Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

#OromoProtests, June 4, 2016

$
0
0

‪‎OromoProtests‬ Mormii galgala kana Godina Harargee Lixaa Magaalaa Asaboot
Waxabajjii 4, 2016
13335873_247072922336461_5747264986583154062_n


#‎OromoProtests‬ this is one of two Oromos who were killed by Agazi bullets in Kattaa near Burrayyu at 7:30 PM today June 4, 2016. Identify of the victim is yet to be known. Local brought his body to the Burayu clinic.
=============
“yeroo sa’atii 1:30tti Magaalaa Buraayyuutti dargaggeessa yeroof maqaaf hin beekkamne tokko Poolisoonni Federaalaa rasaasaan rukkutanii lubbuun isaa dabartee jirti. Kanaafuu reeffa isaa Buufata fayyaa Buraayyuutii kan fudhu waan dhibeef achi jira. Namoonni isa beektani reeffa isaa deemaatii fuudhaa. jedhaatii anaaf dhaamsa naaf dabarsaa.”
13310560_484763485057078_4499710825529639109_n

13344500_491340181059773_5585369605911079861_n


‪#‎Oromoprotests‬
Sirni gadaa Odaa Roobaa, Baale Gindhiir waggaa 136 guutuu eega addaan cite booda, sirni isaas eega dhaabbate booda yaa’iin duraa guyyaa arraa Waxabajjii 4, 2016 haala kanaan gaggeeffamee oole.
Manguddoonni haala kanaan eebbisaanii sagantaa banan.

“Oromiyaa tan Oromoo godhi” jechaa oolan manguddoonni keenya


“ODUU AAGAA” Dafaa Waliif Daddabarsaa!!!!!!!! Manni maree walii gala Oromiyaa Fincila ammaan kana sadarkaa ol’aanaa irra ga’ee Godinaalee ARSII keessatti wayyaanee miilla tokkoon dhaabaa jiru bira dhaabanna jechuun gadi qabaan walii galaniiru.Sababa kanaan Poolisotni Oromiyaa ajeja OPDO tiinmeeshaa waraana isaanii gara Agaaziitti deebisuun foon allaattii sooraa jiru. Yeroo ammaatti mootummaan naannoo Oromiyaa Presedaantii malee bulaa kan jirtuu fi walga’ii kamiinuu eyyema wayyaanee malee geggeeffachuu akka hin qabne akeekkachiisi Asteer maammootti kennamee jira. Abbaan Duulaa, Dhaabaa Dabalee fi Lamma Magarsaas hojii irraa geggeessuuf wayyaaneen kanabbaa Tsaayyeen durfamtu irratti mari’achaa akka jiranis oduun miliqxee baate ifa gooteetti. Kanaafiidha Opdo dhibba dhibba Fincila kana ni deggerra nutis amma of barreerra kan kanaan dura dogoggorreef dhiifama uummata keenya gaafanna jedhaniiru. Kanaaf akka kanaan dura isin hin daangessinu nutis isin bira jirra jaabaadha nu boonsaa jirtu jedhu Manni maree walii gala oromiyaa. Bara gadaan wal harkaa fuudhamuu yeroo hunda bara itti mootummaan habashaa kufuudha jechuun jaarsoliin dudubbachaa jiru. Minilikan du’a bara gadaan wal harkaa fuudhamu ture. H/Sillaaseenis kan kufe akkasumas dargiinis inni ammaa garuu bara itti Taayitaan harka ijoollee oromoo galuuf deemaa jirtuudha. Sabaa fi sablammootni biroon biyyatti keessa jiraan marti illee bara itti Oromoon Itoophiyaa bulchutu ga’e jechuun hundumtuu guungumaa jira. Mee habashoota walitti dhiheenya qabdan mara gaafadha kanuma dubbachaa jiru.” don’t for get to ” share” and “like”


