When the city of St. Paul, MN #Mayor Chris made an speech and recognize the peaceful and hard working Oromo community in St. Paul, in the state MN, and beyond internationally.
#oromoprotests guyyaa 07,08,2016 Oduu oromiyaa magaalaa Amboo irraa
Magaalii Amboo kaleessaa irraa kaassee hangaa ammaatti raafama guddaa keessaa jirtii ,finciili uummaata har’as itti fufee oole jedhu jirraatoon ,poolisiin oromiyaa fi poolisiin fedderaala magaalaa keessaa hin muldhatani, magaalaa kan dhunfatee jiruu raayyaa ittisaa biyyaa(agaaze) yoo ta’uu isaannis irraa caalii saba Tigiree afaan Tigirfaa dubbatani,nama argani hundaa daa’ima,jarsaa fi jartii osoo hin jedhiini mana cabsanii reeba fi hidhaa jiruu .
hangaa ammaatti sagaleen dhukaasa magaalaa keessaa dhaga’amaa jiraa ,kan hidhaa jiruuf kan du’ee addaan baafachuun hin danda’aminee jedhuu.
Finicilaa kaleessaa keessaatti magaaluma ambootti mucaa waggaa kudha sadii (13) hin caalee alaabaa abo qofaa waan qabatee deema tureef Agaazen konkolaatan ari’anii irraa baasuun gara jabbinaan ajjeesaniiru jedhuu warrii ijaan argan.
#OromoProtests “Ergaa kibba Lixa shawaa anaa qarsaaf maallimaa magaala Lemman sadeen soddorraa nuuf dhufe:
Guyyaa kalesssaa 8 /6/2016 hiriira nagaa uummannii fi barattoonni hedduun karaa nagaatiin baanee galleerra haa tahu malee agaazii sa’aa booda magaala keenya galchisiisuun halkan tokkotti haga manni hidhaa guututti ol nu naqaa jiran.uummanni magaala leemman suuqii cufuun,hoteelota cufuun ,gabaa guddaa leemman mufannaa uummataatiin hiriirri bifa kanatti jijjiramee jira.Haa tahu malee hoteelota hamma kanaa osoo cufaa jiran hoteelli obbo Bulloo (Maallimaa Hoteel) kan jedhamu banuun Agaazotaaf nyaataa fi dhugaatii dhiyeessuun uummata keenya ficcisiisaa jira.seenaan boru akka isa gaafachuu dandahu uummanni leemman beeksisee jira.hoteela isaatiifis maqaa Maallimaa kennuun isaa hedduu nu qaanesseera.nuti uummanni qarsaa maallimaa namicha kanaaf obsa fixachaa jiraachuu keenya ibsuu barbaanna! Hojjottoonni OPDO aanaa qarsaa maallimaallee hedduu itti mufatanii jira.inni Agaazii waliin Cooma nyaachaa ,nuhimmoo Taffiin nu nyaachaa jiraachuun waan hin yaadamne” Via Daraaraa Sabaa
#GrandOromoprotests “Gudina Arsii lixaa Aanaa Gadab Asaasaatti ummanni woreegamtoota isaanii Awwaalataa oolaniiru. Ummata keenya namoota keenya kan woyyaneen madaayaniifis gargaarsa mallaqaa $53,000 battalumati wolitti buuse .
Gooton ilimaan Oromo kan Asaasa naannoo Istaadiyeemitti Awwaalaman maqaan isaani
1 shek Muhammad Sa’id
2 Abdaa Hasanoo Jiloo
3 Muhammad Huseen Dawaanoo . yoota’an kanneen Bayima Qeerransaatti Awwaalaman immoo.
1.Huseen Tashii
2 Awwal Kadiir Muhammad
3 Usmaan Xessellee Godaanaa.
4 Kamaal Abdulqaadir Caakkoo
5 Abdiisaa Tolaa Huseen
6 Abdurroo Gabii” Via Daraaraa Sabaa
This should be noted:
“#Breaking News
Yeroo Ammaa kana humni agaazii baankii Oromiyaa damee magaalaa Bahaardaaritti argamu rukuttee jirti. Kunis saba Amaaraa fi Oromoo walitti buusuuf ta’e jedhanii kan raawwatan ta’uu jiraattonni magaalaa Bahaardaar ragaa bahaniiru.
Dhimma kana jeeqtota magaalaa bahaardaaritu akkas godhe jedhamee yoo #EBC irratti gabaafamelleen uummanni Oromoo akka hin amanne asumaan dhaamsi darbeera.
የደህንነት ሃይሎች ባህርዳር የሚገኘውን የኦሮምያ አለማቀፍ ባንክን መትተውታል። በአማራና በኦሮሞ መካከል ግጭት ለመፍጠር ሆን ተብሎ የተደረገ መሆኑን ነዋሪዎች ተናግረዋል። የከተማዋ ነዋሪዎች አንድነታችን አይናጋም፣ ባንኩን ከኪሳችን ገንዘብ አዋጠን እንሰራዋለን እያለ ነው። የኦሮምያ ባንክ እንደተደበደበ አድርገው በኢቢሲ ቢያቀርቡት ህዝቡ እንዳይቀበል ጥሪ አስተላልፈዋል።” – Prince Mubarak Abbajifar
Another historical protest in Bahir Dar city of Ethiopia. Protesters chanted anti-government slogans. The regime forces fired live bullets into the crowd for no reason, many casualties are reported. In response of the soldiers brutality protesters also burned/damaged properties owned by authorities.