Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Fiixa Baasuutu Nu  Hafe!

$
0
0

Baarentuu Gadaa Irraa

annis_biyyaan_qabaQabsoon Oromoo ABOn hogganamu, qabsoon hidhannoo fi qabsoon FXG qeerroo dargaggoota Oromootiin finiinaa jiru guyyaadhaa gara guyyaatti babbalachaa fi jabaachaa deemuudhaan yeroo ammaa kana diina ulaa/ holqa/ duubatti deebi’uun hin danda’amne seensiisee jira. Oromoon firii qabsoo isaa, qabsoo hidhannoo ABOn gaggeeffamu, qabsoo FXG qeerroo dargaggoota ilmaan isaan finiinaa jiruu dhandhamuuf sadarkaa xumuraarra gaheera jechuun ni danda’ama.

Har’a caasaan diinaa gutummaa Oromiyaa keessaa ciramee bahaa jira.

Caasaan diinaa duraan ummata goolaa ture tokko shanee irraa eegalee amma kaabinee gandaa,Onaa fi Godinaatti Oromiyaa keessaa gara magaalaalee gurguddoo biyyattiitti baqachaa jiru. ummanni Oromoo Oromiyaa iddoo hedduutti gibirra kaffaluu, walgahii Wayyaanee fi jalee ishii OPDO dhaquu dideera.

Ummanni Oromoo keessuumaa WBO fi qeerroon Oromoo ergamtoota sirnichaa bakka arganitti adabaa jiru. Qabeenyaa isaa barbadeessaa, meeshaalee aadaa qabaniin reebaa jiru. Hidhattoonnii fi miseensoonni waraana sirnichaa kanneen ilmaan cunqurfamootaa ta’an hedduuniis ajaja sirna wayyaanee lammii keessan ajjeesaa jedhu diduun gara qabsoo ummataatti makamaa jiraachuun ifatti gabaafamaa jira.

Gaafiin ummanni Oromoo karaa nagahaan hiriira bahee gaafataa ture gaafiin bulchiinsa Wayyaanee hin feenu, hin barbaannu, kanneen nama ajjeesanii fi dararan seeratti haa dhihaatan, waraanni Wayyaanee nurraa haa bahu, mirgi abbaa biyyummaa keenya haa kabajamu jedhu karaa nagahaatiin waan sirnicharraa deebiin dhabameef yeroo ammaa kana ummanni Oromoo gaafii saa humnaan argachuuf sochii walirraa hin cinneerra jira. Ummanni Oromoo qabsaawoota ilmaan isaa dirree jiranii fi kanneen FXG baadiyyaa magaalaattii finiinsaa jiran waliin dhaabbatee mirga isaa falamachaa jira. Walumaa galatti ummanni Oromoo hadheeffatee ka’eera, kan gurraa fi ija qabuu maraaf qabsoo ummata Oromoo sobaa fi sossobaan kamuu, dararaa fi ajjeechaan kamuu sadarkaa duubatti isa hin deebifaneerra gahee jira. Oromoon nagahe jedheera.

Akkuma yeroo ammaa kana ifatti muldhachaa jiruu fi addunyaaniis quba qabutti kan diddaa ummattoota biyyattii keessumaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn gaggeeffamuun, FXG qeerroo fi gutuummaa ummata Oromoon finiinaa jiruun dhiphuu hamaa keessa seene sirni nama nyaataa fi
ajjeechaa wayyaaneen ijibbaata lolaa jira, biyyattii keessatti waraana saba tokkorraa qofa ijaarame Aga’aazii bobbaasee hojii badanii balleessuu raawwachaa jira. Sirnichi tarii yoon oolee bule jechuun ajjeechaa, dararaa fi hidhaa gara jabinaa fi sukanneessaa kan dur caalaa babbalisee jira. Sirnichi yakka yakkarratti raawachaa jira.

Waraanni wayyaaneen bobbaafte Aga’aaziin namoota karaa nagahaa mirga isaanii gaafatan akkumaa Naazii fi Fashostoonni Xaaliyaanii godhaa turan Kaan karaarratti, kaan ammoo hidhee mana hidhaatti reebee ajjeesaa, yoo barbaademmoo manneen hidhaa akka AMBO, Gonder -Dabra Taaboorii fi Qiliinxootti ibidda itti qabsiisuun hidhamtoota siyaasaa waaddee ajjeesa.

Sirni afaan qawweetiin ummattoota biyyattii keessumaa ammoo ummata Oromoo waggoottan 25 darbaniif hidhaa, dararaa fi ajjeesaa akkasumas saamaa ture kun yeroodhaa gara yerootti yakka raawwatu jabeessuus ummanni Oromoo qabsoo isaa ittuu jabeesse malee duubatti hin jenne. Akkuma muldhachaa jiru ummanni Oromoo qabsoo isaa baddaa gammoojjiittii jabeesse itti fufuudhaan Wayyaanee boolla qarqaraan gaheera. Qabsoon Oromoo finiinaa jiru kunis Shakkii tokko malee akka yeroo dhihootti murn gabroonfattuu Wayyaanee gateettii ummata Oromoorraa qaarisiisuus ifaadha.

Hiriira mormii murna gabroonfattuu Wayyaanee balaaleeffachuun eegale,karaa cufuun, kutuu, akkasumas lukkeelee sirichaaa fi hidhattoota sirnichaa adabuutti cehee kunoo sadarkaa amma irra jirru; sadarkaa amansiisarra gaheera. Kunoo tibba kana ammoo dhaamsa ABO irra deeddeebi’ee dabarsaa ture hordofuu fi hojiirra olchuun ummanni Oromoo gabaa lagateera, hin bitu- hin gurguru jedhee sirnicha dhiphuu hamaa fi caalu keessa buuseera. Gibiras hin kaffalu jedhee iddoo hedduutti irraa kuteera, konkolaattoonni sirnichaa keessumaa kanneen akka salaam Baas har’a Oromiyaa keessa hin socho’ani. Artiistoonni Oromoo hedduun sagantaa muziqaa, ykn konsartii bari’uu birraan walqabtee qopheessuuf walii galtee adda addaa dhaaboota adda addaa waliin taasisan osoo ummanni keenya duma jiruu dhiiga ummata keenyaa irratti hin sirbinu jedhanii walii galee isaanii haqaniiru.

Atleetonni Oromoo faana goticha atleet Fayyisaa Leellisaa Hordofanis jibba mootummaa wayyaaneef qabanii fi deeggarsa qabsoo Oromoof qaban waltajiilee ispoortii injifatanii galan hedduurratti argiisiisuu itti fufaniiru. Iddoo hundattuu Wayyaaneen qilee bu’aa, qabsoon Oromoo firii horachaa jira. Dhugaa akkasii dhugaa qabatamaa qabsoon keenya irra gahe kana yoo ilaallu ammoo ofitti boonu qabna. Qabsoo caaluuf ka ka’uu qabna. Firii qabsoo keenyaan muldhachaa jiru kana caalaatti dhugoomsinee akka ummanni keenya argee dhandhamuf qabsoo eegalle, qabsoo hidhannoo, FXG gama hundaanuu jabeessinee itti fufuun dubbii fardii fi dirqama lammuumaati.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469