Saphaloo Kadiir irraa
Arra danuu kuffiftee aftee lafa irra,
Harka diinaatti galtuus akka carraa,
Humaa abdiin kutin yaa leenca koo,
Rabbiin guddaan siif haa tahu irkoo,
Hattee miti diina kuffifteeti malee,
Yaa sanyii goota goonni caalu dhale,
Siin boonna! si yaadannaas yoomuu,
Qarri saanjaa keetii tasa’in doomuu,
Wareegama qaalii ati baafte dhugaa,
Biyyet laayxee naasifte jara muugaa,
Galmee dhugaarra keesse injifannoo,
Eenyuu buusa sii ol fageesse fannoo,
Osuma isaan harka jirtuu suuta dagii,
Miliqii bahi yaa sanyii Laggasaa Wagii
Ka akka keetii kun leenci leenca caalu,
Ka arku bishaana’u diinni yoo isa laalu,
Diina harka bu’ee qabamuun ‘in mallee,
Osoo ka akka keetii dhalatee ammallee,
Abdii hin murin leenci abdii hin muruu,
Haga adurreelee lubbuu keessaa guuruu,
Sanyii Taaddee – sanyii Elemoo Qilxuu,
Humaa hin taatu hanga diinakee fixxuu,
Sanyii koo Jaal Kiyyoo Boruu Halaakee,
Diinni naheetuu du’a agarraan fuula kee,
Yeroonuu geessee abbaa mirgaa taataa,
Abshir tokkicha koo bilisummaan baata.
—–
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Adooleessa 28, 2016.