SEENAA Y.G(2005)
Qabasoon Walabummaa/Bilisummaa Oromoo sadarkaan irra jiru, akka kaleessaa kan hawwii qofaan guutamanii dubbatanii miti. Ilmaan Oromoo akka kaleessaa “Tokkummaan humna” jedhanii , adaraa waaqaa fi lafaa haa tokkomnu jedhanii yeroo itti wal kadhatan irra hin jirru. Bilisummaa fi injifannoo warra kaanii ilaallee, hinaaffaan atu nuutis akkas taanee jennee of nyaachuu irra hin jirru. Har’a wareegamni qaaliin itti kafalamee “HUMNA TOKKUMMAA” itti argisiisaa jirra. Dhalli Oromoo Biyya keessa jiraatu, humna tokkummaa diinatti argisiisaa jira. Humnuma tokkomee kanaatu diina raasee hegaree isaa akka mil’atee ilaaluu taasisaa jira. Biyya alaattis humni tokkomee bu’aa maalii galmeesisaa akka jiru ijaan argaa jirra. Qabsoon Oromoo kana booda Injifannoo barbaadamu galmeesisaa deemuu irraa , humna dabalataa horachaa deema malee, akka tokkomuuf sochii taasifamuun humna hin buusuu.
Bakka jiran beekuun, bakka ga’an herreeganii waan bakka ga’an sanaaf gamanumaa akka qophaa’aan nama taasisa. bakka jiran wallaaluu fi waan irra ga’an hubachuu dhabuun, wallaalaa nama taasisa. Maanguddoomanii qalbiin ijoollee ta’uu dhugeessa. Waan irra ga’an beekaa ykn ani keessa hin jiru taanaan ,, jedhanii halaakuunis duubarra salphachuu fida. Ilamaan Oromoo hundi, warra har’allee arrabaan dheeratan dabalatee wanni hubachuu qaban, qabsoon wareegama qabsaa’ootaa fi dhaloota har’aan Sadarkaan kanarra ga’ee jiru, deeggarsa xiinxaltoota xobbee dhabee mitii, shirri fi hammeenyi addunyaadhaanu duubatti akak hin deebineedha. Inifannootu hundayyuu karaatti deebisaa deema. Qabsoon Oromoo bifa hundaan gaggeeffamaa jiru, har’a dabeessaa fi kashalabboota kabajaa hin qabneen , ofii waa osoo hin hojjannee, isuma jiru dhabamsiisuuf warra abbalaniin , hin hongaawu. Tokkummaan humnaa jechaa bara hin lakkaa’uu. Warra hiikkaa tokkummaa hubatee, humnatti jijjiirrateen inuma itti fufa. Wareegamni dhalootaa firii humna tokkummaati !!! qoosaa mitii. Qabsoon Oromoo diinaaf yaaddeessaa ta’uu guyyaa saafaa addunyaa irratti lallabamaa osoo jiruu, odoo arginuu fi dhageenyuu, Qabsaa’oota Oromoo walitti qabanii qabsoo kanaaf furmaata hin fiddan jedhanii warri legelleegan, ammallee sadarkaan qabsoo Oromoo maal irra akka jiru Ifatti akka ilaalaniif ija banadhaa jennaan. Qabsoon Oromoo kana booda maaloo maqaa keessaniif boodatti harkifannee jedhee duubatti deebi’ee isaaniin hin qixxaatu. Hin eeggatu.
Baabura Qabsoo Oromoo jechuun, Baabuura wayyaanee Finfinnee keessaa miti.baabuura haqarra ejjatee, dhiiga Ilmaan cunqurfamoo irra oofamuu miti. baabuura miidhaa Ummatootaa haguuguuf umamee miti. Baaburri Qabsoo Oromoo , baabuura haqaatii. baabuura yeroo dantaa ofii qofaa itti tajaajilamanii keessaa harca’anii mitii. Kaleessa baabuura kanatu nu geessa jedhanii yaabbatanii, mijachuu dinnaan, keessaa bu’anii kan biraatti ce’anii miti. baabuura dhugaatii. Baabuura hadhaa hedduu qabdu. Baabuura injifannoo fi walbummaatti nama geessitu.karaan ishee dheeraa. Galiin ishee fagoo. Obsaa fi murannoo kan gaafattu. Baaburri shufeeroota muratoon oofamtu kun, warra dadhabee fi laafate, akkasumas kan isaan gananii keessaa harca’aniif , baabuura finfinnee dhiigaan laaqamee cinaa geessanii hin dhaabbattu. Cubbamoota daddeebisuuf gonkumaa hin yaaddu. Jabiinaa fi cichoomiina isheen kunoo humna tokkummaa diinatti argisiisu oomshitee lammii boosaa jirti.
