Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

WARRI KUN! Maalif jedhe laata Kekiya Badhadha?

$
0
0

WARRI KUN! Maalif jedhe laata Kekiya Badhadha?

Caalaa Hayiluu irraa

Weellisaa lafaa dhufaa Qeerroo fi qaxaleen hardha ani waan xiqqoo barreessuf kahe Keekiyyaa Badhaadhaa jedhama. Artistoota lafaa dhufoo dandeettii addaa akkaan badhaafaman keessaa nama tokko.

Jalqaba bara 2014 irraan walleesaa duraa dhagaye.Ergasii faanan dhahe; nan hordofe, waalleesaafi walaloosaan caqase, hiikoo mataa koon kennaafii deddeebisee xiinxale. Akka nama waloo xiqqassoo qe’ee keessaa takkaatti anis mee seeccessa walaloo fi yaa’aa walaloosaan xiinxalafaan aggaame.

Keekiyyaan anaan walii galaafi hin galuu hin beeku;Ammoo ani akkasitti laaleen jiraatii,Marabbaa!

Keekiyyaan yeroo yeroon ulfaataa, yabbataa fi dandeettin akka galaana jechoota Oromoo daakaa deemaa jirun hubadhe.

’’cirracha bishaanii, baayyinni jecha kee
waraabbamee hin dhumuu,
weedduu fi mammaaksi kee.’’

Akka Dr.Gammachuu Magarsaa jedhee barreessee; weellisaa Alii Birraa ganna hedduu dura alalaase sana keekiyyaan dhugoomsaa dhufe.

Dhaloota haaraa, dhaloota qubee kana silaas kam dinqisiifattee kam akka dhiiftu yerooo keessa jirru keessatti nama tokko qofa dinqisiifachuun ulfaatus Artist Kekiya Badhadha

kennaa addaa inni qabu, dandeettii sichiyyuu aka burqaa mormor burqaansaa gadi fagoo inni baatee deemaa jiruufi guddattuu egeree tahuusaatu akkan qalbii koo ergisuuf na godhe.

Kanaan dura sirboota #Hacaaluu, #Shukrii, #Muluu, #Michuu,#Seenaa, #Kamaal, #Muktaar ,#Galaanaa, #Kadir fi kanneen biroo irratti barruu gaggabaabaa barreessera. Kan dubbise dubbiseera kaanis yeroo biroo dubbisu malu hardhaaf dabareen kan Keekiyyaati.

‘’Nama dursitee hin faarsin booddee arrabsuun sitti ulfaata’’ jedhan. Sirba Kekiya Badhadha kan #’Waliin Tolla (2014) ” jedhu ani jalaa qeeqen ture. Innis qeeqa kiyyaaf karaa dhuma keessaa deebii naaf laatee ture oggas. Qeeqni koo yeroo sanaas haala yeroo sana ture keessatti qabeeyyiin wallee Sanaa akka kootti waan natti hin tolleef ture. Hundaafuu qaxaleen dhiiraa imala jalqabe sanaan tokko jedhe malee kan hin xummurreefi sichiyyuu burqaan suni akka reefuu ol bahaa jiru agarsiisaa dhufe. Burqaa muuziqaa dhaa, burqaa dandeettii walaloofi jechamaa,akkasuma kennaa addaa ogwalalaoofi og-barruudhaa keessa isaatii finiinu karaa dhuma walleesaa mirkaneessaa dhufe.

Waan hunda caalaa Keekiyyaan dandeettii inni sirba aadaa ummata keessa jiru miidhaksee haala ammayyaan hojjetu adda isa taasisa. Walaloo tokko kan walaloo fakkeessuu saayinsii ammayyaa hordofuu qofa utuu hin taane saayinsii sabichi durii wweedduu fi gumgummii, afoolaafi faaruu akkasumas mammaaksaafi jechama isaan dhalootaa labatatti jechaa turan, ammas jedhama ajiru aartiin miidhgasanii dandeetii ofiin klaqa addaan sukkuumanii yoommuu dhiyeessan sanatu dhama Oromummaa jennuun sana itti hora. Dhama Oromummaatiimmoo wallees tahee walaloo tokko Gadaa qaaris taasisa. Isa labataa labattaii nuuffii malee gurri osoo hin quufneefi hin quuqne caqasu jechuu kooti.

