Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

Miseensonni Mana-maree United States Afur Akka Miidhaan Mirga Dhalaa-namaa Oromiyaa  Keessaa Qoratamee Dhihaatuuf Gaafatan

$
0
0

Miseensonni Mana-maree  Yunaayitid Isteets afur,  gamtaadhaan – Ministara Dhimma-alaa biyya isaanii – Joon Keeriitti xalayaa barreessaniin, haala mormii Oromiyaa keessaa fi miidhaa dhaqqabe ilaalchisee, guyyoota sagaltama keessatti akka ibsi bal’aan kennamuuf gaafatanii jiran.

U.S. Senator Jeff Merkley of Oregon

U.S. Senator Jeff Merkley of Oregon

Miseensonni Mana-maree Murtii-seeraa yokaan Senetii Yunaayitid Isteets – Jefrii Merkilee fi Raan Waayiden, akkasumas – Mana-mareetti, miseensonni damee qajeelcha seeraa – Eerl Bilaaminoor fi Suuzaan Baanaamiichii, xalayaa har’a mallatteessanii ministaricha Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetsitti ergan keessatti — Itiyoophiyoon, biyyoota michoota  Yunaayitid Isteets faayida-qabeeyyii fi gargaarsa alaa Yunaayitid Isteets kennitu adda-durummaan fudhatan keessaa tokko ta’uu ibsanii —–

​“Garuu, gargaarsi mootummaan keenya kennuu – ka dantaa waaraa  fi safuu Yunaayitid Isteets qabdu hin mine ta’uu mirkaneeffachuu qaba” – jechuun akeekkachiisan.

Kanaaf jecha, guyyoota sagaltama dhufan gidduutti — bulchiinsa naannoo oromiyaa keessatti mormii ka’e irratti humnoonni naga-eegumsaa Itiyoophiyaa tarkaanfii fudhataniin – miidhaalee dhala-namaa  irra ga’an, hidhaalee seeraa-alaa fi dhiittaalee mirga dhala-namaa dhaqqabaan akka bal’inaan tarreessanii dhiheessaniif, Ministaricha Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Joon Keerii gaafatan – Miseensonni Mana-maree Yunaayitid afuran.

Ron Wyden of Oregon

U.S. Senator Ron Wyden of Oregon

Miseensonni Mana-maree Yunaayitid Isteets afur, gamtaadhaan – Ministara Dhimma-alaa biyya isaanii – Joon Keeriitti xalayaa barreessan

Yoo danda’ames – cabinsawwan mirga dhala-namaatiif itti-gaafatamaa dha namni jedhamu yokaan namoonni jedhaman akka maqaan isaanii adda-baafamee dhiheeffamu – akkasumas, namoota karaa nagaa mormii isaanii dhageessisan irratti kanneen gochaa yakkaa raaw’atan ilaalchisee taarkaanfiin mootummaan fudhate yoo jiraate akka isaan beeksisan — Miseensonni Mana-maree Yunaatitid isteets afuran, Ministaricha Dhimma-alaa biyya isaanii hubachiisanii jiran.

earl-blumenauer

Earl Blumenauer, U.S. Representative of Oregon

Suzanne_Bonamici

Suzanne Bonamici, U.S. Representative of Oregon


Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469