Qabsoon Oromoo milkaa’iinaan akka goolabamuu, diinnu guyyaa saafaa amanaa jira. Hegaree isaaniif yaadda’anii ifatti waan isaan baasuu lallabuu eegalanii jiran. Warri galata hin qabnee fi kabajaa hin qabnee kun hin liqifamuuf. wareegama Ilmaan Oromoon , dhimmi Oromoo ajandaa addunyaa addatti , ajandaa Senaataroota Ameerikaa ta’uu isaa ifatti osoo arganii, qabsoon gaggeeffamaa jiru bu’aa buusee hin qabu jedhanii diina qixxee falmaa jiran. Dhaaboonni siyaasaa addunyaa irraa hundumtuu hanqina qaban. Hanqinni isaan keessa ture nu keessas jira. Sirreessuu fi keessatti hirmaatanii yaada dhiheessuu kaasee ofiin amma qajeelchuutti of kennuun kan abbaati. Lubbuu ofii mararfachaa qabsoon gonkumaa hin jiru. Waraanumayyuu qabaayii ???? jedhanii arraba dheeratu. Wayyaaneen ammoo waraana Bilisummaa Oromoon qabadhee jettee midiyaa irra baaftii. Xinxaltoonni Hogganni bu’uu qabaa jedhu. Dadhaboodhaa, dulloomaniiru kkf jedhu. Wayyaaneen ammoo ega angotti dhufnee qormaati tokkoffaa keenya Hogganootuma kamataman kana tarrisu . eenyutu dhugaatti jira ? hedduu nama gaddisiisa. Xiinxaltoonni keenya har’allee tokkummaan hin jiruu jedhu. Ijoolleen Biyya keessaa kaabaa kibba, bahaa dhihaatti raajii hojjachaa jirti. Warri tokkummaan dhibee jedhan kun, miidiyaama irrattillee ofii tokkomanii hin beekan. Wayyaaneen ammoo ABOn ijoollee nurratti bobbaasee, Biyya foxxoqisuufii jedhee halkanii fi guyyaa lallaba. Addunyaan ammoo gama biraan , gaaffiin ummata kanaa dhugaadhaa, wayyaaneen dhugaa kana liqimsuu qabdii jechaa jiru. amma kana keessaa qabsoon keenya sadarkaan inni irra ga’ee jiru kan ibsuu isa kam??? ???
Galanni Gootoota wareegamanii fi Qabsaa’oota cichoominaan jiraniif haa ta’uutii, Qabsoon Oromoo furmaata baroota dheeraa keessatti hawwiinu keessa dabree, Umurii wayyaanee waggoota muraasa keessatti jennee tilmaamuu irra geenyee jirra. Kufaatiin wayyaanee 100/100 mirkana. har’a WALABOOMUUF qofa osoo hin taanee, WALABUMMAAN duuba waan nu eeggatuuf marii eegallee jirra. Haalaa fi akkaataa teessuma Oromiyaa irraa, tarii walabummaan booda wareegama gama hundaan nuuti baafnuu, wareegama walabummaan duraa caaluu akka danda’uu tilmaamuun eegalamee jira. Kana jechuun abdii nu kutachisaaf osoo hin taanee, wareegama sana hanqisuuf har’aa kaafnee waan hojjachuu qabnuu akka jiru wal hubachiisuufi. Walabummaan booda halgaa irraa mitii , akka Ummataattu qormaata hedduu ulfaataatu nu eeggata. Qormaata nu eeggatu kana keessa dabruuf, qophiin barbaachisu eegalamuus mala. garuu haalaan qophaa’uu nu feesisa. Hin abjoottaa akka naan hin jenne. Kufaatiin wayyaanee dhugaadhaa hin shakkiinaa.
