SEENAA Y.G(2005) kutaa 2ffaa

Tokkummaan Humna!!
Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa ummata keenyaa hawwinee yeroo onneen nu dhikkifattuu, yeroo bilisummaa warra kaanii ilaallee, hinaaffaan guggubannuu, wayita miidhaa Ummata keenya irra ga’aa jiru ilaallee garaachaa ciincofnuu,,,waan biraas yeroo of irratti uumnuu, gaaffii of gaafachuu qabnuutu jira. Ani maalan gumaachee ? isa jedhu. yoo qabxii kana irratti deebii quubsaa kennitan, rakkoo waan jettan guutummaatti hiiktu. Gubachuun hafee qabbanooftu. Yoo ta’uu baatee garuu waan jiru miti isa hin jirrellee dhabamsiisuuf ifaajjitu. Hanguma qabsoon yeroo fudhataa deemu ammoo, siyaasi addunyaa fi gabroomsaa akkasuma jabaataa, gaaffii keenya irratti gaaffii biraa kaasisaa fi dantaan humnoota adda addaa dabalamaa deemuu irraa, haala wal xaxaa seenuun waan hin hafnee. Yeroo qabsoo komannu, jajjaboo keenya, qabsaa’oota cichanii jiranitti, qeerrootti quba qabnuu, jalaqaba ani maal keessan jiraa ? jedhanii of gaafachuun dansaadha. Rakkataan yoo du’uun carraa isaatii jennee, du’uun lammii ofiis akkasumaan bira tarra. Isa olchuf hin dhimminu. Du’i isaas akkasuma. Garuu, rakkataa sanaaf waa gumaachinee du’ee waa lama yaaduu eegalle.yoon durseema isa gargaaree jennee gaabbina. Inni lammaffaa ammuma gargaaran saniin of jajjabeessan. Itti dabalata, madda rakkoo nama Sanaa irratti hojjatanii furmaata dhumaa soqan.
Qabsoo Oromoo yeroo xiinxalluu yaada afaanii haga funyaanii irratti rarra’uu dhiisanii, yaadoota hegaree siyaasa tokkof firii argamsiisan irratti yaada laachuutu gaariidha. Tattaaffiin diinni soofaa irra ciisee keessa keenya argatuu taasiisuun, gonkumaa ummata kanaaf yaadu miti. Sobboonummaa warra gawwaa yoo hin ta’iin. Baayyeen keenya Diina keenya jennee kanneen tarrifnuu, wayyaanee, Amaaraa jennee dhaabbanna.kun dogoggra guddaadha. Akka kiyyatti jara akkasi irraa waan hubadhuu, warri siyaasaa fi haala qabsoo Oromoo mata-duree ummannee dhiheessinu kun , yaada dheedhii ta’uu qofaa osoo hin taanee, abbaan waan sana dubbatuu Ummata miliyoon 45 dura dhaabbachuuf ga’uumsa akka hin qabneettin gorsa. Keessattu waan ofii hojjatan ummatatti osoo asi hin baasiin, dhaabbilee siyaasaa mitii maatii gammachuu qabu osoo hin uumiin, callisaniima quba namatti qabuun wallaalummaadha. Diinni keenya meeqa ? diina nutti heddummaatu kana gidduu galeessa godhannee tarsiimoo fi toftaan ba’uu kan akkamii ta’uu qaba ? kkfn Raawwachuu fi raawwachiisuu keessatti wareegama barbaachisuu kafaluuf kan hin qophaa’iin, komeen akka ija xaafii facaafnuu , kan nu fayyisuu moo, dhukkuba keenya kaa jabeessuudha ?
