Bulbulaa Tufaa (Miseensa Gadaa Meelbaa)
Qabsaawonni Adda Bilisummaa Oromoo (ABO/OLF), kaayyoo bara 1976 lafa kaawwatan sana dhugoomsuuf, alaabaa bifa kanaa gadi qabu kana qabatanii qabsoo hidhannoo kutannoon jalqaban. Sana dura, Oromoon qabsoo irra hin turre jechuu miti. Qabsoon bara kana eegalame, prograama qindoomeen hammatamee, alaabaa kana jalatti gaggeeffamun isaa, qabsoo duuraan ture caalaatti akka finiisuu taasisuu isaati. Har’a, alaabaan kun mallattoo dhiiga ilaaman Oromoo ta’ee jira. Garboomfatootaaf ammoo, haddhaa (summii) ta’eera. Si’a kana keessa otuma itti haddhaawuu waan unachaa jiran fakkaatu.
Baandiraan Habashaa (Toophiya), inni halluun isa magariisuu–keelloo–diimaa ta’ee jiru sun, alaabaa garboomfatootaa ti. Ta’uu isaa Oromoo ta’ee kan haalu ykn mormu yoo jiraate, irra deebi’ee of ilaaluu qaba. Eegga sirna diimookraasii gadaa Oromoo ukkaamsee, alaabaa abbaa gadaa Oromoo jiksee irratti of dagaagsuu jalqabee waggaa 150 ol lakoofsisee jira.
Kun Alaabaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo(AQBO), isa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO/OLF) prograama qindaaye jalatti qabsoo hidhannoo jalqabe dha. Har’a uummata Oromoo biratti mallattoo (symbol) bilisa basaa bira taree, alaabaa Biyya Oromoo(National Flag) ta’aa jira.
Alaabaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo, sirna bittaa Dargii fi sirna faashistummaa Wayyanee-Tigray biraatti “mallattoo shororkeesitootaa” jedhamee fudhatameera. Garboomfataa (colonialists) irraa kan eegamus kanuma. Garboomfataan yoo dirqisiifamee muddame malee, “garbichi” isaa dhala namaa ta’uu isaa tasa hin beeku, amanees hin fudhatu.
Akka seenaa irraa barachuu dandeenyee fi ijaan argaa, gurraan dhagayaa jirrutti (guddannetti), Habashoonni waan uummata Oromoof ta’u maraa, “hin ta’u” jechuu irraa kan hafe, “ni ta’a” jedhanii hin beekan. Kan biraa haa hafuu, hayyoonni (intellectuals) isaanii, “Oromo yemmibaal hizb yellem; jechuun, uummanni Oromoo jedhamu hin jiru” jedhanii afaan guutanii nu biratti dubbachaa turan. Amma illee taanaan, abdii otoo hin kutatiin irratti hojjechaa jiru. Haa, ta’u malee, akkuma uummanni Oromoon injifannoo galmeessaa dhufeen, dabtaroonni isaanii abdii “kutachaa” waan dhufan fakkaatu. Alaabaan qabsoo bilisummaa Oromoos, akka billaacha qilleensa birraa, Oromiyaa keessa innaa balali’u argaa jiru. Alaabaan garboomfataa isaanii ammoo gara mana dhaloota isaa duriitti deebi’uuf, guyyuma guyyaan gadi sigigaachaa innaa deemuu argaa jiru. “Otoo kana hin argiin yaa Waaqi maaliif na hin ajjjeesiin” jedhanii of abaaraa jiru.
Haa ta’u malee, tibba kana keessa,“Amaaraa”[1] warri ofiin jedhan, Alaabaa Qabsoo Bilisummaa Oromootiin “ye Oromoo yetigil baandiraa” jechuu eegalaniiru. Qabsoo uummanni Oromoo gochaa jirus kallattiin balaleeffachuu irraa waan “of qusachaa” jiran fakkaatu. Fakeenyaaf, Ji’a (baatii) sagal fuuldura, meediyaan Habashaa kan maqaan ESAT jedhamu, Afaan Oromootiin yoo tamsaase, sataalaaytiin isaa akka jalaa caccabutti dubbachaa ture. Qabsoon Oromoo biyyatti finiinaa dhufnaan saatalaayitii sun “caba irraa hafee”, Afaan Oromootiin tamsaasuu eegale. Ijoollee Afaan Oromoo beekanisa qaxaree hojjechiisuu jalqabe. Kun martuu bu’aa dhiiga ilmaan Oromoo, kan rasaasa Toophiyaatiin dhangala’aa jirutu dirqisiise. Qabsoon uummata Oromoos, diina isaa ni jilbeeffachiisa; hamma birmadummaan deebitee dhuftutti dhiigaa ilmaan Oromootiin itti fufa.
