Dhiyeenya kana Adoolessa 12, 2016 ykn Adoolessa 4, 2008 ALH gaafa ji’a saddeetessoo Warraaqsi Oromoo kan Oomiyaa handaara arfaniinuu raasa bahe itti eegalametti mormiin Goondar keessatti jalqabeera. Mormiin kun kan bu’uura godhate gaaffii eennummaa akka ta’e himameera. Gaaffiin kun uummanni naannoo Wolqaayit-Xegedee jiraatu nu Amaara malee Tigree moti jechuudhaan wolqabatee ta’uun beekkameera. Humnoonni mootummaa Woyyaanee gaaffii tana seeraan furuu dhiisanii ajjeechaa fi hidhaa raawwachuuf yo socho’an uummataan wolitta bu’uu isaaniitiin lubbuun nama 10 ol galaafatamuunille beekkameera. Haala kana gad-fageenyaan xiinxaluudhaan, haalli ollaa keenya keessatti deemu kamuu qabsoo keennarrattille dhiibbaa kan qabu waan ta’eef ibsa armaan gadii kennineerra.
- Gaaffii mirgaa kan uummanni kaasu kan eenyummaa ta’e kan biraa murtee uummataatiin deebisuu malee humnaan ukkamsuu yaaluu cimsinee mormina. Ajjeechaa Hawaasa Goondar irratti fudhatamaa jiru ni balaaleffanna.
- Hidhamtoonni siyaasaa kan gaaffii mirgaa gaafachuu isaanii qofaan, yaada ofii bilisaan waan ibsataniif qofa hidhaman marti haa hiikaman. Humnoonni ji’oota saddeettan darban keessa yakka ajjeechaa raawwatan gocha yakkaa isaaniitiif itti haa gaafataman.
- Mootummaan wayyanee ummattoota biyya Sanaa dabaree dabareen ajjeesaa fi dararaa garaagaraa irraan gahaa jira. Kanaafuu yeroo sabni tokko miidhamu inni ollaa taa’uu hin qabu. Keessattuu qabsoon uummata ollaa keennaatiin gaggeeffamaa jiru irree woyyaanee kan laaffisuu fi humna ishii kan bittimsu waan ta’eef qabsoo teennaaf tumsa malee gufuu moti. Qabsoon Uummanni biyyittii Sanaa Wayyaanerratti gaggeessu kan wal-tumsu malee kan wal-faallessu waan hin taaneef qindaawuu qaba. Uummani keennalleen haala kanaan akka hubatu feena.
- ”Uummanni Dammaqe, kan ijaaramee fi kan hidhate ni moo’a” dubbiin jettu tan Hayilee Fidaa tun yoomiyyuu ni hojjatti. Kanarratti hundaa’uudhaan dargagoonni Oromoo fi deeggartoonni qabsoo kanaa bakka jiran hundatti wali ijaaruuniifii gurmuudhaan qabsoo kana akka finiinsan gaafanna. Caasaa cimaa kan diinaan akka salphaatti hin diigamneen walcimsee deemamuu qaba.
Injifannoon Uummata Bal’aaf!
Gurmuu Deeggarsa Kongiressii Federaala Oromoo Idil-addunyaa
Adoolessa 16, 2016
Minneapolis, Minnesota