Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

#OromoProtests, Boycott Continued Unabated, September 10, 2016

$
0
0


#OromoProtests Barana ajaa’ibuma. Hoolota hamma Finfinnee seenteyyuu ummanni irraa bituu didee rakkataa jiran
Magaalaa Shaashamannee fi naannawa isheetiif dhaamsa nuuf dabarsi. Oduu miliqxee amma nu geette quuqamaa saba kan ta’e koora bittanneessaa polisii Oromiyaa irraa. Woyyaaneen gabaa guddoo har’aa irraa kasaaraan garaa diinaa gubuu fi garaa SABAA kan gammachiisee baay’ee aarsee jira. Kana haloo bahuuf agaazii kaambii Togaa irraa magaalaa shaashamannee seensisee ganda 04, 05, fi naannawa TOTALY dhoksee jira. Halkaan erga lafti wal dhabdee tumuuf karoorfatee jira. Qeerroon tarkaanffii fudhatan immo bifa of eegannoo ta’een caalanii argamuu qabu. “Qarri qara muraa jennaan, inni haarofni moofaa ni qalaanxa” jedhe Oromoon!!! Via Jawar Mohammed

hola_woyane


14233224_288282448219869_688856141376372672_n#OromoProtests GALATOOMAA
“Guyyaa hardhaa Abbaan qabeenyaa Daakuu fi Daabboo Maatii jedhamu Obboo Baqqalaa Gurmeessaa hojii boonsaa hojjetanii jiran. Maatii harka kaldheessaa 400 oliif daakuu kilo 5 kennaa olan galata nu dabarsi abbaa qabeenya oromoon bironis hojii akkasii itti haa fufan” Via Naf-tanan Gaadullo

 


#OromoProtests Arsii Lixaatti warri Ajjee hardhas Agaazii waliin wal akaayaa oolan fakkaata. Konkolaataan fannoo diimaa tokkko dirqiin madoo akka fuudhu godhame jedha gabaasni armaan gadii. Mee odeeffannoo guutuu nuuf ergaa warri naannawa sanii.

“there was serious conflict in Aje town and IRC vehicle is forced by armed government forces to transport soldiers. IRC freeze operation for time being and evacuated staffs.”  Via Naf-tanan Gaadullo


Godina Wallaggaa magaalaa Naajjoo keessattii dulii gabbaa lagannaa halaa ho’a ta’en adeemsifamaa jira! Wayyaneennis beeksisa bastee mana daldaltoota samamerraa jechuun cuuftus daldaltonnii jalaa qabu dinan!guyyaa har’aa 10/09 /2016 aboottii qabeenya magaalaa Naajoo hiidhaa jiru ammaaf kan hiidhaman kunottii!
1 Gorroo Baallinaa suqii kan qabu
2 Dani’el waqshumaa mana elektironisii
3 Girmaa Biraatu Mana
dhugaattii
4 Ashanafii Mana Nyaataa
5 Dullaa Baqallee Rabsaa Bishaanii
6 Haadha Abdii suqii Isteshinerrii
7 Sixotaa Mulaata Hotelaa Keen-Boon
8 Amantii Margaa Hotelaa Madaa Wallabuu yoo ta’u hedduu sanii
hiidhaatii gurraa jiru hordofnee beeksisnaa! Via 
Qeerroo Bilisummaa Oromoo


#OromoProtests “Aanaa Qoreetti yeroo ammaa kanatti ganda Anshatti qeerron mormii cimaa irra jiran.Agaazin yeroo amma karaa Aanaa arsii nagelle irraan seenuuf yaada waan jiraniif ummanni naanno leephisi daandii cifuun lubbu qerro diinarra akka baraaru Jenna.gama biraatiin halkan edaa naanno boleetti maneen caccabsanii seenun ummata reebaa jiran.wolumaa galatti gandinni baadiyaa naannoo akka Goobee dooda diddissa waajii ibsaana hudugaa fi shiree obeensa akka ofeeganno cimaa godhu awwalli ijoolle duutee amma rawwatama waan jiruun yeroo maatiin nurraa dhume qaama keenna waan taef maatii ijolle fi nuttis gadda gudda nutti dhagahama.maatii isaanitiif jajjabina hawwina.VIVA QOREE.” Via Hassan Ismail


#OromoProtests Miseensaa koree fala barbaadu Hawaasa Muslimaaf koree Ustaaz Abubakariif warreen biroos Mana hidhaa irraa hiikamun jiru, Haatahu malee Ustaaz Ahmaddiin Jabal , Ustaaz Ahmad Musxafaa , Khaalid Ibraahim, Mahammad Abaata mana hidhaa keessati hafanii jiru. Hiikamun obboleeyan keenya osoo nugamachiisu yeroo kana keessati wayyaaneen isaan keessa hanga tokko wanii gaddi lakifteef haala amma qabson irra jiru waan sodaatefii. Irra hin oolu ammo. Obboleeyan keenya baga rabbiin isiin baase. Via Daraaraa Sabaa

14322582_1688172874838606_3261237937841594097_n


#OromoProtests The resistance continues everywhere. This is a business center decorated with the colors of the Oromo resistance flag in the capital Finfinne. Via Girma Gutema

14212077_10209327663881362_8517322400085508291_n


#OromoProtests “keellaan jijjigaa arraas kana fakkaatti ilmi namaa keeysaa hinmullatu ( yaa oromoo Qoqqobbii EROOPPAA irra Qoqqobbii qotee bulaa keenyaatu mootummaa lamsheessaa quba qabaadhaa” Via Naf-tanan Gaadullo