Walleewwan kanaan dura inni baase kan akka #Hiibboo, #Waata, #Qoosaa_dhiisi_Oromoo_jalaa karaa gad lakkisi  #Shammaanee #mammaarannee jedhan hunduu walaloo Gadaa gadaatti cehuun dhaggeeffatamanii dha. Irra caalattiyyuu sirba daa’immaan Oromoo sirnaan caqasuun seenaa irraa baraniifi sabboonummaa irraa dhudhatanii dha.

Hardhaaf wallee isaa dhiyoo tana #WARRIKUN jedhen xiqqoo ilaala me.

#Hubannoof walleen kuni keessumaa yeedaloon isaa akkauma wallee Hacaaluu kan ”Maalan Jiraa” bara 2015 bahe sana yeedaloo aadaa ti. Gara Giddu galeessa Oromiyaatti keessumaa Tuullamni wallee kanaan #shobeetee bu’a; ni ragadan, ni dhiichisaan.

Ammoo lafa dhiittaarra darbee dhaammata, gumgumaa fi lallabatas;iyyannoodhas, gaggaafatas.
MAAL GAAFATUUFI MAALITTI IYYAATUU WALLEE KANA SIRNAAN CAQASAA.
Walaloo inni Ceesisa duraa keessatti kaase kana waliin llaalla mee
#Gaagura aarri ulee, Asheeta koo mee lulee
nadhii dammaan bulbulee (dammaan bulbulee)
Yaafarasootiyyahoo
jaalallikeenya dawoo, nurraa (karaa bubbulee).
Odaa Nabee warra kee daallan agamsaa
#nyaaran qarroolee akka jabbii gadamsaa
fardaa lafoodhan namni martuu adamsaa.
As keessatti wanti dhaamis gubbaa fi keesssaa adda adda naaf ta’e.

Eyyeen dhugaadha intala Ajaayibaa takka akka faarsaa jiru warri jaalali ijaa fi halaalaa qabe rakkiseef dawaa taati;gumgummii fi dhaamsii kuni garuu sana darbaa dha.

’’Odaa Nabee warra kee daallan agamsaa
#nyaaran qarroolee akka jabbii gadamsaa…’’

Odaan Nabee bakka ulfoo kalee kaleessati. Bakka gadaan dursee teessifate akka tahellee qorattoonni seenaa baasaa jiru. Egaa  Odaa nabee bakka nagaafi caffee tumaan ollaa turte sarana naannoon agamsa taatee, Agamsi odaatti dhiyaannaan waan hedduu balleessa;ni dhiigsa ni boochisa. Akkasittikaa kunooti biyyi Odaa Nabee fi biyyi caffee tumaa ollaan agmsaan marfamee dubbinuu bade.

Akkamitti?
’’fardaa lafoodhan namni martuu adamsaa…. ’’ eenyu ishiin?

ANAAF isheen Eyyeen Oromiyaa dha, Oromoo dha fi Finfinnee kan hundatu adamsu, hundatu barbaadu. Nutis abbaa biyyaati jenneet kumaatama irratti kitimne,irrattis wareegne. warri kaanimmo haadha ormaa taatus, irraaa hin kaanudhaan nu kitiman, Ittiin diittoomne nuun jedhan. Darbaniiyyuu sinuu alaa ittti dhuftan nuun jedhan. Akkasuma harmee Oromiyaatisiim! Akkasiif jedhinnaa laata Keekiyyaan?

Kan biraanimmoo Gaagurri akka gaaritti ulamnaan dammi keessa nyaannus akkasuma waan gaarii bareeda tahuusaati. Gaagura baasuufi uluun garuu salphaa akka hin taane warra gaagura baasuufi fannisu,akkasumas ulee eeggatutu beeka. Bilisummaanis akkasuma yaa jamaa!

Egaa jaalala Dammaan qabsiisee haa ibsu malee cigoon dubbii kanaa anaaf hiikaa biraa qabdi. Martee mammartee dubbiin waa Finfinneeti, waan Bilisummaatii, dheebuu sabichi osoo nu bira qaqqabde jetdhuu deebiseemmoo fagaatu; nuuf ife osoo jedhee burraaquu deebi’eemmoo dimimmisaahu. Dharraafi yaaddoo bilisummaa, dharraa fi yaaddoo biyyaa abbaa ofii, kan magaala guddoon isaa isa irraa fagaattee, irraa ormoomtee; orma orma urgooftu, kan osoo dahoo walii jiran walirraa fagaataan.

