Today’s date back in Ethiopia is May 20th, 2008. It is the holiday known as the “Killing Day” for the Tigrean People Libration Front (TPLF), the current ruling party in Ethiopia. And surprisingly, the USA sitting President Obama Hussein whose administration is highly applauding the TPLF killings of #OromoProtests and other political oppositions, is in Japan attending Hiroshema Memorial.
wayii Polotica!!
#Oromedia, (28.05.2016, #DiddaaOromoo, Oromia) Kun duula Wayyaaneen muddama irraa kaatee magaalaa Giincii keessatti gaggeessaa jirtuu dha. Ginbot 20 sababeeffachun sochiin fxg itti fufa jedhuun waraanni wayyaanee boqonnaa dhabdee magaalaa Giincii unkuraa jirti. Baayyini waraana wayyaanee magaalaa Giincii kessaa jiru tilmaamuun ni ulfaataa…. namni nagaan bahee galu hin danda’u;ni reebama; ni saamama. Guyyaa kaleessaa ummata walgahii waamanii turan. Garuu ummanni hin baane. Warra walgahii kana hin baaneef waraaqaa eenyuummaa irraa kaasee deeggarsi kam iyyu akka hin godhamneef ajaja dabarsniiru. Umamti immoo akn du’a gahee nama hin sodaachisu jechaa jiru.

Caamsaa 27-28/2016 Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO jedhamu maqaa olola Caamsa 20 waggaa 25ffaa kabajuu jedhuun Magaalota Oromiyaa akka Amboo,Giincii, Gudar, Naqamtee,Shaashamannee, Harargee Qobboo, Gimbii,Gidamii, Shaambuu, Walisoo, Jimma,Mattuu, Adaamaa, Arsii fi Godinaalee Oromiyaa hundarra Hoomaa Waraanaa Qubsiisuun Uummata goolaa jira, Warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufe!!
- Godina Harargee Bahaa, guyyaa kaleessa godina Harargee Bahaa Aanaa Dadar Magaalaa Qobboo keessatti Warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufee kan olee fi Godinaalee Harargee dhihaa bakkoota garaagaraattiis diddaab uummataa jabaachuun abbaa irree boqonnaa dhorkachuu irratti argama.
- Godinaalee Arsii Bahaa fi Lixaa keessatti uummatni Oromoo Waraana abbaa irree wayyaaneen goolamuu fi uummatnis ayyaanii Caamsaa 20 kun Uummata Oromoo nu hin ilaallaatu, camsaan 20 uummataa Oromoofi sabaaf sablammoota cunqurfamoo biyyattiif guyyaa gaddaa waan ta’eef nuti uummatni Oromoo diiddaa keenyaa daran jabeessuun mirga keenyaaf falmachuu itti jabeessuun walqabatee waraannii wayyaanee hedduminaa guddaa qabu Godina arsii lixaa fi fi Bahaa irraa qubsiifamuun uummata doorsisuu irraatti kan argamu ta’uun beekame jira
- Godina Lixa Shaggar Amboo fi Aanotni Naannoo Ambootti argaman galgala kanaa Waraana agaazii wayyaaneen goolamaa jiraachuun beekame, aanota godina Lixa shaggar 18’n keessatti Humni agaazii kaleessa galgala kana dabalataan qubsiifamaa jiraachuu fi bakkoota hedduutti namoota nagaa daandii deemaan dhaabanii sakkatta’aa jiraachuun ibsamee jira. Naannoo Magaalaa Giincii fi olaankomiitti immoo uummatni Oromoo dachaan hidhaatti guuraama jiraachuun gabafame jira.
- Godina Wallaggaa Bahaa Magaalaa Naqamtee fi aanota Godinichaa keessatti Maqaa caamsaa 20 kabajuu jedhuu fi warraaqsaa Sagalee uummataa fi qeerroo baarattoota Oromoo koolleejjii barsiisota Naqamtee ukkaamsuuf wayyaaneen waan qabee gadhiisuu dhabaa jira. sochiin daran jabaachuun itti fufe jira. Waraannii Wayyaanee guddaan kaleessa galgalaa kana godina Jimmaa irraa gara Naqamtee fi Naannoo isheetti guuramaa jiraachuun ibsamera. Diddaan Uummata Oromoos Aanota Godinichaa hedduu keessatti daran jabaachuun kan itti fufee jiruu ta’uun beekamera.
- Gidduu gala Oromiyaa Magaalaa Finfinnee fi Magaalota garaagaraa keessatti diigumsii manneen jireenya jiraattoota waan itti fufee jiruuf Uummtani jiraattootni magaalaa Finfinnee fi naannoo Finfinneetti argaman bakka jireenyaa fi dahoo jireenyaa dhabuun rakkoo guddaaf saaxilamaniru. Mormiin uummata Oromoos magaalaa Finfinnee fi naannoo isheetti daran jabaachuun itti fufee mootummaa abbaa irree yaaddoo keessa buusee jira.
- Godinaalee Kibba Lixa shaggar Magaalaa Walisoo fi Naannoo isheetti diddaan uumataa fi Sochiin warraaqsaa waan wayyaanee sodachiseef Humna waraanaa guddaa Magaalaa Walisoo fi guutummaa Godinichaa irra qubsiisee jiraachuu fi uummataa goolaa fi dararaa jiraachuu ibsame jira!!.
- Godina Horroo Guduruu wallaggaa keessatti Sochiin warraaqsaa FXG gaggeeffamuu jabaachuu irraan mootummaan wayyaanee yaaddoo guddaa keessa galuun human waraanaa bifa haaraawaan Shambuu, Hammuruu, Finfa’aa fi Kombolcha irra qabsiisaa jirachuun ibsamera.
Haaluma walfakkaatuun godinaalee Oromiyaa cufa keessatti uummatni Oromoo caamsaan 20 waggaan 25 Oromoo cufa biratti bara gaddaa, bara gadadoo fi bara nmirga namummaa fi dimookiraasii itti sarbamuun qe’eefi qabeenyaa keenyaa saamamnee, bara hidhatti guuramnee fi ajjeechaan duguuggaa sanyii nurratti rawwatamee waan ta’eef mirga keenya qawween sarbamnee deeffachuuf bakka hundaa qabsoo diddaa keenya Warraaqsaa FXG jabeessuu kan yaadannuu fi falmannu ta’a jechuun dhaamsa waliif dabarsan.
Injifannoon Uummata Oromoof!!