Shirri diinaa lakkoofsa hin qabu. Shiraan Kufaatii isaa illee ni dhoksa. maaliif jennaan, inni isa kuffisee qophii akka hin godhannee fi ega kufee booda isa hadheessuuf jedhama. Wayyaaneen miidiyaa irra jirti malee Biyya bulchuu irra hin jirtuu jedhama. Isheen garuu jiraachuu ishee miidiyaa of harkaa qabduun osoo hin taanee, bitamtoota midiyaalee hawaasaa adda addaa irratti bobbaaftee jiraachuu isheef ragaa lakkofti. Har’a nuuti holola kana hundaa irra tarree, keessa keenya ifatti itti argisiisaa jirra. Funyaan ishee jalatti goota meeqa uumnee sirna ishee mogolee jalaa kaafneerra. Kun dhugaa !!!! humna tokkummaa amma jiruun wayyaanee kan raafnee, humna qabaachuu qabnu keessaa harka walakkaa irra yoo geenyee, wayyaaneen hin jirtu. Humna kana harka walakkaatti butaa fi sadarkaa sana irra gaafa geenyu waan goonfannu fi isa booda jiruufis har’umaa yaaduu fi qophaa’uun hedduu barbaachisaadha.
Barreeffamakoo kutaa dheeraan qophaa’ee kanatti seenuuf yaadoota har’aa qalbiin qabadhaa. hanga har’aatti akkaataa sadarkaa har’a irra jirru dhaqabuuf yaadoota waliif hiraa fi wal gorfachaa turree jirra. Yaadaa fi gorsa wayyaanee lafaan ga’uu caalaa har’aa kan nuuti fardeessu qabnuu, wayyaaneen kufuun booda kan jiruuf ta’uu qaba jedheen amana. Akka walii galaatti, sochii kana boodaa kan ce’umsaatti fudhachaa , kan galii keenyaa fi galii keenyaan booda jiru irratti mari’achuu eegaluun dansaadha jedheen amana.
Kana booda maaltu nurraa eegama ? maaltu nu hafa ? maaltu nu barbaachisa ? hanga Bilisummaatti maaltu nu hafa ? Bilisummaan booda maaltu nu eeggata ? yaadoota kana bal’inaan dhiheessuun barbaada. Kufaatiin wayyaanee mirkana. Yoom kuftiinillee jabiina keenyaan murtaa’aa malee jabiina wayyaaneen miti. sadarkaa kanarra ga’uuf, wareegamni dhalootaa fi qabsaa’ootaa bakka ol aanaa qaba. wareegama kana firii itti gochuun kan danda’amuu Walaboomuu qofaan osoo hin taanee, walaboomuu ykn bilisoomuun booda waan jiruun mirkaneessuu barbaachisaadha. wayyaanoota keessaa har’aa kan dhaga’aa jirru, nuuti ganna amma kana kan qabsoofneef waan har’a argaa jirru kanaaf mitii jechuu ega eegalanii bubbulanii jiran. Rakkoon jireenya hawaasummaa irra ga’aa jiru sadarkaa yaaddeessaa irra ga’aa jiraachuu himamee jira. Kun akkaataa hawaasa isaanii gaggeessan irraa madda. Nuuti woo bor maaltu nu eeggata ? kana hudnaa ilaalla. Kanas , muuxannoo Biyyoota Bilisoomanii , Dhaaboota siyaasaa milkaa’anii hanga tokko fudhannee ilaalla ? kanneen keessaa haala qabatamaa Sudaan kibbaa,,,,Filitsixeem ,,,,,Ertiraa,,,,,,,Tigiraayi,,,,,,Somaaliyaa,,,,,Afriikaa-Kibbaa,,,,,Itoophiyaa-wayyaanee,,,,,,,,,jibuutii ,,,,,,,Affaar,,,,,Jibuutii,,,,,Amantii,,,, Jireenya Hawaasummaa,,,,Siyaasaa kkf hundaa kaafnee hegaree keenya waliin irratti dubbanna. Maaliif jennaan amma yeroo isaa waan ta’eef. Akka Ummataatti yaaduu fi akka siyaasaatti yaaduun garaagarummaa maalii qaba ? akka siyaasaa fi qabsaa’aatti yaaduun maal jechuudha ? akka Ummataa fi qabsaa’aatti yaadunoo ? akka Ummataa fi Bulchaatti yaadun tokko ? garaagarumman maalii ? kana hundaa ilaalla .Kutaa 2ffaatti walitti deebina.
GALATOOMAA !!!!
HORAA BULAA !!!!