#Oromooprotests
DHAAMSA HATATTAMAA QEEYROO ASABOOT IRRAA
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
NUTI ILMAAN ABBAA TOKKOOTI GOSUMMAA FII IBIDDAANIIS WAL HIN QOONNU.
Akkuma bekkamu ulee fi hidhaa yeroo amma nurra jirru ni beytan.Kana kan gaggessa jiru warabessa kantibaa jadhamu ABDULAKIM USMAN GURRACHA fi jala demtuu isatti. Kessattu yeroo amma tana akka tokkumman keenya fashalaa’u dubbii gara gosummaan wal qoodutti akka dabartu godhee jira.
Hojjatoota bulchinsa magalaati fii milishaa hunda gosa isaa malee hojii irra dhaabe jira. Kara biraatin torbee darbe guutuu gosa isaa hunda hanga damina isanitti yamani torbee guutu angoo irra na tursisuudhaf “isin nama na jibbu gamtaan sodachisuu qabdan” jedhee irratti walii galan. Kana malees namoota lammiif sirritti hojjatan kan akka ABDALLA WADAAy , NUUREE LIQAANBARAA fii kannen biraatis kan gosa isaa hin tahin hunda hojii irra ari’ee jira.
Bakka Nuureedha nama dhiiga ijoolle tenyaa abdulakimi wajjiin tahee dhugaa ture Dasii kan jedhamu liqanbari magaalatif akka filuu deemu fi bakka Abdalla wadaay nama isa wajjin ummata cunqursu jala demtuu isaa akka filuu deemu shakkii tokko malee addan baafanne jirra. Kanas guyya muraasa booda ni dhageessan.
Yaa lammi nu dhumnee jirra,Dargaggonni,manguddonni, hawwan,ijooleen teenya uleedhan faayidaa dhabanii jiran. Yaa qerroo me namticha ABDULAKIM USMAN jedhamuu kana akkam gona? Haa mari’annu,haa iyyinuu!! Via Sirkanan Ahmed
Adoolessa 22/2016
Warraaqsi biyyaalessaa yeroo ammaa harargee Awwadaayittti dhoohee jira.
Abbaan biyyaa ABO dha
Gabrummaan hin bullu jechuun qeerron Awwadaay dhaadannoo dhageessisaa jirti. Via Oromiyaa Harmeekoo
Adoolessa 22,2016) Godina Arsii keessatti farreenii fi lukkeelee basaasota diinaa ta’an irratti tarkaanfiin adabbii jabaatee itti fufe.
Akka maddeen ibsanitti Arsii Bahaa magaalaa Sireetti Adoolessa 19,2016 basaasummaa irratti bobba’uun warraaqsa ummata Oromoo FXGtti gufuu kan ta’an Amaan Jundii fi Baqqalaaa Urgeessaa namoota jedhaman irratti tarkaafiin fudhatameera.
Basaasotni kunniin magaalaa Dheeraattii yaalamaa jiraachunis himameera. Via Gadaa Araaraa
#OromoProtests Oolmaa Mormii Magaala Taltallee Godinaa Boorana Guyyaa Hardha Adolessa 21, 2016! Via Hangasuu Mohammed Wado
#OromoProtests oduu naannoo godina Iluubabor.asa baate.
”Oduu naannoo keenyatti FXG ilaalchisee godina ilubabor magaala daarimmu keessatti ummatni tokkummaqn ba’uun gaaffii abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffachuu gaafatee jira. Haaluma kanaan waraanni mootummaa namni sadii kan du’an yoo ta’u uummata keessaa garuu kan due hanga yonaa yoo hin jiraatinis garuu namni hedduun mana yaalaa akka seenan himame.kanaaf kun fincila guyyaa haraa deemsifamaa ooldha kanaaf akka qilleensarra nuuf oolchitu kabajaan iin gaafanna dirqama” lammummaa wajjin. Via Hassan Ismail
#OromoProtests Oduu halkan edaa July 21, 2016 karaa keessaatiin na qaqqabde.
::::::::::::::::::::::::::.
”Hi hassan akkam jirta nagaadha? Ani ….. jedhama.kaniin jiraadhu lixa shawa magaala ginciiti. Siifin bareessa jedhen ture garuu conection wan hinnjirref ture. Akkuma beekamu hara magaala ginciifi naanno ishe kan akka magala xiqqo mogor keessatti woraana cimaatu ademsifamuu jira. Worana motumma garasanatti bobbae oraali 12 caala. Polisin federala hanga ani argefi dhagaetti nama 6 due kanadaemmoo gara nama 18 caalu jedhamee yaadama. Ummata keessaas kan du’e hanga ammaatti nama 3.woraana cimaatu geggeffamaa jira. Lolli kun humna woraana WBO ti wajjin yeroo ammaa kana aagalee meeshaa gurguddaatu dhaga’ama jira. Galgala kanallee baayee woraanni cimaadha. Kanaaf akkati waan heddu post godhaa jirtu waanin argeefin siif erge ganamas haala itti bulame ilaaleen siif erga. Jireenyakof waan risk qabuufin iccitiin kara inbox kee siif erge.kan ani amma siif erge kun waan qabatamaafi qulqullaaedha. Adaraa post nuuf godhi nuti qeerron oromoos as biyya keesaa qabsoo finiinsaa jirra information jiru maras isiniin geenya. Bilisummaan uummata” oromoof. Via Hassan Ismail