Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Qabsoo Biyya Biraa irraa Uummatni  Keenya  Maal Barata?

$
0
0

Apartheid was created as a means of cementing economic and social control over South Africa and its resources. The country was colonized by the English and the Dutch in the 17th century. Yet, when gold was discovered in the 1900s, the British seized control, and war broke out. Eventually, peace negotiations were reached and the two shared power over South Africa until the Reunited National Party won the 1948 election.

Apartheid was created as a means of cementing economic and social control over South Africa and its resources. The country was colonized by the English and the Dutch in the 17th century. Yet, when gold was discovered in the 1900s, the British seized control, and war broke out. Eventually, peace negotiations were reached and the two shared power over South Africa until the Reunited National Party won the 1948 election.

Gabrumaa jalatti kufuun Oromiyaa biyya lafaa irraatti isa duraas miti; isa dhumaas tahuu hin danda’u. Daandiin qabsoo bilisummaa hadhaa’a fi jajjalataa wareegama amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye akka gaafatu beekamaa dha. Qabsoon godhamu bara dheeraa fi umurii dhaloota heddduu fudhachuus ni danda’a. Walii gala garuu dhalootni har’aa dhaloota kaleessaa irraa baratee of qaree gara fuula duraa tarkaanfata,  dhalootni boruu immoo isa har’a irraa caalaa baratee , of ijaaree qabsoo uummataa bal’aa daran fininee akka galamaan gahu godha.

Mee Qabsoo uummata Afrikaa Kibbaa (South Africa) gabaabatti haa ilaalu. Bara 1652 Holland irra Sabni adiin Boer jedhamu  humnaan dhufee qubate. Haa tahu malee uummatni Afrikaa guutuutti harka isaani itti hin  kufne. Naannoo isaanitti Mootatan ofiin buluuu danada’a turan.  Bara 1860 motummaan Inglizii humna Waraanaa guddaa fi meeshaa waraanaa baraan weerara itti bane. Amma bara 1878 utuu of irrattti lolanii guutuummatti caban. Sana booda mootumaa sanyi balfatu Mootummaa  Apartheid  jedhamee beekamuu kan uummata bifaan adda baasu dhaabbatan.

Adii fi guraachi jiruu fi jireenyaanis tahe Seeraan adda bahaan. Bara 1912 ANC (African National Congress) qabsoo uummata guraachaa geggeessuuf dhaabbate. Bara 1913 guraachi lafa bitachuu fi qabaachuu mirga hin qabu kan jedhu labsiin lafaa bahe.  Tooftaan qabsoo  ANC  jalqabaa mootumaa Inglizi itti iyyaana dhiyeefachuu dha. Kan waraanan cabsee Mootumaa Aparteid ijaare Mootummaa Inglizii waan tahee iyyaanaa ANCiif  gurra hin kenneef.

Bara 1944 Nelson Mandela, Walter Sisulu fi Oliver Tambo sochii bartootaa keessa  qaama darggaggoo (ANC Youth League) dhaabbatan. Yaadni isaanii Sabbonummaa Afrikaa irratti kan hundeefame ture. Yaada Afrikaan dadbabii ofiin of bilisoomsuu qaba yaada jedhu qabatanii qabsoo itti fufan.  Uummatnis qabsoo kana keessatti akka hirmaatu baayyee sochoosan.

Warqii fi diamond baasuuf humni uumata guraachaa baayyee barbaachisaa tahee argame. Mindaan argatu garuu jiraachuuf isa hin gahu. Guraachi mana barumsaa adii hin dhaqu. Magalaa adii eehama malee hin seenu. Cunqursaa fi saamni godhamu baayyee fokkisaa tahaa deeme. Didaa agarsiisuuf  bara 1960  uummatni eehama isaa malee akka magaala seenee hidhamu  tooftaan dhiyaate. Garuu Sharpeville irratti poolisiin uummata harka qullaa jiru irratti dhukaasa banee namni  69 yaroo ajjeessu namni 186 mada’an. Guyyaan kun guyyaa dhumaatii Sharpeville( Sharpeville Massacre) jedhamee beekama.

Bara 1961 erga ANC dhaabbatee wagga 49 booda qabsoon bilisummaaf lolli qawwee akka barbaachisaa tahe ANC iin murteefate human waraana ijaaruun egalame.  Bara 1963 Oliver Tambo fi Joe Slovo badanii yaroo biyyaa bahaan. Hoogantoonni ANC biyya keessa jiran qabamanii mana hidhaa itti darbaman.  Baruma kana Nelson Mandelaa akka jireenya isaa guutuu hidhamu itti murtaa’e.