Bareeda nyaaran qarroolee akka jabbii agadamsaa- NYAARAN QARROOLEE jechuun kan nyaarri illee lamaanii gidduun wal xuqu jechuudha. Dubbiin keenyas akkasumaam!

-Tuulamtittii yaacallaa #Daadhii Fayyisaa
garaan si jaalatu eenyudhaaf callisaa
dukkana roobaa halkan qixxee jaammisaa

As keessatti goota tokko nu yaadachiisuuf aggaame. Gootaa hardha dhaloonni kuni beekuu qabu. Tarii kitaaba Tolaa Urgii namni dubbistan ykn kitaaba #Gizzitinnaa-gizoot,kan Zoogaa Olaanaa  yoo dubbistan sirriitti yaadattu jedheen yaada.

#Daadhii Fayyisaa gootichaa Oromoo Tuullamaa-Adaaman biqilchiteedha. Akasumas hundeessitoota waldaa Maccaa Tuullamaa keessas nama tokko ture. Gootota qophii wal argaa Oromoo #Dheeraa irratti godhame, #Haajii_Simbirroofi #Roobaleefaa waliin mijeessan keessas nama adda duraati. Arjaa-soorreessafi gootaa dhaloota hedduu of duuba hiriirsisee dha. Gaafa gootonni keenya hunduu bara HAYILEE-Sillaasee hidhaatti guuraman yeroof #Ahmad_Bunaa(Leenca Arsii kan bara sana seenaa guddoo hojjateefi boodee ijaarsa ABO keessattillee adda duree ta’e) waliin bosona naannoo Sodaa-re’ee (Soodareetti) galuun diina bahaa gala dhoowwanii turan. Keekiyyaan wallee tanaan Adaamarraa kahuu yaadet maqaa goota kanaa mee yaadadhaa jechuu isaati fakkaata.

Waan jaalatanirraa hin hafan; hin rafanis, halkaan roobaas jaammisaa bulan malee! Kanaafuu warri bilisummaa barbaaddan, warri abbaa biyummaa barbaaddan faana goota kanaa dhahaa jedhinnaa laata Keekiyyaan moo anatu akkasiin hiike? Hundaafuu Dukkanni Roobaa dukkana gurraacha namuu beeku san qofaa buti,gabrummaan dukkana, bilisummaa dhabuun dukkana roobaa caala. Warri kana injifachuu barbaadan bara Daadhii Fayyisaa sanfaa jalqaban,ammayyuu ittuma jaammisaa jiru;humni xiqqaatee haa damboobuu baataniyyuu malee!

-Jidda faradoo sassakaalee
simalee namatti wallaalee
Qalloo Tuulamaa sinnaraasaa
gudeeda Badhaadha dilgaasaa
-Xabboyaaftee xabboyaaftee (dammaanbulbuleetiyyaa)
Yaa #Birraa Abbaa Maakodha
Obo jaalattee naraaftee (dammaan bulbuleetiyyaa)
seenan jaalalaa fagoodhaa

Wallee kanarraa kitaaba tokko akka barreeffamu bo’oo fi sarara walaloo isaa hanga caqasaa gadi deeman namaaf gala. Laata,ijoolleen Oromoo  kanneen barnoota muummee # folklore barattan waan kanaa fi akkasii kanaaf xiyyeeffannaa akkamii akka kennitan wallaalullee silaa laaltanii asirratti qorannoo guddoo akka gootan abdiin qaba. Walaloon kuni seenaa dhas;seexadhasi beekaa.

’’Fincaan TUULLAMA SADEENII ’’ yoo jedhan dhageessanii beektuu yommuu eebbisan manguddoonni Tuullamaa?  Egaa sadeen Tuullama keessaa #Daacci angafa; ilmaan Daacii keessa immoo Galaantu hangafa. 6’n Galaan keessaa immoo warri Jiddi hangafaafi abbaa ulfaati. Fardi kan jiddaati. Biyyis jidda jedhama. Warri Jiddaa Gadaafi Farda hin dhabne,hin gannes. Ulfaafi ulfootu kan isaanitiree!

Farda barbaannaan baddaafi gammoojjiiidhaa namuu Jiddatti godaana.Dhaqees kan barbaade filee gala.Kanaaf Keekiyyaan
’’Jiddaa faradoo sassakaalee ,  simalee ormattin wallaalee.’’ nuun jedhe.

