Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Aayyoo FOOLII GORBAA (1915-2016) Waggaa 101tti boqotan

$
0
0

CjNT-5PUkAAHVf9

#Oromedia-(24.05.2016, #Finfinnee, Oromia) Aayyoo FOOLII GORBAA (1915-2016) waggaa 101tti, Caamsaa 23 bara 2016 boqotan.

Harmeen goota Oromoo Kolonel Hayluu Raggaasaa, Aayyoo Fooliin, nama bara jireenya isaanii keessatti sababa Oromoo ta’aniif miidhaan irra gahaa turee dha.

Kanaan dura gaaffii fi deebii isaaniif godhame irratti akka ibsanitti qabsoo ilmi isaanii Jeneraal Taaddasaa Birruu waliin ta’anii godhaa turan kanneen gufachiisan Oromoo garaaf bitaman ta’uu ragaa bahanii jiru.

Kanuma waliin akkaataa gantuun ilma isaanii dabarsitee diinatti kennite, isaanii fi qe’ee isaanis abdeef saaxilte sodaa tokko malee saaxilanii jiru.

Aayyo FOOLII GORBAA bara 1915, Godina Shawaa Dhihaa, Aanaa Meetaa Roobiitti dhalatanii, Caamsaa 23, 2016 Finfinneetti waaree booda sa’aa 5:00 addunyaa kana irraa boqotan.
Odeessi nu gahe akka adeessutti, sirni awwaalcha isaanii iddoo dhaloota isaanii bakka DHALATA jedhamutti Caamsa 25, 2016 raawwata.

FOOLII HAADHA GOOTAA

Foolii haadha gootaa
Atis akka namaa edaa numadutaa?
Xinnoo nuuf hinturtu maalumaaf muddamte?
Kaayyoon ilma keete barana finiintee
Galii biraan gahuuf Qeerron lafaa kaaftee
Xurree inni baaseerra tarreedhan hirirtee
Gumaa saa baasuudhaaf diina kokkee huutee
Kufaafi kuffisaa qabsoo fininsite
Foolii hinuma diddee
Ilma kee fakkii kee bira gahu yaaddee
Oto nu bubbulte
Xinnuma nu turte
Silaa si erggannaa
Dhaamsa cimaa qabnaa
Kaayyoon galma gahu dhqxee nuu labsitaa
Gootota Oromoo hundatti nuu himtaa
Addee Foolii Gorbaa Gootitti kutattu
Ilma kee ajjeefnee yaroo diinni jettu
Garaa gubuuf jettee goota ililchtu
Ilma qofaa miti ishins gootumaa
Gootummaan kana caalu jiraa ree yaa jamaa
Fageenya na dhibee silaa sifan hima
Akka adaa kooti yaaphadee garmama
Yoon sii hime maalii atis bar gootumaa
Gadaamecha keetuu Hailu nuuf baatee
Silga harmee keetu Orommummaan guutee
Bara Oromoon mugu shira diinaa argee
Ofitti murteessee Taadde faa wajjiniin nama of wareege
Ilma kee fakki kee Oromoodhaaf latte
Qee kee jiltii san abiddaan saamamtee
Waggaa 41 adaati jiraatte
Naga’an boqodhu gubaan si haadhisu
Dhaqii ilma kee argii garaan si haaciisu
Biyyeen sitti haa salphattu
Lubbuun kan keeterree jeennata haa sentu.



Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469