Baraa 1970 baratoonni sochii guraacha dammaqee ( black conscienousness) sadarkaa ol aanatti  jalqaban. Biyya keessatti sochiin kun uummata baayyee dammaqsee akka didaa garbummaa kana irraa gammataan qooda fudhatuu godhe.  ANCiin waraana biyyaa alaa keessatti  leenjifatee biyya galchuuf rakkina guddaatu isa mudhate. Biyyoonni olaa kan akka Mozambique, South Rhodesia kan amma Zimbabwe taatee fi Angolan Kolonii adii  jala waan turanii ANC gargaaruuf fedhii hin qaban.

Erga bilisa bahanii booda illee Renamo kan jeddamu  Mootummaa  Mozambique irratti , Unita kan jedhamu immoo Mootummaa Angola akk jeeqaniif  Motummaan Apartheid irratti  ijaaree akka biyyoota olaa kana keessatti  ANCiin  hundee hin godhanne  gochaa ture. Yaroo barbaadu illee biyyootaa haara tahan kana waraanaan weeraree ANC balleessuuf yaalleera.

Bara 1985 fi 86 uummatni ka’ee  bushaa mootummaa naannoo isaa jiru dhabamsuu eegale.  Keessattu basaastotaa Mootummaa adiif hojjetan irratti tarkaanfii isa dhumaa fudhacuu jabeesse. Warra  uummatni geengoo konkolotaa mormatti hidhee ibida itti qabsiise illee ni jiru.  Raajii guuddaan jiru garuu diinni isaanii wajjiin bifaan wal hin fakkaatan. Wal keessa illee hin jiraantan. Kanuma keessa guraachonni horiin bitamanii uummataa isaanii dabarsanii du’aaf kennan jiraachuu arguu dha.

Bara 1986- 1990 Mootummaan Apartheid  Labsii hattattamaa baasee biyyaa akka waraana jalatti bulu godhe. Barootan kana keessa namootni 300,000 ol tahan hudhamaniiru.  Basaaostonni Mootummaa qabsawwan hedduu galaafataniiru, warra akka Steve Biko. Mana qabsawwan baayyee irratti boombi dhoosaniiru. Uummanti gurraacha AFrikaa gidiraa guddaattu irra gahu iyyuu bilisummaa yookan du’a jedhee ka’e. Yaroo qabsawwan tokko kufuu , boohuun hafe, uummatni kumaatamaan bahee sirbuu fi faaruu dhaan owwaluu eegale. Yaroon booyyichaa fi yaroon gaddaa ni darbe. Owwaalli qabsawwan bakka itti waadaan bilisummaa haaromu tahe.

Fincilli uummataa itti chaalaa deeme malee ajjeechaa fi hidhaa sodaatee uummatni  of duuba deebi’uu ni dide. Waraanaan uummata cabsuu yoo dadhabee Mootuummaan dhulome jiguu malee fala biraa hin qabu. Maalli hunduu yaroo harkaa dhumuu Mootummaanb Apartheid ANC wajjin waa’ee araa dubbachuu eegale. Yaroo adda addaa yoo lolli qawwee kun, ’ afuu qaba jette balaallefate’ sii hikna jedhee Nelson Mandelaaf ayyaana hiikamuu kenaaf ture. Mandeelan  garuu gonkumaa afanii nabahu jedhee waggaa 27 hidhame.  Wagoota kana keessaa wagga 18 nama irraa fohamee qophaa bishaan jiduutti  hidhame. Bara 1981 Motummaan  Apartheid kun  akka Mandelan mana hidhaa keessaa bade yaroo qabamu ajjeessuuf shira qopheesse basaastonni Inglizii jalaa kufiisan.

Bara 1990 Motummaan ANC akka seeraan jiraachuu danda’u Mootuumman Apartheid  fudhate.  Bara 1991 wal gahii walii gala “National Conference” tahe irratti Nelson Mandela Presidentii ANC tahee filame.  Oliver Tambo 1969 amma 1991 kan presidentii ANC ture akka abbaa barcumaa tahu filame. Oliver Tambo jireenya isaa guutuu ANC iif hojjechaa turee bara 1993 boqote.  Akka walii galtee Mootummaa fi ANC itti namni tokko sagalee filmaata tokko haa qabaatutti  Ebla 1994 filmatee tahe irratti ANC 62.6% argatee Mo’e. Camsaa 10 bara 1994 Nelson Mandelan eebaan Presidentii biyya  Afrikaa Kibba tahe. Wagga afur booda aangoo dhaloota boodaa dabarsee , Seenaa Murannoo Goota Biyya isaaf galmse Mudde 5 bara 2013 biyya lafaa kana irraa boqote

Nuyi qabsoo uummata Afrikaa Kibbab kana irraa maal baranna?