Baandiraa Garboomfataa fi Asxaa Isaa
Baandiraa Wayyaanee Toophiyaa isa bara 1995(?) seeraan tumamee labsame.
Seenaa uummata Oromoo keessatti, baandiraan Habashaa kun Oromoo wajjin qunnamtii attamii qaqba? jedhamnee yoo gaafatamne, deebiin keenya maal ta’uu qaba? Gabaabumatti, uummata Oromoof, alaabaa garboomfataa ti jechuu irraa kan hafe, waan biraa ta’uu hin danda’u.
Halluun baandiraa Toophiyaa kun (the tri-colour), mootummaa Toophiyaa kamiinuu jijjiiramee hin beeku. Kan jijjiiramu, akkuma diktaatorri isaanii kudeetaan (coup d’etat) wal jijjiiran, asxaa isaa duwwaatu jijjiirama. Kanaafuu, halluun baandira isaanii kun, mallatttoo eenyummaa fi sabboonummaa ilmaan Habashootaa (Amaaraa fi Tigre) karaa maara (karaa amantii, polotikaa, qalbii, waraanaa kkf) waloon waan dhugoomsuuf hawaasa ortodoksi Habasha birattii ulfina guddaa qaba. Abbaan waan ofiif ulfina kennuun seeruma. “Kan kee gatii-abaarii, kan koo eebsii, tiksii naa faarsi” jechuun seeraa ala; gonkumaa fudhatama hin qabu.
Tarii, adeemsa keessa, jijiiramni ilaalchaa uummata sana keessatti yoo dhalate, jijjiiramni halluu baandiraa kanaa ykn akkaataan taa’umsa isaa jijjiiramuu danda’a. Biyyooleen hedduun, jeequmsi sirna polotikaa fi bulchiisaa innaa biyya isaanii keessatti dhalatu, akkuma jijjiirraa seeraa godhan, jijjiirraa bifa alaabaa ykn akkaataa taa’umsa isaa irratti ni godhan. Fakkeenyaaf, faashistiin Xaaliyaanii innaa Abyssinia[2] (Toophiyaa) weerarte, alaabaa kana qabdi ture. Alaabaan kunis waggaa shaniif(1936-1941) alaabaa Toophiyaa ta’ee Finfinnee keessa balali’aa ture.
Bandiraa Toophiyaa Bara Bulchiisaa Xaaliyaanii (1936-1941)
Sirni nugusummaan fi sirni faashistummaa Mussoluniin gaggeeffamu eegga dhaabate booda, bara 1948 Xaaliyaaniin “Republic” ta’uu ishii labsite. Alaabaan Xaaliyaaniis isa kanaa gadi jiru ta’ee akka hojiirra oolu seeraan murtaa’ee, amma har’aatti tajaajilaa jira. Kan Biyya Jarmanis eegga Nazin (Hitler) mo’amee booda jijjiirraan hedduun irratti godhameera.
Alaabaa Xaaliyaanii bara 1948 irraa kaasee hamma har’aatti kan jiru
Baandiraan Habaasha, Biyya Abbaa Gadaa Oromoo eegga guyyaa “qinnyi ager” godhate irraa kaasee, bullukkoo fi wandaboo irraa mulluqee “dabaloo” isaa fidee itti uwwise. Hamma Axee Minilik, humna qawween Toophiyaa har’aa kana Oromoo irratti ijaaretti, biyyi sirna nugusaan bulu, biyya sirna diimokraasii gadaa Oromoo garboomfatee hin beeku. Sirni nugusaa eegga Oromiyaa garboomfatee booda, Abyssiniyaa jalatti galchee “Toophiyaa” jedhee walitti qabee waamuu eegale. Baandiraan Toophiyaa kunis, sirna bulchiisa nugusaa fi amantii taabootaa wajjin dhufee Oromoo irratti fe’ame. Waggaa 150 asii kaasee, miila lamaan Oromiyaa irra dhaabatee Toophiyaa faarsaa jira. Har’a garuu otoo hin jaalatiin alaabaa qabsoo bilisummaa Oromootiin innaa injifamaa jiru agaa jirra.