Tuullamarraa yommuu marmaartu gootota hedduu maqaa kaasta,argattaa, ittiin dhaadhatta, ittiin dhalootas jagnoomsita. Gootota Naannoo kanaa bahan keessaa tokkommoo Gooticha dhaloonni kuni sirnaan yaadachuufi beekuu qabu,kan wayyaanee boqonnaa dhorkee udaan isaan nyaachisaa ture tokko Badhaadha dilgaasaa,Leenca Salaalee, kutataa gaafa Mogori. Eyyeen gootaa dhiira fincaan ofirratti fincoofsisu, qoricha wayyaanee ture bara san. Kanaaf Keekiyyaan

’’Qalloo Tuulamaa sinnaraasaa ,gudeeda Badhaadha dilgaasaa’’ jedheet isa mee yaadadhaa yaa Dhaloota kan jechuu barbaadef. ‘’hidda malee xannachi hin dhiigu jedhu mitiiree?

Ceesisuma kana keessattii bo’oon biraammoo akkas jedha;-
‘’Xabboyaaftee xabboyaaftee (dammaanbulbuleetiyyaa)
Yaa #Birraa Abbaa Maakodha
Obo jaalattee naraaftee (dammaan bulbuleetiyyaa)
seenan jaalalaa fagoodhaa.’’

As keessatti #Obo kaasa.  Obo abbaa ijoollee torbaa. Obommoo ilmaan Sadeen DAACCII keessaa quxisuu dha. Ilmaan turban Oboo keessammoo Warri #Gumbichuu sayyoo anagafa. Obo eegan kaasee jedheet fakkaataa kan  warra Gumbichuu kaase. Gumbichu kaanan warra #Birraa Gammadaa- abbaa Maakootu ka’a. Birraa Gammadaa Gootota Oromoo keessaa tokko turan. Goota Xaaliyaanii teessuma dhoowwe, Gootaa sabaaf jiraatee horee-#xabbo yaasee,killa lixe,kan ulfaa Oromoo eegee ulfaan bule,Buulleessa jabaa Gumbichuu keessaa tokko. Xabbo yaasuun arjummaa fi gootummaan kan jiraatedha.Xabbo-yaasuun horuu dha, qabaachuu dha. Hormaataa bulmaatan toluudha. Hubannoof Birraa Gammadaa akaakayyuu #Dinquu Dayyaasaati. Wallee Galaanaa isa #Amala kee jedhu keessattillee akka hubattaniif Birraa Gammadaa kaaseet faarsaa ture. Walumaa galatti jaalala sabaa, jaalala biyyaa waloommii fi waan dhabneef gannes akka yaadannu godha.

‘’Duukam jirtamoo Bishooftuu, Mojo dabartee Adaamaa
Bofa, Doonii fi Nuuraaheeraa, nattidhaami siifan dhaama
-JillittiiMaqii kan warri loon horuu
haadha loowwanii foon #Ida’oo Boruu
-Sandaafaa bakkee leenca caffee Donsaa
dubree Gumbichuu sumattan waa obsaa’’
As keessatti immoo quubsuma Tuullamaa keessaa naannoo kanniin kaasuun , keessumaa immoo #jahan #Jiillee nu geese gara Maqii.

Jahan Jiillee Kanaan hayyuu fi qarayyoon akka agartuu ijaa dhiheenya of jidduu dhabne tokko kaasuun waanuma hin oolledha. Keessumammoo  yaadannoo dhihoos waan taheef akka sabaaf waa dhaamen hubadhe.#’Jilliittii Maqii ….foon Ida’oo Boruu…’ bo’oon jettu mana rukkuttaa qofaaf hin galle. Hedduun keenyaa #hayyuu, ‘mana kitaabaa miilan socho’u’ jedhamee moggaafame  #Ida’oo #Boruu baatilee muraasa dura akka dhabnellee akka yaadannu barbaade as keessatti Keekiyyaaan. Jiiillee horiin akka beekamuu fi gooticha kanallee akka sabaaf arjooman tuquu barbaade natti fakkaata.