Rakkoo gama hundaa dandamannee har’a bakka jirru irra geenyee jirra. Diinni jabaatee karaa nu eeggatu dagachiifnee, karaa inni hin yaadiin itti dhufnee keessa isaa burkuteessinee jirra. Oromoon Intarneeta irraa qabsaa’oota qeequ kun ABOn ijoollee kana waliin hin jiru jedhee ragaa ABO kennuun soofaa wayyaanootaaf ga’uu barbaadu kun, dubbii dhiisee bu’aan Oromoon wareegama ijoollee isaan argateen maaliif hin gammadu. Hin boonu.lakkii bakka jirtanitti gurmaa’aa yeroo jedhamu dhiqqaa na qabaa jechaa, waan caasaan hojjatamu yoo isa bira ga’uu didee maaliif deebi’ee of hin ilaalu. Waa dhaabni hojjatu isa fuunfachiisuun dirqamaa? ABOn humna hin qabu jedhu. Wayyaaneen ammoo lultuu WBOn qabadhee jetti. Hogganni ABO hin jiru jedhu. Hoggaana dhaabaa keessaa wal ga’iin Faranjiinuu waamtu irratti marii gaggeessuu dhageenya ykn daawwanna. Garaagarummaan kun maal irraati ?
Qabxiilee kanneen barruu kiyya kutaa xumuraa irrattin itti deebi’a. akka yaada walii galaatti, kutaa har’aa keessatti muuxannoo qabsoo Biyyootaa yk dhaabbilee siyaasaa kaaseen, dhuma irratti maaltu nu eeggataattan deebi’aa obsumaan dubbisaa. Waa’ee Biyyoota kanaa gadi fageenyaan hin kaasuu na ofkalchaa. Maaliif jennaan, yeroo dheeraa barbaada. Waanuma keessaa barachuu dandeenyu qofaan keessaa fuudhaa narra hin ilaaliinaa. Hangumaa karaa gabrummaa lakkaa’uun nutti jabaattee, Bilisummaan nutti dhihaachunis nutti jabaachaa jirtiti waan ta’eef!!!!!!
AFRIIKAA KIBBAA:-
Biyyi kun ega Bilisoomtee waggoota lakkofsiftee jirti. Garuu warri kaleessa gamtaan Appaartaayidiin waliin falmaa ture, har’a amma tokko wal falmaa jiran. Adeemsa Bilisummaa isaanii mirkaneessun dura, ANC Maandeellaan Hogganamu keessatti garaagarummaan yaadaa tureera. Garaagarummaan kun kaayyoo dhaabaa irratti miti. dhaabbileen siyaasaa tura hundi bilisummaa jedhu turan, garaagarummaan isaanii attamiin warra adi jalaa baanaa isa jedhu irratti. Maandeellaan,,,,warra aditti hin buunuu gaafa miila lamaan dhaabbannee isaan dorgomnee Biyya keenyaa dhuunfannaa yaada jedhuu of keessaa qaba. inni kaan ammoo yerooma hin laannuf ariineema baafnaa ka jedhu. Maandeellaan hammeenya isaanii hammeenyaan osoo hin taanee , jaalalaan moonaatti harkifata. Yeroo xumura gabrummaa irra turanitti, Afriikaa kibbaa keessa Lammillee Ingilizii qofti 350,000 ol turan. Qabeenyaan guutuun isaan harka turte. Har’allee garri caalu.. Warri gurraachaa ammoo, waggoota dheeraan akka biyyaa baqatanii of wallaalan taasifamaa ture. akkuma wayyaanee kana qaroo ajjeessaa , hidhaatti guuraa fi Biyyaa baasaa jiraatan. Kana Biraan miidhaan eenyummaa isaanii irra ture isa hunda caalu. Xumura irratti yaadi maandeellaa injifatee fi fudhatama argatee, faranjiin Biyyi kan gurraachaa ta’uu amantee akka lammii Biyya sanaatti akka jiraatan taasifame. Yeroo san Maandeellaan waraana jara sochoosu hin qabu. Fincila isaan fonqolcu garuu qaba ture. waan isaan mana hidhaa taa’aani hojjatan, hirmaannaa Ummataan bakka argatee, hidhaa ba’uun iyyuu kabajaan taate.