Biyya keessatti, alaabaa bilisummmaa kanaan kan fuulduratti deemaa fi adeemsisaa jiru QEERROO BIRMADUMMAA OROMOO ti. Yeroo gabaabduu keessatti alaabaan kun Tulluu Diimituu (Dhaqaa Araaraa) irratti ol bayee akka balali’u mamii hin qabu.
Seenaan halluu baandira Habashaa, seenaa amantii, taabootaa fi sirna bulchiisa “zewudaawii aggezaaz“ fi “wattaaderawwii agezaaz” otoo mirkaneessaa jiru, sirna bulchiisa diimookraasii Gadaa Oromoo ta’uu hin danda’u.
Alaabaan Gadaa Oromoo ni Jige Malee hin Dhangalaane
Baandiraan Habashaa, inni halluun isa magariisuu–keelloo–diimaa ta’ee jiru sun, alaabaa abbaa gadaa durii sana jiksee kan bakka of buuse dha. Akkuma bandiraan Mussolunii (Xaaliyaanii) dhufee baandiraa Hayile Sillaasee (Abyssinia) buusee bakka of buuse sana jechuu dha.
Alaabaa Birmadummaa Oromoo
Halluun alaabaa kanaa, falaasama, ilaacha, aadaa, amantii, seena fi uumama dachee Oromoo (geographical relief) wajjin kan walqabatee jirudha. Sirna dimookraasii gadaa Oromoo irratti hundaayee waan uumameef, alaabaan kun mallattoo (symbol) birmadummaa (sovereignty) fi abbaa biyyummaa uummata Oromoo ti. Alaabaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo kun (AQBO) uummata Oromoo, dachee, qilleensa, bosonaa fi bineensa Oromoo duwwaa bilisa baaasuuf otoo hin ta’iin, alaabaa Abbaa Gadaa kana illee deebisee dhaabuuf qabsaawa. Alaabaan Abbaa Gadaas ni jige malee hin dhangalaane.
Jalqaba bar-dhibbee kudha-jahaffaa keessa (16th century) innaa Portugaalii fi Habashaan karaa kaabaa, Turkii fi Misiriin (Egypt) ammoo karaa bahaa biyya Oromoo dhufanii qabatan, Oromoon alaabaa kana qabatee diina irratti duule. Biyya diina hamaan qabamee saamamaa jiru sana, bilisa baasee deebisee harkatti galchate. Hamma Minilik bar-dhibbee 19ffaa keessaa faranjiin (Inglizi, Faransaayii, Xaaliyaanii, Russiyaa) gargaaramee dhufee Oromoo garboomfatutti, naannoo sanatti nagaan akka bu’u taasise ture. Haa ta’u malee, sirni nugusoota Habashaa, kan nagaaf hin dhaabanne, nagaa argame sana deebisee booresse. Oromoonis garbummaa hamaa jalatti kufee amma har’aatti hacuucamaa jira.
Akka seenaan dhiyeenya kana bareeffamee jiru nu ibsutti, duulli Oromoon bara sana godhe, ajajaa waraana lama jalattii gumaayuu isaatti. Isaanis, waraana Abbaa Duulaa Abbayyii Baabboo fi waraana Abbaa Duulaa Jirmoo Barii jedhamuu” jedha seenaan barreeffame kun[3]. Qophii dheeraa booda, waraanni kun jarsoolii, yuubotaa fi dubartootaan Madda Walaabuutti eebbaan gaggeeffame. Duulli karaa lama bobba’e kun diina mancaasee injifannoo duraan argamee hin beekne galmeesse. Biyya Abbaa Gadaa fi biyya Haadha Siiqqee kan Portugaala, Habashaa fi Turkiin qabamaa jiru, deebisee bilisa baase. Alaabaan Gadaa Oromoos iddoo diinni buqqise sanatti deebi’ee akka dhaabatu taasise. Qeerroon bara sanaa kakuu seenee fi waadaa walii gale otoo hin cabsiin, akkuma eebbaan bahe eebbaan deebi’ee gale. Eebbi abbooti gadaa fi haadha siiqqeen itti biifee bobbaase, waraana Oromoo kanaaf “happhee” ta’ee injifanoo gonfachiise. Dhaloonni Qubee Birmaduummaa Oromoos akkuma eebbaan qabsootti bobba’e, eebba injifannoon akka xummuurratee galu mamin hin qabnu.
