Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

#OromoProtests, June 2, 2016

$
0
0

‪#‎Oromoprotest‬ Guddiini OPDOn haasawa jirtu sadaqaa guranni uummaata kannu dhaa. Uummannii keenyaa qabeenyaa isaa birraa beelawwuun hafee jira ammaa booda. Ilmaan tigray qabeenyaa keenyaa qufee akka godhu dhabe nuuti dhadachaa jira. Nuutis ammaa booda sadaqaan akka buulee murteessine jira jattee qeerroon!
13327458_1364393550253791_2584183296248521649_n
13335909_1364393613587118_3882862120026984704_n


(SBO/VOL – Waxabajjii 02,2016) Waxabajjii 2/2016 Hidhamtootni Oromoo 32’n Kanneen Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Boolee Keessaatti Utuu Afooshaaf Walitti Qabamani Jirani Qabaman Guyyaa Kaleessa Waxabajjii 1/2016 Wayita Mana Murtii Lidetatti Dhiyeeffamanitti Uffata Gaddaa Uffachuun Hacuucaa Fi Daraaraa Irra Ga’aa Jiru Balaaleffatan.
Mani murtii Wayyaanee qofaaf dalaguu fi ilmaan Oromoo irratti daba dalaguu irraa duubatti hin deebine ilmaan Oromoo daraaraa fi hirraasa maqaa Oromummaa isaanii qofaan yakkamaanii fi gochaa suukkaneessa isaan irra ga’aa jiruu fi sobaan himatamaa jiraachuu balaaleffachuun uffata gaddaa uffataan aangawootni abbaa irree Mana murtii wayyaanee wal ta’uun Uffata isaanii kana dirqamanii akka baafatan gochuun mirga namummaa irraa sarbee uffata irraa baasuun gara mana hidhaa Qilinxootti kan deebise ta’uu saaxilame.
Hidhamtootni ilmaan Oromoo mirga hidhamaan seeraa tokko illee qabu dhabuun uffata gaddaa maaf uffattaan jedhamani illee utuu hin gaafatamiin uuffata isaanii kana akka of irraa baafatan dirqisiifamuun kan baafatan yoo ta’uu mirgi dhala namummaa isaanii sarbamaa jiraachuun hubatamee jira.
Walumaagalatti haalli qabinsa mirga hidhamtoota Oromoo yeroo irraa gara yerootti hammachaa fi haalaan kan nama gaddisiisuu ta’aa waan jiruuf Dhaabbileen mirga namummaa Addunyaa Amenisty International , Human Right watch , Dhaabbileen mirga Dhala namaa Gaafa Afrikaa, mootummootni fi biyyootni leelliftummaa mirga dimookiraasii fi dhala namaaf waardiyaa dhaabbattan ilmaan Oromoo manneen hidhaa Impayera Ethiopia bakkoota garaagaraa keessatti dararamaa jiraniif dirmannaa akka gootan Qeerroon Bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun dhaamsa dirmannaa dabarfanna!!
Injifannoon Uummata Oromoof!!

‪#‎Oromoprotests‬ Guyyaa arraa Waxabajjii/June 2/2016 harargee lixa magaalaa Asaboot keessaatti mormii deema ture video kun kan joolleen warri sa’aa duraa baratan gara manaa deema jirani dhaa.
Dhaadannoolle isaani
Oromiyaa ka’ii ka’ii
Oromiyaan keenya tokkummaan ni moona
Abbaan biyyaa ABOdhaa
Viva Qeerroo Asaboot
Rabbiin bakkaan isiin haa gahu!
Mee joollee tannaa laala umrii isaani akkasummaa waan isaan jechaa jiran?


R.I.P

( – Waxabajjii 02,2016) Waxabajjii 01/2016 Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG marsaa 5ffaa Caamsaa 30/2016 Godina Kaaba Shaggar Saalaalee Aanaa Kuyyuu Magaalaa Gabra Gurraachaatti gaggeeffame irratti Tarkaanfii Diinummaa Waraanni Agaazii fudhateen Sabboonaan Oromoo Obboo Toleeraa Ijaaraa Wareegamuun guyyaa har’aa Uummatni Oromoo kumootaan lakka’aman dhaadannoo fi dheekkamsaa guddaa dhageesisuun sirni awaalcha isaa rawwate.

