Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Abbootiin Irree Maaliif Salphina Eeggatu?

$
0
0

Abbootiin Irree Maaliif Salphina Eeggatu?

Idaamiin Daadaa, Mahaammad Gaadaafii, Hayilasillaasee, Kol. Mangistuu H/Maariyaam, Saadaam Huseen, RooBarti  Gaabreel Mugaabee, Wayyaanee………

Baarentuu Gadaa Irraa……..

Dubbiftoota! Mee abbootiin irree humnaan aangoo qabatan maaf aangoo humnaan qabatan sanarraa bu’uu didu..?  maaf  salphina eeggatu..?

jedhamtanii odoo gaafatamatanii deebiin keessan maali?  Abdiin qaba baayyeen keessan akka  sababaa adda addaa  tarreessitanii fi kanaa fi sana jettan.  Eeyyee namuu sababa adda addaa danuu tarreessuu danada’a. Sabani kunis walfakkaachuu baachuu mala! Dhugaan lafa kanarra jiruu fi irra jiraan namaa irratti walii galu, kan seenaan abbootii irree ka’anii kufanii argisiisu garuu tokkoo fi tokko qofa!!!

Tibba kana yoo  waraanni biyya  Zunbaabee  abbaa irree pireezidaantii biyya sanii ta’uun nama waggoota 37 oliif aangoo hunda  humnaan sassaabbatee irra ciisaa ture fonqolchu dhageenyee agarreerra. Namni kun aangoo biyyattii hunda harka isaa fi haadha warraa akkasumas maatii isaa galchuun maal akka uummata Zunbaabee  godhaa tures namni quba hinqabne hin jiru. Eeyyee waraanni biyyattii karaa dubbi  himaa isaa  teeleeviziyoonitti bahee Mugaabeen  mana isaa keessatti hidhamuu ykn uugguramuu warra isa marsanii biyyattii dhiiga xuuxaa turan  garuu seeratti dhihaachaa akka jiran ibseera. Waraanni biyyattii aangoo biyyattii Mugaabeen irratti tortore tasa osoo Mugaabeen hin beekiin qindaayee irraa buuse kun  fakkeessiif amma  Mugaabeen  nagahumaan mana isaa keessa jira jedhee haa hololu malee akka xinxaltoonni jedhanitti dhugaan biyyattii keessa jiru Mugaabeenis akkuma abbootii irree kaanii yakka raawwateef kan harka isaa argachuuf akka jiru ifaadha!

Dubbiftoota! Mee guyyootuma ykn yeroodhuma gabaabduu dura  waayee Zunbaabee fi Roobarti Gaabreel Mugaabee duubatti deebi’aatii xiinxalaa ykn ilaalaa. Namni  Roobarti Gaabreel Mugaabee jedhamu kan waggaa  37 oliif aangoo biyyattii hunda humnaan dhuunfatee biyya  Zumbaabee jedhamtu bitaa ture kun aangoo irra ture kanatti quufuu dhadhabee yoo inni kan dhufuuf of qopheessu argaa fi dhagahaa turre. Namni kun nama humriin isaa 93 olii ta’uu caalaayyuu dullumarraa kan ka’e nama bakka dhaqetti dhaabbachuu dadhabee kirkiruu, bakka taa’eetti muguu, haaswa dadhabee afaan wal dhahuu ture. Abbaan irree kun osoo haala kanan jiruu waggoota itti aananiifillee aangoof of qopheessaa, darbees isa booda haadha warraa isaa Girees Mugaabee dhaalchisuuf qopheessaa ture.

Eeyyee jaarsi waggaa 94tti hiiqu kun  mormitoota isaa mara akkuma wayyaaneen  impaayeera Itiyoophiyaa keessatti godhaa jirtu kaan hidhee kaan ajjeesaa, kana ammo horiin bitaa ture, akka fakkeenyaatti namoota paartii mormituu  hoganaan keessaa kan miidhaan guddaan nirra gahaa ture Shaangiraayi namani quba hin qabne hin jiru. Mugaabeen akkuma wayyaanee uummata Oromoo fixaa jirtuu warra isa waliin qabsaawanii fi hojjetanifillee nama tolee miti. Akkuma yaadatamu itti aantu isaa waggaa dheeraa waliin hojjete waggaa muraasa dura “haadha warraa koo ija gaariin hin ilaatu” jedhee  aangorraa hari’eera. Qabsaawaa bara dheeraa kan dubartii kana bakka bu’uun itti aanaa pireezidaantii biyyattii tures kunoo tibba darbe haaluma walfakkaatuun  “Girees Mugaabee ijji inni ittiin  ilaalu natti hin tolle, nafonqolchuuf yaala” jechuun dhiitee ofirraa hari’e. Walumaa galatti hundumaa hari’ee aangoo biyyattii ofii fi  harka  haadha warraa isaa Girees Mugaabeetti galche.  Garuu kunoo xumura badaa jira!