Xummuura
Alaabaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (AQBO) warri jalqaba duraa dirree qabsootti qabatanii bobba’an, ilmaan Oromoo warra birmadummaa Oromiyaa guutummatti deebisanii dhaabuuf kakuu walii seenan dha. Warri birmadummaa Oromiyaatti hin amanne: (1) Dura kakuu seenan cabsan. (2) Itti aansanii qawween bilisummaaf qophooftee manaa baate, akka rasaasa hin tuftee “fashaleeessan”. (3) Itti fufanii, alaabaa qabsoo bilisuumaa iddoo sadii-afuritti akka addaan bahu godhan. (4) Qabsaawonni Oromoo diina dhiisanii akka walirratti xiyyeeffatan taasisan. Haa godhan malee, dheebuu uumman Oromoo bilisummaaf qabu, aannan barbaadu sana dhugee dheebuu akka hin baane dhaabu hin dandeenye.
Har’a kaayyoon ganama lafa kaawwamte sun, alaabaa qabsoo bilisummaa wajjin “dhalootaa Abugidaa” gattee deemtee jirti. Dhaloota qubee (Qeerroon: Q=Qawwee, Ee=Eeboo, R= Rasaasa, O= Oromoo ti) harka seentee jirti. Kana booda murteessaan “Qubee Oromoo” ti malee, “Abugidaa Toophiyaa” ta’uu hin danda’u. Fuuldureen Oromiyaas maal ta’u qaba? gaaffii jedhu irratti “Abugidoonni” waan irratti wal-lolaaniif hin qaban.
Dhaloonni Qubee Oromoo sodaa tokko malee garboomfataa Habashaa, kan har’a shororkeesitoota Tigreen hoogganamaa jiru, hagayyaa 6, 2016 Alaabaa Birmadummaa Oromoo, Finfinneetti fidanii akka dhungatan godhanii jiru. Boru, Tulluu Diimtuu(Dhakaa Araaraa) irra dhaabuuf kutannoonni bobba’aa waan jiraniif, ilmaan Oromoo warri “Abugidaa Toophiyaa” irraa fagaattanii jiraattan, akka waan qabdaniin bira dhaabattan (dhaabannu),dhiigni ilmaan Oromoo fashiistootaaan dhagala’aa jiru nu gaafachaa jira. Hagayya 6, 2016 irraa kaasee harka maranii garboomfataa fi ashkaroota garboomfataa, “nagaa nuu buusi, nagaa nuu fidi” jedhanii gaafachuun (kadhachuun) dhaabachuu qaba.
Qabxii tuqamuu qabu: Rakkinni Oromoo guddaan handhuura Oromiyaa keessa jirti. Rakkinni kunis, maqaa kiristinna ishiitiin, “Addis Ababaa” jedhamtee waamamti. Kana boodaa “Addis Ababaan” kun waa lama keessaa waa tokko filachuun dirqama. (1) Handhuura Oromiyaa taatee jiraachuu duwwaa otoo hin ta’iin, qaama guutuu Oromiyaa taatee filattte jiraachuu; yookiin, (2) Kun yoo ta’uufii dide, bakka barbaaddetti Finfinnee irraa kaatee godaanuu. Dhukkuba hamaa kana, Qeerroon Birmadummaa Oromoo xiyyeeffannaa cimaa keessa galchee irratti hojjechuu qaba.
“Nama Gumaa aafatu malee, nama Gumaa nyaatu nu hin taanu!!”.
[1] Waa’ee Amaraa ilaalchisee Paul Baxter Akkasi jedha:”From an Oromo view point, an Amhara is anyone who is either born into Amhara society and culture or chooses to enter these by speaking Amharic in domestic situation, by adopting Amharic life style and by acting in public situation in support of Amhara values, in particular by following the fasting rules of the Coptic Church”. See Paul Baxter in Nationalism and Self- determination in the Horn of Africa. I.M. Lewis (ed), 1983.p.137
[2] Xaaliyaaniin innaa dhute biyya sana qabattu,Maqaa Abyssinia jedhamuun dhufte qabatte. Jaarmaan “League of Nations” jedhamus maquma Kanaan ishii beeka.Seenan bara 1940 duuba barreeffamanis maquma Abyssiniatti dhimma baha. (http://www.historylearningsite.co.uk/modern-world-history-1918-to-1980/italy-1900-to-1939/abyssinia/ )
[3] Aadam Tiinnaa Jaarraa fi Muusaa Haaji Addam Saaddoo. Seenaa Oromoo fi Madda Walaabuu: Iccitii Jaarraa 16 heesso, Muddee bara 2004/Dec 2011