Camsaa 26/2016 Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee keessatti Mormiin uummataa akkuma jirutti jabaatee itti fufuun Diigumsii manneen jireenyaa keenyaa mootummaan nurratti raawwataa jiruun uummatni kumootaan Lakka’aman kutaa Boolee bulbulaa irraa dahoo jireenyaa dhjabuun dararaa argaa jiraachuun hubatame jira.Mootummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa Fayyadamuun Manneen jiraattoota Cunqurfamoo fi Maatii abbaa Qa’ee fi abbaa Lafaa Uummata Oromoo human waraanaan dirqisiisuun doozeraan diigumsi manneen jireenya jiraattoota itti fufee jira, Haalli Magaalaa Finfinnee Kutaa boolee Bulbulaa warraa Gannuu irratti rawwatamee Magaalota Finfinnee fi naannawaa Finfinnee Duukam, Qaallittii, Aqaaqiii, Burraayyuu, Sabbataa, sulultaa, Laga Xaafoio Laga Daadhii fi guutummaa biyyatti keessattuu Magaalota oromiyaa fi finfinnee Irratti Xiyyeeffachuun diigumsii seeraan alaa human waraanaa fi Doozeraan fayyadamuun itti fufee jira. Labbiileen biyyatti hedduun dahoo dhabuun balaa ulfaataaf saaxilama jiru.
Qeerroon bilisummaa Oromoo Yeroon gamtaan dhaabbatanii mirga ofii kabachiisuuf falmataan amma jechuun Goototni, Dargaggootni barattootni, sabboontootni Oromoo , uummatni Oromoo fi uummattootni biyyattii sabaa fi sablammootni cunqurfamoon harka wal qabachuun haa falmannuu hanga abbaa irraa aangoo irraa qaarisnee mirga keenya gonfannutti falmaan itti fufa jechuun barruulee warraaqsaa bittinneessuu fi uummataaf waamicha sochii waarraaqsaa jajjabeessu gochaa jiraachuu hubachise.
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Godina Wallaggaa Qellem Ona Gidaami Keessatti Waraanni Wayyaanee Buufatee Ummata Jeeqaa Jira. FXGs Itti Fufe
May 25, 2016 By Qeerroo
GidaamiiCaamsaa 25,2016 /Qellem wallaggaa aanaa Gidaamitti kaleessa irraa kaasee Qeerroon waraqaa garagaraa maxxanseen akkasuma raabsee fi kaabinootaa fi milishoota kanneen mootummaa wayyaanee jala fiiganii uummata miidhan irrattsi yeroodhaa yerootti tarkaanfiin waan fudhatamaa tureef dabalata ta’ee kaleessa irraa kaasee dhaadannon garagaraa magaalichatti barruudhaan bittimfameen har’a waraanni Wayyaanee aanaale hedduu keessa buufatuun uummataa fi Qeerrooo ona Gidaamii doorsisaa fi shororka uumaa ooleera.
Namootni hedduunis deggeraa ABO fi Qeerroo jechuun qabamanii jiru. Guyyaa har’aa aanaan Gidaamii fi naannoon ishee waraana humna agaazii jedhamuun weerarameetu jira. Qeerroon dhaadannoo isaa ammallee kan itti fufee dhageesisaa jiru Gidaamii2
– WAYYAANEEN GALUU GEESSETTI KA’I HIN KAANA YAA OROMOO
– OROMIYAAN NI BILISOOMTI
– GIBIRA HIN KAFFALINAA
– MOOTUMMAA WAYYAANEE HIN GABBARINAA
– EENYU ISHEEN DAANGAA OROMOO LIXXU IRRA EJJETTEE MORMA ISHEE HIN KUTTU
Jechuun dhaadannoo osoo mana barumsaa irraa galaa jiranii barattootni dhaadanno kana fakkaatu dhageesisaa oolaniru. Barruuwwwan waraaqsas Qeeyroodhan bittimsamaa jiraatuuun Qeeyroon har’a ona Gidaamii irra gabaasee jira.
Magaalaa Jimmaa Sababa Qorumsa Biyyooleessaatiin Naannoo hulaa Akaayiitti jedhamutti lolotooti Wayyaanee Saamichi Eegalame Caamsaa 26,2016
Kaleessaa eegalee buufatni Foolisootaa ulaa akayii(Qoloo bar) ta’ee jira,Nama nagaa reebuuf saamicha teessoo warra buna daldadalanirratti raawwatamaa jira,moobayila hedduus saamanii jiran,Reebicha suukaneesaas raawwataa jiran
A ship carrying migrants has overturned in the Mediterranean Sea while sailing out of Libya. At least five people have drowned but over 550 were rescued by the Italian navy. The navy patrol boat threw life rafts and jackets to migrants in the water and rescued others standing on the upturned hull. The navy said it spotted the overcrowded vessel shortly before it capsized. It comes after Italy rescued over three-thousand migrants in 23 different operations on Tuesday. According to the UNHCR, the majority of those rescued near the Italian coast were from sub-Saharan Africa.


===========
Gurbaan kun Mootummaa Ifaa jedhama. Guyyaa lama dura Lixa Shawaa Aanaa Tokkee Kuttayee keessaa Agaaziidhaan ukkaamfamee achi buuteen isaan hin beekamu. Maatin isaa manneen hidhaa naannawa saniirra barbaadanis milkaawuu hin dandeenye. Ji’oota jahan dabran kana ilmaan Oromoo kumaatamaan bifa kanaan butamanii achi buuteen isaanii dhabamee jira. Maatin tarii manneen hidhaa fagoo geessaniiti malee lubbuun numa jiru jedhanii abdatu. Ammoo adaduma yeroon deemuun abdiin qaqal’achaa deemaa jirti.
Oromoonni biyya Gibxi(Egypt)
magaalaa kaayrootti akkanatti agarsiisa aadaa Oromoo agarsiisaa jiru.