Roobarti  Gaabreel Mugaabeen  warra naan mormu jedhe hari’uu, hidhuu ajjeesuu fi bakka buutee dhamasiisu qofa osoo hin taane guddinatti balabala cufee biyya “Gootaraa midhaanii” jedhamuun beekamtu hiyyummaaf saaxilee uummattoonni biyyattii akkuma uummattoonni Itiyoophiyaa bulchiinsa Wayyaanee jalatti beelaaf fi gadadoof saaxilaman beelaa fi gadadoof saaxile.Waggoota 37 oliif Zunbaabee haqanqaalee bitaa ture. Har’a garuu dubbiin akka yaade hin taanefi.

Odoo bara bittaa biraa yaaduu waraanuma isaan salphifame. Xumura isaa kan oollee, bullee ilaallu ta’uus warri isa marsee harka dhahaa ture kanneen akkuma OPDOn hara wayyaanee jala kaattee uummata Oromoo miisiisaa jirtu; miisisaa turanii fi ergamtoonni hunduu har’aa mana hidhaatti darbatamaa jiru. Mugaabee aangoo irratti ciccaa turee fi irrattis du’uuf of qopheessaa tureeefis haalli jiru miidhagaa miti.

Innis halalyyaatti sigigaachaa jira.  Kan  baayyee nama ajaa’ibuu fi nama raaju abbootiin irree hunduu addatti ammoo Afrikaanonni maaf amma haala kanaan salphifamanii aaangoo gadi dhiisanitti irratti cichuu kan jedhuu dha..??

Dubbistoota! Mee immoo  mootummoota Afrikaa bulchaa turanii fi jiran hunduma isaaniituu of duuba deebi’aatii ilaalaa, warra  hara’a aangorra jiranii fi uummata bulchaa jirra jedhan uukkaamsanii,  mirga namoomaa isaanii dhiitanii bulchanis xiinxalaa. Yoo biyyoota xiqqoo fi qubaan lakkaawwaman ta’e malee baayyeen isaanii akki itti aangotti dhufanis ta’e akki itti aangorraa bu’anii fi bu’uuf deeman baayyee fokkisaa dha. Du’aan, hidhaa fi salphinaan bu’aa turan bu’uufis jiru.

Abbootiin irree maqaa uumataatiin kakatanii filannoo uummataa malee aangoo qabatan hunduu wanta isaan raawwataa turanii fi jiran yoo illaalle faallaa dimookiraasii, faallaa mirga namoomaa, faallaa uummata  ittiin kakkataniiti. Aangoo yaabbatan irratti  yoo cichan, irratti du’an,irratti salphatanii fi humnaan fonqolfaman arginee dhageenye. Fedhiin gadi dhiisanii hin beekan. Dimookiraasii, mirga namoomaa hin beekan,. Uummanni  beela’ee, dheebotee, dhibee fi rakkoolee kamiifuu saaxilamee isaaniif dhimmaa miti.  Kan  nama ajjaa’ibu ammoo kan ofii isaanitiif amma dadhabanii fi du’anitti aangorratti cichan caalaa du’a isaanii boodallee ummanni akka bilisummaa hin arganne abbaa irree biraa, maatii isaanii keessaa bakka buufachuuf carraaquu isaanitii.  Kan hara’ Zunbaabee keessatti argaa jirruu fi kan  Itiyoophiyaa keessatti argaa turree fi jirrus kanuma.