14316766_288268378221276_748775559275564091_n


#OromoProtests “magalaan agamsaa akkuma jettee jirtii gabaan guddaan qidamee ykn sanbata dura karatti haferaa suqii fi mani nyaata tokko ille kan banaa olee hin jiruu ummaanii baddiya irra dhufuu wan bituu fi wan gurguruu dhabee oliif gaddi addema wayaaneen folacha jirtii dhiga dhebootee naa bonsite agamsaan biyyikoo” Via Naf-tanan Gaadullo

14212549_288268634887917_7870257168655339132_n


#OromoProtests Goina Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat guyyaa har’a,atileetin Boonsaa Didhaa ykn Horaa Boonsaa jedhamu motora qabatee gara Magalaa Biitee deemaa osoo jiruu hordofanii situ akka gabaan hin dhaabbannee taasise jechuun bilbila isaa irraa fuudhaani atataaman agaaziin fudhatee gara dandii finfinneeti demaani. Mucaan kun atileeti yeroo baay’ee dhunfaasatiin fiigichaa adunyaarratti figaa turedha” via Daalacha Qaccamaa

14333047_1031922296928091_3068265345275874015_n


“Bankiin OIB kun shareholders gara 12000 ol qaba. shareholders kun %100 yoo jechuun na dhibdde 99.9 Oromoota. kun immo Bankii kun yeroo dhabatu Bankii oromoo goona jedhametu ka’ame. Bankii kun Business dalagu cinaatti ooggansa cimoo Oromoota keesa uumuufi afaanfi aadaa guddisuu irratti akka hojettu ture. Haata’u malee oogantoota corrupt ta’aniin kayyoon ganamaa kun fixaan hin baane.
Promotion dalagina jedhanii ji’a 3 keesaati hanga million 1.3 baasu media biroo irratti
sagantaa akka Gulalee show irratti immo waggatti qr. 250000.00 baaduun itti ulfaata. qarshii ba’uu kana mee mana barumisaa tokko hojedhaa isatu promotion guddaa dha yoo jettu wan keesa nyaatan wan hin qabineef ee hin jedhani. Mana ji’atti 20,000.00 kireesamu qabu silxee waliingalanii 86,000.00 kireesatu.
Bankii kun kitaaba maxansiisuuf kan oolu Abraham Jalataaf 40,000.00 laachuu isa hin dagatamu wagaa 4 dura
Dhuma irratti wan issin maxisitaan sana argaanii oligadi fiiga turan ganam” Via Girma Gutema


Fire at HU Harar campus student dormitory today at 2:00 am .Surprisingly as usual before fire extinguisher car it was government soldiers arrived at a place … Please stop fake drama . Please stop harming my people ….
Except Medicine students all students are in break so that , not good time for such tragedy ! Via Qeerransoo Gooticha Oromo

14264814_880977682036346_7747346264822195057_n14212764_880977568703024_8789801932659378313_n


Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa shira garaa garaa xaxee qabsoo ummata Oromoo laaffisuuf tattaaffachaa jira. Wayyaanen akka waan gaaffii ummataaf deebii kennituu fi rakkoo jiru hunda hubattee furuuf qophootee jirtuu fakkeessitee ummata Oromoo qabsoo irraa boodatti deebisuuf halkaniif guyyaa hirriba dhabdee hojjachaa jirti.
Yaa’in Abbootin Gadaa yeroo dabre gaggeessanii fi ibsi ejjannoo isaan baafatan harka lafa jalaan kan wayyaanen qopheessitee tahuu bira gahameera. Labsii abbootin gadaa baasan keessaa Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa akka tahu. Fedhiin addaa ummata Oromoo Finfinnerraa qabu akka kabajamu labsii isaan baasan barii mootumman faashistii wayyaanee Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa akka taasisuu fi Mirga addaa ummanni Oromoo Finfinnerraa qabu ni eegsisna jechuun akka waan gaaffii Oromoo deebisanii fakkeessun shira sobaa xaxuuf yaalaa jiru.

Nuti qeerron Oromoo shira mootummaan Wayyaanee xaxxu kamiinuu qabsoo keenya bilisummaaf kaanee irratti wareegamaa jirru hanga bilisummaatti cimsinee itti fufna. Qaamonni mootummaa wayyaanee waliin hidhata godhatanii qabsoo Oromoo laaffisuuf socho’an kamuu ni balaaleffanna.
Abbotin Gadaa
Abbotin Amantii
Jaarsoliin biyyaa
Dhimma qabsoo Oromoo laaffisu kamuu irratti mootummaa dhiigan faalame waliin dhaabbattanii ummata Oromoo fi qeerroo Oromoon akka hin tuffatamne dhaamsa isiniif goona. Qeerron Oromoo holola sobaa kamiinuu boodatti hin deebitu. Gaaffii qeerroo Oromoof deebii kan tahu bilisummaa qofa. Hanga gaaffii mirga abbaa biyyummaa gonfannutti ilmaan Oromoo qabsoo irraa boodatti akka hin deebine hubattanii qaamoleen gochaa diinummaa irratti bobbaatanii jirtan gochaa diinummaa irraa akka deebitan dhaamsa Oromummaa isiniif dhaamna.
OROMIYAAN DHIIGA ILMAAN ISHEEN NI BILISOOMTI.

14238111_1773365819607472_5200680969022999520_n

 


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469