SBO Bitootessa 23, 2016
Bitootessa 22/2015 Fincilli xumura garbummaa Yuunversiitii wallaggaa fi naannoo isheetti jaabaate itti fufee jira .Diddaan barnoonni bilisummaa booda jedhus baratoonni kun dhaadannoo gudhachuudhaan baratoonni kun fxg daran finiinsaa jiru.yeroo ammaa kanas humni federaalaa yuunversiitii wallaggaa fi naanno ishee guutummaan guutuutti weeraruun baratootaa fi uummata nagaa goolaa jirs. Humni federaalaas halkan edaa sa’a 8:00 irraa kaasuun doormii baratootaa fi kiiskoo baratoonni kireeffatanii keessa ta,an cabsuudhaan baratoota tumaa kaan immoo kan baayyinni isaanii hin beekamnes gara mana adabaattiguuraa jiraachuun maddeen keenya achirraa arganne eeraniiru.

Fincilli xumura garbummaa bitootessa 22/03/2016 guyyaa harraa kana baratoota mana barumsaa qophaa,inaa naqamteen ,mana barumsaa biiftuu naqamtee ,Aaskiifi mana barumsaa kibba waachaa jedhamu keessatti finiinaa jira.baratoonni heedduun yeroo ammaa kana humna federaalaan reebamaa jiru naannoo hoteela faanaatti.humni federaalaas baratoota karaa nagaan gaaffii mirgaa gaaffachaa jiran irratti aarra ija immimmaanessu yeroo ammaa kana irratti darbachuun baratoonni heedduun kukkufuun of wallaalanii gara hoospitaala naqamteetti guuramaa jiru.Baratoota baayyinni isaanii hin beekamnes yeroo baqatanii mana uummataatti seenan humni federaalaas manuma uummataa keessaa gad guuramanii akka malee reebamaa jiraachuu maddeen keenya achirraa arganne eerraniiru.
================
Guyyaa har’ as Bitootessa 22,2016 Godina Wallaggaa Lixaa anaa Jaarsoo keessattii Qeerroon magaalaa Jaarsoo waraqaa Qabsoo hangaa bilisummaattiu hin dhabaatu jedhuf….OPDON ummataa Oromoo bakka hin butuu …ummannii Keenya motummaa namaa nyaata wayyanneef gibiraa akkaa hin kafallee…fi hiidhaafi ajeechaan dubbattii nu hin deebisu jedhu.. gutummaa magaalaa Jaarsoof moraa manneen barnootaa akkasumas waajjiroota adda addaatti Qeerroon faccassuun jala deemtootaa wayyannee nasuu guddaa keessaa olchee jira..

Bitootesa 22, 2016
“Mootummaan TPLF malaa fi falli harkaa badee qawweeti rara’ee hafe ta’eerra.
Waraani faashistoota TPLF “mootumichi ” sodaa keessatti waan kufeef bakka hundatti qora qalbii ummata irratti dhiibaa fiduuf bobba’ee ummata sodaachiisuuf yaalii godhaa jira. Suuraan argitan kun magaalaa Finfinne keessatti qabalee adda addaa keessatti sakata’aa jira. Agaaziin Finfinnee tiksàa akka jiru ifaa ta’eetti jira. Hoggannootni faashistoota TPLF sodaan liqiimsamu isaaniitti agarsiisa malee jabinaa miti. Irreen bultootni guyyaan isaan du’an guyyaa nama duraa ajjeessan. Waan isaan sodaataniis yakka isaan hojjatan kanaa fi ummata yakka isaan hojjatan beeku kana. Faashistootni TPLF mootummoota Impaayyeera Itoophiyaa keessaa gara jabinaan hunda Caaluu. Saamiinsaanis kan ishii gahuu hin jiru.
#OromoProtests
Tarkaanfiin ummata Oromoo mooraalee waraanaatitti guuruu itti fufeeti jira. Bifuma kanaan Oromoonni 719 Arsii Lixaa irraa, 537 ammoo Shawaa Lixaa irraa sanbattaan dabre kana gara mooraa Waraanaa Xoollaay geeffamanii jiran. Walumaagalatti yeroo ammaa Oromoo kuma sadi ( 3000) oltu torbanuma lamaan dabre kana Xoollay geeffame.
==================
shipping arrested protesters to concentration camp continues. Accordingly 719 prisoners from West Asi, 537 from West Shawa have been sent to Xolay Military Camp over the weekend. In total Xolay currently hosts more than 3000 Oromo political prisoners who taken there just in the last two weeks
#OromoProtests-(22.03.2016, #DiddaaOromoo, Oromiyaa) Mootummaan Wayyaanee hidhaa fi ukkaamsaa jabeessus, diddaa Oromoo dhaabuu hin dandeenye. Yeroo ammaa kanatti Oromiyaa giddu galaa magaalota keessatti #FalmaaXumuraGarbummaa itti fufee jira.
Hamma kana, fakkeenyaaf, magaalaa Giincii keessaatti mormiin cimaan gaggeeffamaa jira. Qeerroon magaalaa Giincii daandii cufun mormii isaanii mul’iisa jiru.
Humnoonni Agaaziis ummata reebaa jiru. Tajaajilli geejjjibaas sababa kanaan danqamee jira.

#OromoProtests Suurawwaan olitti mul’atan kun hirmaannaa BARATTOONNI Yuunivarsiitii ABUUNAA Gindabarat b/taa Tolasaa Dhufeeraa Electrical engineering waggaa 4ffaa Yuunivarsiitii Haramayaa keessatti baatii lamaan dura wareegameef maatiisaa bira deemuun gadda qabanii fi balaaleffannaa mootummaa wayyaanee ummata Oromoo irratti fudhataa jiru ibsuu isaanii mul’isa.
#BilisummaaOromoo-(22.03.2016, #DuulaGumaabaas,Oromiyaa) Qe’een Kun manguddooo kanaaf ardaa nagaa fi araaraa ture. Har’a garuu Qe’een isaanii alagaaf ardaa aannanii fi dammaa ti. Maanguddoon kana dabalatee horiin isaanii illee qabbana dhabanii jiru; marga jiidhaa argachuu hin dnada’an. Ardaa dhalootaa san, Qe’ee itti dhalatan, humnaan saamaman. Isaan duubaan kan mul’atu ergaa guddaa dabarsan; isaanis horiin isaanis otuu hin jaalatiin ardaa isaaanitti dugda galanii jiru.

Ethiopian farmer on his farmland in front of Country Club Developers properties in Addis Ababa, Ehiopia. Photographer: William Davison/Bloomberg