Guyyaa dheengaddaa Salaalee gabra Gurraachaatti Warraaqsii jabaan qabsiifamee gaggeeffamaa oluu gabaasuun keenya ni yaadatama. Warraaqsaa kana irratti tarkaanfiin diinummaa waraanni agaazii wayyaanee gaasii Summaa’a uummatarratti dhukaasuun fudhateen sabboonaan Oromoo Obboo Toleeraa Ijaaraa abbaan maatii ijoollee sadii ukkanfamee Wareegamuun isaa uummata Oromoo Aanaa Kuyyuutti kan dhagaa’amee fi hedduu dheekkamsiisaa jiru yoo ta’uu, Waxabajjii 01,2016 Sirni awwaalcha isaa Aanaa Kuyyuu Gabra Gurrachaatti bifa adda ta’een bakka sabboontootni fi qeerroon dargaggootni Oromoo argamanitti uummata gara kuma 4000 olitti lakka’amuun kan gaggeeffame ta’uu madden keenya Gabra Gurraacha irraa gabaasan.

Uummatni Oromoos kaayyoo Toleeraa Ijaaraa goonni Oromoo kun irratti wareegamees galmaan ni geenya, dhumnee dhabamna malee mootummaa gabroomsaa jalatti deebinee hin bullu jechuun dhaadannoo guddaa dhageesisuun sirni awwaalcha isaa bifa adda ta’een gaggeeffamera. Waraabbii video fi suuraalee sirna gaggeessaa sabboonaa Oromoo kana irratti waraabame kan isin qaqqabsiifnu ta’uu ni hubachiifna!!

Injifannoon uummata Oromoof!!

kuyyu1 kuyyu

Waxabajjii 2/2016 Hidhamtootni Oromoo 32’n Kanneen Magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Boolee Keeaatti Utuu Afooshaaf Walitti Qabamani Jirani Qabaman Guyyaa Kaleessa Waxabajjii 1/2016 Wayita Mana Murtii Lidetatti Dhiyeeffamanitti Uffata Gaddaa Uffachuun Hacuucaa Fi Daraaraa Irra Ga’aa Jiru Balaaleffatan.
Mani murtii Wayyaanee qofaaf dalaguu fi ilmaan Oromoo irratti daba dalaguu irraa duubatti hin deebine ilmaan Oromoo daraaraa fi hirraasa maqaa Oromummaa isaanii qofaan yakkamaanii fi gochaa suukkaneessa isaan irra ga’aa jiruu fi sobaan himatamaa jiraachuu balaaleffachuun uffata gaddaa uffataan aangawootni abbaa irree Mana murtii wayyaanee wal ta’uun Uffata isaanii kana dirqamanii akka baafatan gochuun mirga namummaa irraa sarbee uffata irraa baasuun gara mana hidhaa Qilinxootti kan deebise ta’uu saaxilame.
Hidhamtootni ilmaan Oromoo mirga hidhamaan seeraa tokko illee qabu dhabuun uffata gaddaa maaf uffattaan jedhamani illee utuu hin gaafatamiin uuffata isaanii kana akka of irraa baafatan dirqisiifamuun kan baafatan yoo ta’uu mirgi dhala namummaa isaanii sabamaa jiraachuun hubatamee jira.
Walumaagalatti haalli qabinsa mirga hidhamtoota Oromoo yeroo irraa gara yerootti hammachaa fi haalaan kan nama gaddisiisuu ta’aa waan jiruuf Dhaabbileen mirga namummaa Addunyaa Amenisty International , Human Right watch , Dhaabbileen mirga Dhala namaa Gaafa Afrikaa, mootummootni fi biyyootni leelliftummaa mirga dimookiraasii fi dhala namaaf waardiyaa dhaabbattan ilmaan Oromoo manneen hidhaa Impayera Ethiopia bakkoota garaagaraa keessatti dararamaa jiraniif dirmannaa akka gootan Qeerroon bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun dhaamasa dirmannaa dabarfanna!!
Injifannoon Uummata Oromoof!!


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469