  1. Qabsoon lola qawwee mootummaa cabsee bilisummaa fiduuf qofaa isaa gahaa miti. Galma injifannoof Murteessaan fincila uummata bal’aa akka tahe ifa jira. Mootummaan Apartheid kan guutuu biyya Afrikaa Kibbaa balleessuu danda’u meeshaa waraanaa baraa humna nuclear kan  qabu dha. Jabeenyi waraana fi meeshaan waraanaa utuu kan gargaaru tahee mootummaan Apartheid bara baraan jiraata. Garuu fincila diddaa uummata bal’aa meeshaa waraanaa fi waraanni jabaan cabsuu danda’u tokko  illee akka hin jirre seenaatu raga mul’ataa nuuf tahaa jirra. Meeshaa waraanaa fi jabeenya waraanaa TPLF qabdu kan Apartheid wajjin wal bukkee qabnee yoo ilaallee fardaa fi lafa. Waraanni TPLF ofii  iyyuu waan nyaatu dhabbee uummata saamaa jira. Mootummaan Apartheid meeshaa waraanaa hunda ofiif tolfata. Mootummaan TPLF kadhaan jiraata. Diinni keenya  amma danda’e uummata fi biyya keenya  balleessee  baduuf kan qopha’e malee  yaroo dheeraa jiraachuuf humnaa fi dandeetti akka hin qabne ni beeka.
  2. Waraana uummata irratti labsuun mallattoo kufaatii mootumatti malee jabina isaa miti. Ijibaata isa dhumaa gochuuf mootummaan kufu waraana uummata irratti bobaasa. Mana hidhaatti nama hundaa guruun hammeenya hiriyyaa hin qabne xinnaa fi guddaa irratti rawwachuun dhaan uummata sodaachisuuf tattaaffii isa dhumaa godha. Uummata hundaa waloon diinefachuun isa galaafata malee isa hin gargaaru.
  3. Dhalatonnii wal irraa barachaa, dammaqinsa horachaa, of ijaaraa, of gurmeessaa murannoo guutuun diina fuula dura dhaabbachaa deema. Isa dhalootni kaleessaa dhagate irraa dhalootni har’a of qara, isa dhalootni har’a dhagatee irraa immoo dhalootni boruu akka caalaa baratuu fi of qaru  mamiin hin jiru. ANC iin erga dhaabbatee waggaa 80 ol itti fidhatu iyyuu uummatni Afrikaa Kibbaa Mootummaa Apartheid fokkisaa tahe akka of irraa gatu daandii qabsoo tilmaamuuf gahaa guddaa qaba. Wareegama amma kana hin jedhamnes baasee jira. Garuu fincila diddaa uummataa malee qofaa isaa tasa kufiisuu hin danda’u.
  4. Akkuma kana ABO kaayyoo bilisummaa bu’ureessuudhaan akka uummatni Oromoo irree tokkummaan ka’e Mootummaa Habashaa barbadesse bilisummaa isaa goonfatu tilmaamuuf  gahaa guddaa qaba. Amma xumura qabsoo bilisummatti  kayyoo dhaabbateef kanaf qabsoo hadhooftuu gochuun dirqama. Uummatni Oromoos dhaaba isaa kana diina irraa tikisuu fi marasiifachuun hojii isaa taha.  Kaayyoon Bilisuummaa ABO qabatee ka’e har’a qabaeenya dhufanaa kan uummata Oromoo bal’aa tahee jira. Kanaafuu uummatni Oromo har’a kumaatan kan irratti kufaa jiru.
  5. Qeerroon Bilisummaa Oromoo kuufata qabsoo bilisummaa Saba Oromoo bara dheeraaf deemee fi dhiiga gootowwan Oromoo dhangalaasan keessaa dhalatee kan guddatee as gahe malee kan tasa akka biqiltuu warqee as bahe miti. Kan dhalotni kaleessa dhagatee irraa barchaa fi of qaraa Fincila Xumura Garbummaa Oromiyaa guutuu keessatti  finiinsee injifannoo uummata Oromoof galmeessuu dandeettii gahaa akka qabu diinaa fi fira hubachiisee jira.

Ijifannoo Uummata Oromoo!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!

 


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469