Egaa amallii fi haalli  gadheen, fokkisaan  abbootii irree Afrikaa kan wal isaan fakkeessu isa kana. Tokko tokkorraa hin baratu.  Dhugaan akkasii kalees tureerraa Kunoo Mugaabee Zunbaabee irrattis muldhateera. Aadaa siyaasaa impaayeera Itiyoophioyaa yoo kaafnee ilaalle ammo kana caalayyuu fokkisaadha jechuu dandeenya.  Namoonni Impaayeera itiyoophiyaa bulchaa turan hunduu  waggaa hedduuf humnaan aangoo qabatanirraa bu’uu diddaaf ajjeechaa, hidhaa fi dararaa raawwataniiru. Haylasillaaseerraa amma Wayyaanee har’aatti aadaa ta’ee kanumatu itti fufe.  Hayila sillaaseen, Dargiin  tolaan dinnaan Fincila uumataatiin, humnaan aangorraa bu’an. Wayyaaneen har’as akkuma  Hayilasillaasee fi dargii Kaleessaa fi Roobarti Mugaabee har’aa itti bu’anitti malee akka hin buune ifatti muldhachaa jira.

Wayyaaneen  guyyaa humnaan aangotti dhufterraa kaaftee waan ittiin kakachaa turte  hunda dagattee  waan uummattoota itiyoophiyaa addatti ammoo uummata Oromoo gochaa turtee fi jirtu argaa turre, jirra.  Yakka yakkarratt raawwachaa turte,jirti. Uummattoonni biyyattii keessumaa uummanni Oromoo waggaa hedduuf tolaan nurraa bu’i jedhees murna tana gaafachaa ture.  Dinnaan garuu kunoo akkumaa argaa jirru  humnaan ofirraa buusuuf qabsoorra jira. FXG finiinsaa jira. akkuma abbootiin irree impaayeera ityoophiyaas ta’e kan Afrikaa kanneen kaani  itti bu’anitti  ofirraa buusuuf  karaa jira. Wayyaaneetti salphina, salphina caalu haguugee akka ofirraa kaasus shakkiin hin jiru!

Dubbistoota! mee gara gafii calqabarra kaafnee isa “maaliif abbootiin irree amma salphatanii aangorraa bu’anitti eegu…?  jedhu haa ilaallu,

eeyyee maaf   amma slphinaatti aangorratti cichu,?  deebin isaa  kan

namni baayyeen irratti walii galuu fi dhugaan waayee seenaa abbootii irree lafa kaa’ee darbe jedhu tokkoo fi tokko jenneerra, innis abbootiin irree  filannoo uummataa malee aangotti dhufan kun  hundii isaanituu yeroo aangorraa jiranitti  uummata ykn uummattoota bulchaa jirra jedhanirratti  yakkoota danuu dalagau. Ni saamu, ni ajjeesu ni hidhu, ni dararu uukkaamsanii, mirga uumaaa fi dimookiraasii isaanii uuguranii bara bittaa fi saamicha aisaanii dheereffachuuf yaalu. Egaa yakka kana mara raawwatanii tolaan aangorraa bu’an itti ulfaata. Yakka dalagaa turanitti akka gaafataman waan beekanii fi sodaataniif amma du’aan ykn humnaan aangoirraa bu’anitti tolaan bu’uu hin fedhani.

Kanaafuu kan isaan dhiphisu yakka dalaguu isanaiti.

Eeyyee  rakkoon abbootii rree Afrikaa kana,  Mugaabee Zunbaabee bulchaa tures haa ta’u wayyaanee har’a uummata Oromoo hidhaa fi ajjeesaa jirtu kanatu hudhee ishii qabee jira.

Wayyneen yakkoota uummattoota impaayeera itiyoophiyaa irratti addatti ammoo Oromoorratti raawwachaa turte waan beektuuf  amma  salphifamtee humnaan bututti aangoo gadi dhiisuu hin feetu. Dhugaan jiru kanaa fi kana qofaa. Uumamttoonni  cunqurfamoon Itiyoophiyaa addatti ammo uummanni Oromoo kanuma hubatee qabsoo isaa roga maraa jabeessee itti fufee jira, kan jabaatee itti fufuu qabus kanaa fi kana qofa!

Wayyaaneen akkuma abbootii irree kaanii  lolaan malee murna tolan buutii miti! Kan tola didee salphina barbaade salphisuun ammoo yakkaa miti!

The post Abbootiin Irree Maaliif Salphina Eeggatu? appeared first on .


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469