Maandeellaan yaada suuta Biyya harkaa fuunaa san maalii filatee ? yoo jennee waa hedduu ta’anis, tokko qofaa kaafna. Qabeenyaa %98 faranjii irra jiru mitii, humna Biyya bulchuu fi waajjira Bulchu of harkaa hin qabu ture. hin gurmeesine, hin ijaarree, hin leenjifne. kanaaf akka araarri ta’een, Biyya guutuutti gargaarsaan manneen barumsaa ijaaree barsiisuutti taa’ee. Keessa keessaan lammiileen isaanii Biyyatti akka deebisan taasisan. Gama biroon Lafti kan gurraachaa ta’uu ega fudhachisee booda, bakka warra adiif hayyamamu hundaa diigee gurraacha qubsiise. Gabaabaatti caasaa mootummaa fi dhaabbilee adda addaa keessatti, kaleessa adii 30 gurraacha tokko ture , har’a galagalchii gurraacha 30 adii tokko ta’aa jira. Dingdeenis akkasuma. Manneen murtii hundi adii qofaa turan . har’a garuu miti. kana hundaa ta’ee Afiriicaan kibbaa miila lamaan hin dhaabbatiin jirt. Bilisummaaf dhumanii, Bilisummaa keessatti nagaan jiraachuu rakkachaa jiran. Seera dhablummaa fi saamtummaa akkasumas hattummaa kaleessa warri adii keessa gadi dhaaban keessaa hin baane. Waan Appaartaayidii faranjii fi Maandeellaa kana irratti dubbi gabaabaan haa kaa’uu, Maandeellaan waan yaada isaa waggaa dheeraaf irratti qophaa’een waggaa dheeraa booda milkoome. Mana hidhaa keessatti dizaayina kana baasee.yeroo fudhatee hojjate. Gaafa Bilisoomnu hin jenne hubadhaa. Warri adiin ammoo yoo fincilli gurraachaa itti hammaatee sadarkaa xumuraa amma ga’uutti dura dhaabbatan waan irra ga’uu malu akeekkatan. Lammiilee isaanii kuma 350 Biyyatti deebisuuf deemu. Dingadee Biyyatti addatti achitti omishanii Biyya isaanitti fe’an dhabu. Kanaaf gaaffii warra gurraachaa fudhachuuf dirqamuu malee, Appaartaayidi sanitti gaabbanii miti. bakka Ingiliziin jirtu kanuma. Waan kana irraa waa hubannu inni guddaan, qulfiin furmaataa Biyyatti Ingilizoota harka ture isa jedhu. Maandeellaan dhiigaan furmaata argate dhugaadha. Warri adii kan waa fudhatan, dhiiga dhangala’uun osoo hin taanee, dantaa isaanii waliin waa hundaa hayyamanii hubadhaa.
SUDAAN KIBBAA / KIBBA SUDAAN :-
Diraamaan naannoo kana jiru ammoo, hedduu nama raaja. Bilisummaan sudaan argamuuf wareegamni itti kafalamuus, atu hin yaadamiin yeroo gabaabaa keessatti dhugoomuun isaa garuu , Ummata sanaaf bu’aa osoo hin taanee badii ulfaataa irratti uumaa jiraachuuf raga ta’aa . Bilisummaan kibba sudaan kun sagantaan isaa kan warra abbaa Biyyaa miti. yeroo Bilisummaan duraa, dhugumaa SPLn waraana albashiriin baasuu danda’aa turee ? kun gaaffi guddaadha. Faallaa isaa , Albashiiriin humna dhabsiisuuf, Sudaan Kibbaaf walabummaan barbaachisaadhaan sagantaa warra dhihaa gaaffii hin qabu ture. kana qofaa mitii, Albashiir boba’aa naannoo Sanaa fudhachuu jechuun maal akka ta’ee beekamaa waan ta’ee fi sanas daangeessuuf , humnoonni siyaasaa kibba sudaan muuxannoo Biyya bulchuu qabaachuu irra osoo hin ga’iin, leenjiin atu hin laatamiin akka raawwatamu ta’ee. Maddi rakkoo sudaan kibbaa har’aa, rakkoo dandeetti fi beekumsa Biyya bulchuu of keessaa qaba. inni har’aa wal hiranii wal haleelan maqaadhaa. Sammuu waliin haasa’uu fi ummataaf dursa kennuu hin qaban. Kana deeffachuun hedduu yeroo gaafata. Ammasitti rakkoon har’a arginu itti fufa.
