Damee Boruu irraa
Mootummaan Sanyii balfattuu Afrikaa Kibbaa gara bara kudha sgalii fi jaatamaa keessa warqii fi diamond baafachuuf humna hojjetaa uummata gurraachaa saamuu hojii isaa duraa godhate. Garuu namni qaaman gurracha tahe mirgaa fi haaqaa isaa gaafachuu hin danda’u. Kana malee eehama ittiin darbu qabaate malee hojii isaaniif illee magaala adii seenuu dorkaa dha. Gurraachi mana barumsaa addii deemee barachuus hin danda’u. Mindaan argatu garuu jiraachuuf isa hin gahu. Waan tokko waan ifa bahee jiru cunqurfamaa fi cunqurstuun bifaan wal hin fakkaatan. Kannaafuu uummatni diinni isaa eenyu akka tahe ifatti beeka.
Akkuma rorroon isanitti hammachaa dhufeen bara 1960 didaa isaanii agarsiisuuf eehama mootummaa malee magaala seenanii hidhamuuf uummatni gurraachaa murteefatan. Uummata hark qullaa mormii isaa karaa nagaa agrsiifachuu barbaadu irratti bakka Sharpeville jedhamee waamu irratti poolisiin uummata irratti dhukaasa banee namni 69 yaroo du’an namni 186 mada’an. Guyyaan kun” Sharpeville Massacre”, yookan” Dhumaatii Sharpeville” jedhamee beekama. Guyyaa sanaa kaasee Mootummaan Sanyii Balfattuu Afrikaa Kibbaa fi uummatni cunqurfamaan Afrikaa warra dhiigaa tahe.
Mootummaan Sanyii Balfattuu kun akkuma TPLF kana waraana sanyii ishee ijaaratee kan dhuunfaa godhatee uummata biraa horii fi dhantaan bituudhaan akka isheef basaaan gochaa turte. Mootummaan kun meeshaa fi horii kadhaan kan jiraatu hin ture.Warshaa albudaa gugguddaa dinagdee shee utubuuf qabdi. Meeshaa waraanaa hunda ofiif tolshati. Meshaa waraanaa biyya lafaa balleessu danda’u humna nuclear illee tolfatee jirti. Garuu meeshaa fi qabeenyi humna uummata muratee fatee caalu hin jiru. Ummatni bal’aan Afrikaa Kibbaa mootomichaa waraana dhiisee baasastotaa irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachuu jabeese. Mootummaa fi waraanni mootummaa jaamaa ulee jalaa butan tahan. Isa booda qabsoo uummata bal’aaf jilbeefachuun dirqama itti tahe.
Guyyaa har’a Onkololeessa 2, 2016 Uummata Ormoo nagaan ayyana Irreechaa kabajachuuf Haro Arsedeetti wal gahe irratti Mootummaan Sanyii BalfattuuTigray lafaa fi qileensa irraan waraana irratti bantee amma ammaatti namni dhiba sadii ol akka du’anii namni bayyeen akka madahanii jiran dhagaa jirra. Guyyaa kun seenaa Uummata Oromoo keessatti “Dhumaatii Aarsedee” , “ Aarsede Massacre” , jedhamee beekamuu qaba. Uummata nagaa aadaa isa ayyaannefatu irratti waraana banuun seera warrana cabsuu waanteef biyyi lafaa mootummaa kana baayyisee balaalefachuu qaba. Wal quunnamtii wajjin qaban illee kutuun barbaachisaa dha. Kana irratti namni Oromoo bakka jirru maratti dhiibaa guddaa gochuu qabna.
Mootummaan kun tuffii uummata Oromoo irraa qabdu deebistee deddeebistee agrsiisaa jirti. Mootummaan kun amma meeshaa waraana tuulatee jirtutti uummata Oromoo biyyaa isaa irraa dugugtee balleessu yoo inni hafes humnaan cabstee bituuf murteefattee jirti. Kana booda kan ifatti murteefachuu qabu uummata Oromoo taha. Yookan afaan isaa qabatee bitamuu yookan ka’ee of irraa darbuu qofa. Mootummaa ibidaa fi rasaasn ilmaa Oromoo lafa irraa haxxaa’aa jiru karaa nagaa ni moona jechuun waan hin fakkanne dha. Haala kan jala murree uummta keeny hubachiisuu qabna.
Namichi mataa TPLF turee fi abjuu isaanii hiiku, Meles Zenawii nu qawween fudhanne yoo dandeessan isiniis qawwee fudhaadha jedhee ifatti labsee du’e. Qawwee isaan hara’a qaban kana qabaachuuf qabsoo waggaa dheeraa gochuu qabna. Uummatni Oromoo, ABO fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo maaliif humna Agazii kana dura qawween hin dhaabbanne namni jedhu yoo jiraate nama TPLF hojjetu nama farra uummata Oromoo tahe qofa. Humni Uummata Oromoo Waraana Agazii dura dhaabbchuuf meeshaa waraanaa isaan gitu qabaachuun dirqama. Humna waraanaa fi meeshaa waraanaa Agzii gitu akka uummatni hin qabnee bareechinee beekna.
Waan nu hubaa jiruu deddbisnee qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo yaadachisuu yaallee basaastotaa fi lukkee TPLF tahanii ijoollee keenya dabarsanii kennaa jiran of keessaa duraan dursinee armauu qabna yaada jedhu dha. Lukee isaaii of keessaa aramnee diina kana qofaa hanbisuu hin dandeenyu yoo tahee waan foksaatu nu eegata. Bakka bakak itti basaastooinni TPLF saaxila bahan kan jedhu gabaasaa qeerro irraa ni dhageenya. Yoo tarkaanfiin warra saxilamaan kana irratti hin fudhatmu tahe saaxila baasuun maaliif barbaachisaa tahe? Isaan ijoollee keenya dabarsanii ficisiisuu dhaabaa hin jiran.
Warra bobaa keenya jala taaa’anii dhiiga keenya dhagalaasaa fi dhangalaasiss jiran kana irratti humna qabnuun tarkaanfii fudhannee ija diina jaamsu yoo dandeenyu tahe nutu of ficisiisaa jira. Yoo warra odduu guru fi quba namatti qabu jalaa haxxoofne waraanni Agazii gurri isaa dudaa, iji isaa jaamaa taha. Ijoollee Oromoo guyyaa guyyaan ukkamamnii fi ajjeefaman lakkobsa hin qaban. Yoo basaastota kana of keessaa qulqulleessuuf meeshaa waraana nu barbaachisa jenne kan sodaannu tahe bara iyyuu nuuf guutuu hin danda’u. Meeshaa uummaan qabnuun warra nu keessa jiran of keessaa qulqulleessuu ni dandeenya. Kan nu barbaachisu murteefachuu qofa.
Dumaatii Aarsedee kana booda uummatni Oromoo Muutmmaa TPLF wajjin karaa ifa taheen warra dhiigaa tahuu labsatee adda bahuu qaba. Warra dhiigaa wajjin waan dubbatanii fi waan hojjetan tokko illee hin jiru. Haqa isaa gonfachuuf karaa danda’ame maraan qabsoo hadhooftuu gochuu qabu jabeessuu dha. Filmaanti gara biraas hin jiru , yoo sanyi Ormoo amma Oromiyaa irraa dugumee badnutti kan eeganu tahe malee. Sanyii keenya baduu isaa dura aarsaa barbaachisuu tahe baasuuf tokko tokkoon keenya of qopheessu qabna.
Injifannoo Ummata Oomoof!
Oromiyaan ni Bilisoomti!