Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Beeksisa Badhaasa Qubee

$
0
0

qubee_award

(Rabador Art Promotion) — Badhaasni Qubee kan bara 2016 adeemsifamuf sadarkaa xumuraa irra gahee jira. Koreen namoota 5 qabu gama qindeesummaa Rabador Art Piroomoshiniin hundaa’era. Haaluma Kannan Gosni badhaasa ammaaf bara 2016 keessa kennaman 8 tahuu fi namoota dhunfaa 28 tahan badhaasuuf murta’eera. Koreen ogeeyyii kallattiin isaan ilaalatu 4 tahaniis hundawaniiru

  1. Filmii
    Barreessaa filmii Cimaa (Best Story Writer)
    Daayirekteera filmii Cimaa (Best Director)
    Taatoota Cimoo (Best Actor/Actress)
    Taatee Durbartii Cimtuu (Best Actress)
    Ogeessa kaameeraa Cimaa (Best Cinematographer)
  2. Wallee
    Wallisaa/weelliftuu Cimtuu (Best Recording Artist)
    Albaama muuziqaa Bareedaa (Best Music Album)
    Qindeessaa Muuziqaa Cimaa (Best Composer)
    Viidiyoo Wallee Bareedaa (Best Music Video)
    Daayirekteera Viidiyoo Wallee Cimaa (Best Director of Music Video)
  3. Diraamaa
    Diraamaa Dheeraa Bareeda (Best Serial Drama)
    Daayirekteera Diraamaa Cimaa (Best Director)
    Taatoota Cimoo (Best Actor/Actress)
    Taatoota Fillannoo Ummataa (People’s Choice Actor/Actress)
    Ogeessa Kaameeraa Cimaa (Best Cinematographer)
  4. Barreesitoota
    Barreessaa/tuu Asoosama Dheeraa Cimaa (Best Novel Writer)
    Barreessaa/tuu Kuusaa Walaloo Cimaa (Best Poem Writer)
    Barreessaa/tuu Kitaaba Seenaa (Best History Writer)
    Barreessaa/tuu walaloo Wallee (Best Music Lyric Writer)
    Ogeessa Hiika Afaanii fi Kitaabaa (Best Oromo Translator)
  5. Gaazexeessaa
    Gaazexessaa Raadiyoo Cimaa (Best Radio Journalist)
    Gaazexessaa TV Cimaa (Best TV Journalist)
  6. Shubbistoota
    Keerogiraafarii Cimaa (Best Choreographer)
    Shubbistoota Garee Ciccimoo (Best Group Dancers )
  7. Ogeessa Fakkii
    Ogeessa Fakkii Cimaa (Best Painter)
    Ogeessa Bobocaa Cimaa (Best Sculpture)
  8. Ogeessa Suuraa
    Gaazexeessa Suuraa Cimaa (Best photojournalist)
    Ogeessa Suuraa Midiyaa Hawaasaa (Best Online Photographer)

Gosa badhaasa armaan oliitti tarreefamaan kana jalatti namootni badhaasaaf dorgomuu barbaadan hanga 15/06/2016 tti karaa Fuula Facebook keenyaa Rabador Art Promotion toora keessan hojii ittin dorgomuu barbaaddan tokko qofaa galfachuun badhaasaf of qopheessuu dandeesu. Ogeesota Midiyaa hawaasaa hin qabneef ammoo namootni argitaan hundi itti himuufi gargaaruu hin dagatiinaa!!

Gosa Badhaasa fi akkata filmaataa irratti #Comment gochuu hin dagatiina akkasumaas kan jalqabaa waan taheef hundumaas badhaasuu akka hin dandeenye hubadhaa!!

Gaaffii Dabalataaf karaa Lakkoofsa Bilbilaa keenya 0910 87 88 05

Email: gemedaolana@gmail.com nu qunnamuu dandeessu

Gammadaa Olaanaa — looking for Qubee Award!! with Mokhtar Meftahnur.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469