Kana cinaan kan ilaalluu, rakkoo keessa warra sudaan kibbaa caalaa , dantaa Biyyootaatu raaree keessa ishee gataa jira. Wayyaaneen Ameerkaa fi warra dhihaatti aantee jirti.kan hedduu nama raajuu, du’aa Joon gaaraangiin akkatti ibsan, Joon gaaraang yaada maandeellaa qaba ture. keessatti of jabeessinaa. Warri iadiin ammoo Albashirin biratti yaadan. Wal ta’uu !!! Warri har’aa wal hammacan ammoo faallaa isaa. Isayyuu ta’ee yeroo isaanitti osoo hin taanee, sagantaa namaaf jedhanii Bilisummaa fudhatan. Wayyaaneen, karaa Sudaan kibbaa ABOn dahoo argata jettee jeequmsa amma loltuu seensiftee nama ajjeeftutti geessee nama barbaaddu irra kaa’uuf hojjachaa jirti. Albashiris warra adii qaaneessuuf amma danda’uu irratti hojjata. Inni kaan boba’aan akka hin baanee lafa irra harkisa. Inni kaan seenee saamuuf, yeroo wallaalummaan jiranitti guurrachuuf, Hogganoota matta’aa barsiisanii doolaaraan maachaa’aa jiru. jarri Biyya Bulchiinaa waliin jedhan muuxannoo Biyya kamiitu hin qaban. Ummati isaanii dammaqiinsa tokkollee hin qabu. Walitti deebi’ee wal akaa’aa jira. Kana ilaallee dammaqiinsa ummta keenyaa har’aa argaa jirra. Kana dinqisiifachuu qabna. Kan amaaraa garuu tigiree ari’uu fi ajjeesuun eegalee. Qawween eegalee jennee bilchina keenya bishaan itti naqina. Waan yeroo isaa hin eegnee akkuma sudaan kibbaa kana uuma. Ammas kan irratti xiyyaaffachuu qabdan, furtuun Biyya sudaan kibbaa warra Bilisummaaf manaa ba’ee osoo hin taanee, dantaa warra alaa gama hundaan ilaallatu ta’uu , dhiiga har’aa dhangala’aa jiru irraa hubachuu barbaachisa.furmaanni isaanii hedduu fagoodha. Akka Iraaqi, Siriyaa, ,,,,,,kkf.
SOMAALIYAA :-
Somaaliyaa bara Zayid baarreen booda jirtu kan gabrummaati. Waan har’a irra jiranis kan dharaati. Maqaatu jira malee, Biyyi hin jirtu. waan irratti hojjatamaa jiru gonkumaa waan hubatan hin fakkaatu. Shirri kun hundi nu irratti maaliif hojjatama jedhanii illee waan qorannoo taasisan natti hin fakaatu. Maaliif waan hin mul’anneen gabroomnee ? jedhanii of hin gaafatiin jiru. maaliif jennaan kan caalaa isaan balleessuu qophaa’aafii jira.somaaliyaa sadarkaa kanaan kan ga’ee, shira warra dhihaa 1ffaa yennaa ta’uu , inni lammaffaa , diyaaspooraa ayidolojii faranjii taargeetii isaaniin isaan geessu warra fudhatanii . Alshabaab,,,,Itihaad,, kkf jedhamanii kan odeessamu anaaf sadarkaa lammaffaa irra jiran. Maaliif gaaffiin jedhu kaanaan, gaaffiileen biroo dursanii deebii argachuu qaban ni jiru. jarri kun bara zayide baarree tureni? addunyaa irraa Ummata Afaan tokko fi amantii tokko qabu jedhamee galmeeffamee, har’aa maaltu giddutti dhalate ?