#‎oromoprotests‬ Waxabajjii 04,2016) Wayyaaneen erga ayyaanni ishee Ginbot 20 darbee asitti ummata Oromoo irraa isa dhumaa abdi kutatteetti. Kanarrayyuu darbee hojjetoota isheerraas kan dhumaa abdii kutattee jirti.
Ayyaana kanaan wal qabsiisee abdii kutannatti kan ishee geesse Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silkii Laaftoo irraa kaasee akkasuma kutaa magaalaa Finfinnee keessa yoo ilaalamu kutaa magaalaa tokko keessatti xalayaadhaan namoota 500
hanga 1000tu waamame. Kan argames Tigrootaa fi Amaarota darbee yoo baayyate hanga nama 40 hin caalle ture. Finfinneetti namooti ayyaana ishee irratti argaman firoota ishee qofa. Oromiyaatti kanneen akka Godina Shawaa Lixaatti maqaadhumti waggaa 25ffaa Ginbot 20 jedhamu hin kaafamne. Magaalota tokko tokkotti ammoo harka qalleeyyii sabummaan Oromoo hin tahin qarshiidhaan gowoomsanii ayyaana isaaniitti waammatanii turan.
Torbee kana keessa wayyaaneen sadarkaa saree maraatuu ta’uudhaan waraana ishee Oromiyaa keessa bittimsitee jirti.
Ummanni amma ifatti ABO jedhee beeksifateera. Maanguddoo fi xixiqqaan keenya Oromoon ABO beeka malee wayyaanee hin beeku jechuun dubbachuunis diina rifaatuu guddaa keessa seensisee jira.
Haala kanaan barattota gooluun hanga ariyuutti deemaa jirti. Kaleessa Yuniversitiin Haromaayaa gubatuudhaan har’a barattootni yuniversitichaa waggaa tokkoffaa baratan mooraa akka gadhiisan murtiin irratti darbe. Dirre Dawaatti akkasuma barataan hordofamee qabamaa jira.
Kun hunduu wayyaanee kan raasaa jiru kan hin hafneef soda Qeerroo irraa qabduuni. Addatti torbeen kun mootummaa wayyaaneef aarii fi hamilee kan dhabde siyaasa isheettis kan kufaatii dhumaa keessa buusee jiru tahuun kan ifatti mul’atee jiruu dha. Yuniversitiileen hundumtuu amma humna waraanaan marfamanii eegamaa jiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!


‪#‎OromoProtests‬ Godina Harargee Bahaa Gaara Mullataa Aanaa Baddannootti Bulchinsa Aanaa fi Waajjirri Poolisii waliin tahuudhaan ummata hiraarsaa jiran
Bulchaa Aanaa fi Poolisoonni wal tahuudhaan ummata nagayaa qabanii hidhuun gadi baasuuf immoo hanga Qarshii 10,000 akka kafalanii bahan dirqisiisaa jiran jedhan jiraattonni aanichaa
Maallaqni guddaan kan ummata irraa sassaabamee tahuus himaniiru


Dhaamsa yuunivarsitii Jimmas irraa
Dachee teenya irratti diinni sagalee argachuu hin qabdu. Shira wayyaanee dura dhaabbannee dhiiga keenyaf sagalee haa laannuu. Holola adeemaa hiru hundaa dhiisnee imaanaa Oromummaa barataa GUYYOO CARFII JAARSOO hundumti keenya haa filannuu.
Bineensi beekan nama nyaatuu wayya jedha Oromoon.
Guyyoo ilma Oromoo angafa Boorantichaa imaanaa ijoollen Oromoo sitti laannu akka galmaan geessu abdii guutuu sirraa qabna. Yeroo ammaa Oromoo fi Wayyaanee giddutti qabsoon gaggeeffamaa jira malee dhaabbilee siyaasaa Oromoo giddutti mirti. Dhimma jiraachufi jiraachuu dhabuu Oromooti. Kanas ilmaan Oromoo hunduu beektu.
Kanaafuu ilmaan Oromoo Oromoo tahuu keenya qofaaf tokkummaan waliin haa falmannuu.
RABBI IRRA NU HAA OOLCHU.
13321945_1730460967231291_1041773754403698632_n


CCTV – Ethiopian national exams cancelled after leakage

Students in Ethiopia will not be sitting national university entrance exams. This after officials there cancelled them following a leakage online. The papers were leaked online and widely distributed on social media. People supporting the protests for greater rights for Ethiopia’s Oromo people claimed responsibility for the leak.


