes and heroines!

April 15,2016
Godina walaga Lixaa magaalaa Naqamte Mormii barattota mana barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Calalaqii Nakamtee amma dhageessisaa jiran
12963604_569234399910967_4890137373422235036_n
13012858_569234573244283_5285057322089252625_n



Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469