ani rakkoon hangafaa, akkuma Sudaan Kibbaa, boba’aa bara 2020 gabaa addunyaatti dhihaachuuf jiruudha. Waggaa amma kana waraanni fi jeequmsi dhaga’uuf nama nuffisiisuu osoo gaggeeffamuu warshaan boba’aa saa’uudiin dorgomuu Ameerikaan ijaaramee , isayyuu lafa jalaa fi bishaan keessatti ijaaramee dhumuun isaa nama hin raajuu ? bara 2020 kaaseemmoo somaaliyaa keessatti nagaan barbaachisaa jedhamee, biyyi biraa jeequmsaaf qopheeffamaa jirti. Itoophiyaa yk Keniyaa. Wayyaaneen ammoo waan gooftaan ishee jedhanii somaaliyaa keessatti raawwachuuf tole jechuun, isa haqaa Ummata Biyya Sanaa furuuf osoo hin taanee, mooraa ABO guutummaatti achi jiru dhabamsiisuudha. Alshabaabitti osoo hin dhukaafnee, suduudaan waajjira ABO fi Hogganoonni dhaabaa eessa akka jiran adda baafattee itti dultee humnaan Biyyatti deebifte. Kaan hiitee ajjeefte.
Somaaliiyaaf yaaddoo guddaan, sadarkaa addunyaatti buqqai’iinsa irratti gaggeeffamaa jiruudha. Addunyaa irratti lammiilee Afiriikaa gara awuroppaatti baqachiifamanii sammuun dhiqamaa jiru tokkoffaan somaaliyaadha. Warri Idolojii warra dantaa yoo fudhataman Biyya dhaqanii Pirazadantii faa’aa ta’aa jira. Badiin inni lammaffaa hegaree isaanii miidhu ammoo, Addunyaa irraa saba Afaan tokko fi Amantii tokko qabu jedhamee faarfamu, shira heera mootummaa qopheeffatan keessatti, Somaaliyaan sirna Fedaraalaan akka bultu taasifamuuf taa’uu isheeti. Oromiyaan Sirna Fedaraalaan buluu. Saba tokko bakka sagalii fi isaa olitti adda baasuu. Guddittiin somaaliyaa haftee, xixinnoo 10 ta’uuf deeman.kana irrattis gadi fageenyaan kan hubachuu qabnuu, Dantaan warra alaa furtuu taatee akka jirtuudha. Furtuun isaanii kun akka hin cinneef ammoo, warrumti Nuutii somaliyaa ofiin jedhan karaa irra deeman wallaaluu jiraachuu isaaniitii. Ammas taanaan, waraanni warra dhihaa addatti ameerikaa, warshaa baayyee guddaa sana eeguuf qubachuun dirqama. Kana milkeessuuf, warra yaada isaanii fudhatan hanbisanii kaan buqqisuu, walitti naquu , nagaa dhabsiisuun itti fufa. Gaafa dantaa isaanii maallaqatti geeddaruu barbaadan ammoo, nagaa eenyullee hin jeeqine uuman. Addatti waan qabeenyaa isaanii ilaallatuun. Akeeki akkasii Afriikaa guutuuf jira. Kanaaf waraanni UN Afiriikaa keessa BAKKA Afuuri qubachuu qabaa jedhamee irratti hojjatamaa jira.
Biyyoota 3n kana irraa maal hubanna? waan keessa jirru irraa kaanee , maaltu nu hafaa? mee walbira qabaa ilaalaa? akka hawaasaatti, akka siyaasaatti, akka dhuunfaatti of gaafadhaa irratti hojjadhaa . dirree siyaasaa qofa irratti wal mudduu irra, ogummaa fi beekumsa keenyaan gurmoofnee dhaloota itti aanuuf waan hojjachuu qabnuu hin jiru? Biyyoota hafan Kutaa 3ffaatti walitti deebina.
GALATOOMAA !!!!
HORAA BULAA !!!!
1. TOKKUMMAAN HUMNA !!!!->->->HUMNA TOKKUMMAA !!!! Kutaa 1ffaa