Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Ebla 21,2016/Gaaffii Bakka Bu’aa Qeerroo Godina Baalee
South Sudanese refugees at Jawi camp in Gambella have killed 14 people yesterday April 21, 2016. The victims are said to be day laborers who provide service to the refugee camp. 10 of the victims are confirmed to be Oromos. The the conflict reportedly began when water tank hitting and killing a child. The refuge then started indiscriminate revenge attack against any ‘outsider’ they could find.
=============
Naannoo Gambellaa mooraa Jaawwii jedhamu keessatti namoonni 14 baqattoota Suudan Kibbaatin ajjeefamee odeeffannoon achii dhufe ni hima. Namoonni ajjeefaman dafqaan bultoota mooraa saniif tajaajila kennan akka ta’ee beekamee jira. Warra ajjeefaman keessaa 10 Oromoota akka ta’anis ni himama. Haleellaan kun kan eegale konkolaataan boottee bishaanii tokko tasa da’aima tokko irra bayee erga ajjeesee booddee biiluu bahuuf namoota ‘alagaa’ ta’an hundarratti baqattoonni duula banuuni.
Oduu tarkaanffii
Guyyaa kaleessaa jechuun Eebila21/04/2016 qabeenyaa wayyaanee kan ta,e yeroo ammaa maqaan isaa duraanii selam bus ture.Ammammoo maqaa isaa gara golden bus jedhamutti jijjiirachuun oromiyaa keessatti hojii eegalee kan jiru irratti qeerroon magaalaanaqamtee tarkaanffii gara laafina hin qabne magaalaa naqamtee keessaa naannoo soorgaa jedhamutti qeerroon magaalattii guutummaa konkolaataa diinaa kana gubanii daaraa godhaniiru.vivaa qeerroo leeqaa jabaadhaa
Sulultaa Irratti Daandiin Cufame, FXGs Jabaatee Itti Fufe!
Ebla 22,2016, Godina Addaa oromiyaa Sulultaa toora taaksiin dhaabbattun daandii Finfinnee irraa gara Bahadar fudhatu Qeerroo magaalichaan cufameetu jira.Har’a ganamas humna bittinneessaa wayyaneetiin daandiin kun banamuun Qeerroon yoo gabaasu daandiiwwan keessoo magaalichaas dhagaawwaan gurguddaa fi mukeeniin cufamaanii jiraatuun odessi ibsa.Godina addaa oromiyaa kana Sulultaa irraa kaasee haga shawaa kaabaa Fiichee fi Gabra Gurraachaa dabalatee Fincilli barattootaan yoommuu itti fufu qaama uummataa fi Qeerroo keessaniis tarkaanfiin
diinaa fi qabeenya diinaa irratti fudhatamuun haala kana keessatti jabaataa jira.
Waraqaa warraqsaa Qeeyroos halkan edaa sulultaa fi caancootti facaame bule waraana Wayyanee mufachiisuudhaan waraqaalee qeeyroo magaalota kana keessaa sarootni diinaa funaanuu gabaasan dubbata.
Kana booda waraanni wayyaanee oromiyaa akka gadhiisuu fi konkolaataan Wayyaanees oromiyaa keessa akka hin sochoone qeeyroon tarkaanfii fi FXG jabeeffatee ittui fufeetu jira. Odeessa qeeyroo godinaalee oromiyaa hunda irraan guyyaa guyyaatti qilleensa irraan waraabbii waliin kan dhiyaataa deemu tahuu Qeerroon beeksisaa jira.
#OromoProtests-(22.04.2016, #FreeOromia, Oromia) Kun beeksisa qophii mata duree “Numaaf Numa!” jedhu jalatti Artist Oromoo, DABALAA DAMEE, gargaaruuf Finfinneetti qophaa’ee dha.
Artiist Dabalaa Damee akka wallisaatti Albaama/kaasseta 2 kan gumaacheera. Yeroo Baandii Gadaa turettis sagantaa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa irratti ummata Oromoo dammaqsuu keessatti gaheen inni taphachaa ture ol’aanaadha.
Haa tahuu garuu, haalli hammaatee artistii kana akka inni deebi’ee hin mul’anne godhee dhoksee jira. Artisti dabalaa ummanni bal’aa yeroo ammaa kana isa quba hin qabu.
Haalli inni keessa dabre haala ulfaataadha. Artistoota Oromoorratti irkatee bakka jireenyaa fi waan ittiin jiraatu osoo hin qabaatin waggoota dheeraa lubbuun jiraatee har’a gahee jira. Amma garuu rakkoo jireenyaa irratti dhukkubni dabalamee haala akkana jedhamee hin himamne keessa jira.
Kanaaf, ummati Oromoo akkuma kanaan dura artistoota biroof birmachaa dhufettis, artisitii isaa yeroo nagaa aadaa fi eenyummaa isaa guddisuu keessatti gahee isaa bahachaa ture kanaaf akka birmatuuf qophiin qophaa’ee jira.
Guyyaa: Guyyaa: 24/04/16/ 16/08/08
Bakka: Giddugala Aadaa Oromoo
Saa’atii: 8:00 irraa eegalee
Gargaaruuf Lakk. bilbila isaa +251 920123767
DEBELA DAME JIMA
AWASH INTERNATIONAL BANK S.C JEMO BRANCH,SWIFT CODE,AWINETAA XXX. ACCOUNT NO.01320091000400 dha.
Hojiilee isaa durii warri dhagahuu barbaadan link armaan gadii tuqaa https://www.facebook.com/ferhanabdulselam/videos/10208199006807173/
#OromoProtests-Irreechi Arfaasa bara kanaa Dilbata dhufu Finfinneetti irreeffatamuuf waan deemuuf Oromoonni marti dhagayaa Wal dhageessisaa.
===========================
Horri Finfinnee waggoota dhibbaa oliif adaafii seenaa oromoo waakkattee turte arra of yaadattee araaraaf nu eegaa jirti.
Kanaafuu irreecha dilbata dhufu finfinneetti kabajamuuf deemu kana irratti oromoonni Hindi bakka jirruu kan dandeenyu qaamaan kaanis waan dandeenyuun irratti hirmaannee hammam akka geenyu handhuura finfinnee irratti agarsiisuu qabna
#OromoProtests-(22.04.2016, #FreeOromia, Oromia) This was Abbaa Gadaa Gamtesa Gidera (Western Wallaga, Aira early 1940). This person was a powerful Abbaa Gadaa in Aira Wallaga area. The picture was taken by Pastor Wasman around early 1940.
***********************************************
Kun seenaa dhugaa Gadaa Oromootiin walqabatee dha. Gadaan Oromoo Oromiyaa dhiyaa keessatti bara 1940 keessa akka hojjataa ture mirkaneessa. Sirni garbummaa hundee Gadaa balleessuuf waan danada’ame mara godhus, Ciraan Gadaa hin dabiin jira. Amma egaa, waan gabroomfataan awwaalame diiganii baasuun dirqama dhaloota Qubee ta’ee jira.
#OromoProtests-(22.04.2016, #FreeOromia, Oromia)This is the funniest charge and evidence produced by TPLF agents to silence Oromo students.
Kun waan jarri ittiin saba keenya ukkaamsuuf yaalaa jiran.