Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

SBO, July 6, 2016

$
0
0





(SBO/VOL – Adoolessa 05,2016) Adoolessa 4,2016 Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Keessatti Waraana Poolisii Federalaa Dhalootaan Oromoo Ta’anii fi kanneen Ergamtoota wayyaanee Ta’aan Gidduutti Wal haleellaan dhalachuun gabaafame!

Humni Poolisii Federaalaa fi Waraanii Agaazii lakkoofsaan heddumina qaban magaalaa Amboo irra qubsiifamuun ummata Oromoo shororkeessuun kan beekaamanii dha.

Poolisoota Federaalaa Wayyaanee fi ilmaan Oromoo achi keessatti argamaan waliin walitti bu’insii guddaan dhalachuun sabboontootni Poolisootni Oromoo ta’anii fi kanneen ergamtuu wayyaanee ta’an waliin dhukaasaa wal irratti bananiiru. Dhukaasa kanaanis poolisootni ergamtuu wayyaanee lamaa ol kan ajjeefaman yoo ta’u, Poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an keessaa tokko wareegamuun ibsameera. Poolisootni hedduun madeeffamuun du’aa fi jireenya gidduutti akka argamanis ibsameera.

Yakki Waraanaa Uummata Oromoo ummata sivilii irratti gaggeeffamaa jiraachuu irra waraanaa fi poolisoota sirnicha keessatti walii isaanii gidduutti wal shakkii guddaan dhalachuun afaan qawwee walitti naanneessanii wal haleeluun kan eegalamee jiru ta’uun hubatamera.

Poolisiin Federaalaa dhalootaan Affaar ta’e tokkos poolisoota ajjeechaaf barbaadu barbaadee waan dhabeef haadha manaa isaatti dhukaasuun haalaan madooftee hospitaala jiraachuu maddeen gabaasaaniiru.

Poolisoota dhukaasa wal irratti bananiin kanneen wareegaman keessaa

1. Poolisii Tasfaayee Bahaaruu dhalootaan Oromoo, Bakki Dhaloota isaa Baalee, Agaarfaa ta’uun mirkanaa’era.

2.Poolisiin 2ffaan kan ajjeefame dhalootaan uummata kibbaa Sidaamaa yoo ta’uu, yeroof maqaa isaa hin beekamne.

3.Poolisootni wayyaanee dhalootaan Tigree ta’an lamaa olitti lakka’aman kanneen dhukaasa poolisoota Oromoo waliin wal irratti bananiin ajjeefaman yeroof maqaan isaanii kan gargar hin baane ta’uunis ibsamera. Poolisootni hedduun kanneen madeeffaman jiraachuun ibsamera.

Haaluma kanaan magaalaan Amboo caalmaatti gara Dirree waraanaatti jijjiiramtee jiraachuun raafama guddaa keessa galtee kan jirtu ta’uun hubatamera.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469