– Warrikun hey warrikun
warrana hey warrikun
–siif karra Qaalluu labee (ahahaahaha)
dhufeen manaa sidhabee (ahahaahaha)
warri Habeebee Tufadha(ahahaaha)
karritisaani cufaadha(ahaahahaha)
warri Habeebee Tufaadhaa balballisaanii cufaadhaa

-Dhiirti shiboodhan maree (ahahaahaha)
koottu qe’ee soodaree (ahahaahaha)
faaruu bareeda irraa(ahaahahaa)
leenca Dayyaasaa Birraa (ahaahaaahaaha)
faruu bareeda irraa leenca Dayyaasaa Birraa
Walleen kuni naanneessetimmoo Finfinnee,Gootota Oromoo Finfinneef jecha wareegamanii fi kanneen yeroo ammaa immoo ija saba kanaa ta’an kaasuu barbaade.
’’…siif karra Qaalluu labee (ahahaahaha)
dhufeen manaa sidhabee (ahahaahaha)
warri Habeebee Tufadha(ahahaaha)
karritisaani cufaadha(ahaahahaha

Naanno Adaamaa sana marmaaraa tureeti ol adeeme gara Fin-finneetti. Finfinnee seenufimmoo Qaallittiidhan galukaa;Karra Qaalluu labe jechuufi, haa tahu malee abbaan karraa,abbaan qe’ee, warri Habeebee Tufaafaanimmoo hin jirankaa! Eessa dhaqan dhiiroo? Kanaafan gumgummiin wallee kanaa Finfinnee dha jedhaam. Isaan bakka dhugaa dhaqan osoo abbaa biyummaa isaanif falman,osoo ardaa jilaa hin gadhiisnu jedhan diinan galaafataman. Dahloonnimmoo karaan isaanii akka hin gogne waan irra marmaaraafi falmaa finiinsaa turaniif akka itti imalaa jiruu fi jirullee waa kaahe natti fakkaata. Egaa eegaa Karra Qaalluu labneetii, manii keenya hin hanqannuu dhaloonni karaa sana itti faguu malee wal hin hanqaaqnu kan jedhu fakkaata qaxaleen.

koottu qe’ee soodaree (ahahaahaha)
faaruu bareeda irraa(ahaahahaa)
#leenca #Dayyaasaa #Birraa (ahaahaaahaaha)

Nu deebisteetimmoo soodaree nu geesse. SARARA kanarraammoo waan tokko jechuu barbaade laata?  Dur Soodareen Oromoorraa fudhatamtee kan warra mooti turte, kan warra fewuudaloota_habashaa malee namni kaan carraa achiin darbuutuu hin qabne.  Yoo faranjii malee kan gurroolleen warra Kuushis taanan kaaniyyuu itti hin dhiqanne,Qe’ee ofiitti ormomamaa ture. Kanaaf Sodaree fi #Leenca Dayyaasaa Birraa wal qabsiise natti fakkaata. #Sodareen amma kan Oromooti;abbaan qabeenyas Oromoo-Oromoof jiraachaa jiru.  Olitti Birraa Gammadaa akaakuu Dinquu Dayyaasaa ti, siniin jedheen ture. Amma Soodareen eenyu harka akka galteefii keessas arjaafi jaalataa sabaa kana maqaa dhahee  faarsee darbe keekiyyaan.

Walumaa galatti warra bade ,warra dhume iyyaafachaa, waan keessa turres beektumiitiiree? Waggoonni lamaan darbe kan ’maalan jiraa ti.Akkuma #Hacaaluun deebisee ofumaafimmoo #Jirra  jedhe, akkumammoo #Waaritee Furii #Jirra_jirtuu sabakoo jettee alalaaste, keekiyyaanimmoo mala dhabnaan manarraa naanna’ee kan buleefi hin bulle, kan rafeefi kan hafe hundaan #warri kun’’ jirtuu laata jedhee waan iyyaafatu fakkaata.

#FDG_FXG’n mana hedduu onse, qaxalee hedduu fudhatee darbe. Hedduutuu ko’oommate-amaluma qabsoo taheet qabsaawan ni wareegama, qabsoonimmoo dhalootan itti fufa. Isallee maal ammasoo yoom nurraa darbellee mitii hinuma dhabamaafi guuramaa jira dhaloonni! Ammoo dubbiin isaa waan seenaafi ammallee keessa jirrutu iyyaafata nama geessa.

Jirtuu laata? irraa haftanii? waliin jechuufi fakkaata. Eyyeen #’warri kun’ waliin haa jennuutii wal haa iyyaafannu dha nattti fakkaata dhaamsi walii galaa.

Kutaa itti aanu keessatti waan naaaf galen akkasuma deebisee barreessa.
Xiinxala lammeessoo torbee walitti deebina. Hanqinoota jiran sirreessaa!

NAGAA WALIIN-Horaa bulaa deebanaa

Ani Caalaa Hayiluu ti.

The post WARRI KUN! Maalif jedhe laata Kekiya Badhadha? appeared first on .


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469