Waxabajjii 4,2016, Dr, Daaniel Gizaachoo muummee medicin Yuunibarsiitii Jimmaatii bara 2016 kana keessa eebbaaf kan qophaa’u yoo ta’u,Akka Xoophiyaatti barattoota fayyaa ciccimoo 6 filatamanii barnootaaf biyya Jarman deemuuf jedhan keessaa tokko yoo ta’u. Doktor Daniel sabbooummaa isaan nama haalaan jabaa fi qabsoo Oromoo gadi fageessee kan hubatu ta’uun beekama.

Dr,Daanie’l waldhaansaaf Hosptala Jimmaa seenee hadoochaa qaamni isaa fudhachuu dandayuu ol waan itti kennameef jecha lubbuun isaa dabartee jirti. Waaqayyo jannata isaa haa banuuf,maatii isaafis jajjabina haa kennuuf jedha Qeerroon Bilisummaa.

daaniel-giza daanii-gize

‪#‎OromoProtests‬ Bulchinsa Magaalaa ‪#‎Dirree‬ ‪#‎Dhawaa‬ keessatti Wayyaaneen mormii cimaa taheen wal qabatee Agaazii magaalattii keessa bobbaasee ilmaan Oromoo hidhaatti guursisaa jira. Haaluma kanaan Gandoota akka Saabbiyaan, Abdii Boruu(naannawa Dire Dawa University) keessaa namoota hedduu hidhatti guuraa jiran.
Namoota hidhaman kessa maqaaleen murassnii isaan iraa nu bira gahee akka kaneen armaan gadditii mullatuu dha.
1) Abdii Ahmad
2) Musxafaa
3) Rahmaa
4) Rablaa.. warrii kaniis akkumaa nu gayeetii issiinii ibsuu jiranaa.


Waamicha warraaqsa bilisummaa qeerroo Booranaa
Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguu kaayyoo ijoo godhatee deemaa jira. Nuti qeerron Oromoo ilmaan Booranaa fi Gujii diina ilmaan Oromoo lafa isaa irraa buqqisaa, ajjeesaa fi biyya irraa ari’aa jiru dura dhaabbachuif Waxabajjii 6_2016 irraa eegallee baadiyyaa fi magaalaa hundarratti mormii bifa qindaahaa taheen cimsinee itti fufuuf qophii waan xumurreef ummanni Oromoo
Adoolaa
Bulee horaa
Moyyaalee
Qarcaa
Uraagaa
Waadaraa
Oddoo shaakkisoo
Nageellee
Yaa’a bal’oo
Malkaa sooddoo
Dirree
Areeroo
Girjaa
Liiban
Booree
Abbayyaa
Qercha
Hambala wamana
Miyyoo
Duugda dawaa
Galaana
Dilloo
Taltaallee
Bakka jirruu kaanee tokkummaan diina dhala Oromoo fixaa jiru irratti akka duula baanu waamicha Oromummaa isiniif goona.
Gootota Oromoo warra sirna gadaa sirna dimokraasii addunyaaf gumaache, Gootota gamtaan diinarratti duulun beekkamnu kunoo amma biyyi geenya gabrummaa guddaa jalatti kuftee lammiin ishee hanga nyaata fi uffata dhoorgamuutti gahuun gidiraan daran hammaattee jirti. Qeerroo Booranaa fi Gujii tokkummaan biyya teenyaf qabsaa’uf waadaa waliif gallee jirra. Baadiyyaa fi magaalaa hunda dhaamsa nuuf gahaanii wal ijaarree tokkummaan duullaa.
GABRUMMAA HIDDAAN BUQQISNA
DHALOOTA BIISUMMAA DHAALCHISNA.

13336116_1730325023911552_3264893772849521764_n


Qophii keessummaa maatii fi firrotan #musxafaa_Harawwee (musxafaa abdii) walin tasifame kutaa #1ffaa TV harar irra

Gootaa kenya jalatama rabbiin jannatulfudosiin isaa haa qanisu share walif godha


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469