Quantcast
Channel: Horn of Africa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469

#OromoProtests – March 19, 2016

$
0
0

Bitootessa 19,2016) Mi’eessootti Daandiin Erga Cufame Torban Gaheera Jedhu Qeeyroon
Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessoo magaala Mi’eessoo keessa daandii kutee darbu torban tokkoo ol tahuun erga cufamee Qeerroo ona Mi’eessoo irraa gabaasee jira.

Odeeffannoon kun akka nu gahetti torban kana guutummaa irraa kaasee FXG Harargee lixaatti gaggeeffamaa jiruun humnootni agaazii godinicha keessa buufatee jiru ammallee uumata nagaa irratti miidhaa gaggeessaa waan jiruuf haala tarkaanfiin ummataa fi barattootaa haalaan bal’ate itti fufee jira.
Caasaan mootummaa kamuu godina oromiya kamuu keessa akka hin jraanne tarkaanfin uummataa haalaan bal’atee itti fufee jira jedha qeeyroon godina hararge mi’eessoo irraa.

Oromiyaa keessa hidhamtootni konkolaataadhaan fe’amanii gara itti geeffaman hin beekaman haga ammaatti hordoffiin godhamuu qabuun jala bu’amaa jira.
1656219_1719958691556098_4477990135848055108_n


‪#‎OromoProtests‬ Bitootessa 18/2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Adaa’aa_Bargaa Mogoriitti guyyaa kaleesaa 17/2016 irraa eegaluudhaan goototni barattootni Oromoo Mana Barnootaa Muka Odaa sad.1ffaa fi Reejjii sad.2ffaa warraaqsaa FXG itti fufuudhaan waraana Wayyaanee dhagaan ari’anii mana barnootaa keessaa baasaniiru. Waraanni wayyaanee Humnaan M/B Reejjii sadarkaa 2ffaa seenee barattoota ukkaamsuuf yaalii godhullee dhagaan dura dhaabbachuun irree qeerrummaa isaanii fi Onnee oromummaa Isaanii diinatti argisiisuun waraana wayyaanee kan of irraa deebisan yoota’uu warraaqsii kun guyyaa har’aa illee jabaachuun itti fufee jira.

Kana malees Tokkee Kuttaayee keessatti barsiisoti Oromoo FXG gaggeessuuf barattoota qindeessitaa jirtu jedhaman 7 loltootaa fi humna tikaa Wayyaaneen guyyaa har’aa qoratamaa akka oolan gaasi Qeerroo addeessa,
1924013_1301482253211588_6972240511344420314_n


Godina Wallaggaa Qellem Ashii Keessaa Barsiisonni Oromoo Ta’an 3 Ukkaamfaman, Barataan Tokkos Rasaasa Waraana Wayyaaneen Rukutame
March 19, 2016 By Qeerroo

Bitootessa 18,2016/ Godina Qelle wallaggaa ona Anfilloo ganda Ashii jedhamutti guyyoota muraasa dura FXG uummata fi barattootaan ka’uu Weerroon gabaasee jira. Akka odeessa ammas Qeerroon gabaasee jiruttis humni agaazii jedhamu haga Dafinoo dhufuutti gandicha irra akka qubatee jiraaatuu fi uummatas hiraarsu dirqama fudhatee akka jiruu fi uummanni karaa irra deemuu hin danda’u manaas gadi ba’aa akka hin jirre kan gabaafamee fi barattootni fi barsiistoni hedduun kan ukkaamfamanii fi rasaasaan barattootni lama kan rukutama Qeerroon gabaasee jira.

Barsiisaa Jambar Xurunaa -barsiisaa sadarkaa 2ffaa kan tahe kan ganda Ashii Barsiisaa Baayisaa Kabbadee- Barsiisaa sadarkaa 2ffaa ganda Ashii

Barsiisaa Faantaa Mankar- sadarkaa 1ffaa kan barsiisu yoommu tahu Baratoota rasaasa wayyaaneen rukutaman keessaa Daawwit Tasfayee kan jedhamu miilla rukutamee amma Hospitaala Dambi Doollootti yaalamaa kan jiru tahuu Qeerroon gabaasee jira. Barattootni hedduunis ukkaamfamani jiru. Kun gabaasa Bitootessa 17/2016ti


Salaalee Yuuniversitii Fiichee FXG Har’a Barattoota Oromoon Ka’e.
March 19, 2016 By Qeerroo
Bitootessa 18,2016/ Salaalee Fiichee Yuuniversitiitti barattootni har’a FXG gaggeessun nyaata lagatanii jiru. Barattootni mooraa kana gara FXGtti bahuuf sababa kan tahe kanaan dura kan beeknu nuti yuuniversiti Finfinnee jala turre yeroo darb miiidiyaan yoo dubbatu YUUNIVERSITII SALAALEE jechuudhaan dubbate nuti kan beeknu yuuniversitii Finfinnee jala jiraachuu miidiyaan kandubbatu akka Yuuniversitii of danda’aatti kun karaa ittiin uummanni mootummaa babal’inavbarnootaa irratti hojii hojjetaa jiruuf sammuun uummataas tasgabbaa’u akka waan uummanni kun bulchiinsa gaaritti lakkaawatuun gaaffii amma qabate jiru kana dhiisuutti yaaduu waan taheef sobuma wayyaneetti baanee mootummaa kana kuffisuu qabna jechuun FXGtti barattooni yuuniversitii kanaa barumsa dhaabanii jiru.
Bitootessa 18/2016 Godina Lixa shaggar Amboo: Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogoriitti goototni barattootni Oromoo warraaqsa jabeessuun itti fufan
March 19, 2016 By Qeerroo
Bitootessa 18/2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Adaa’aa_Bargaa Mogoriitti guyyaa kaleesaa 17/2016 irraa eegaluudhaan goototni barattootni Oromoo Mana Barnootaa Muka Odaa sad.1ffaa fi Reejjii sad.2ffaa warraaqsaa FXG itti fufuudhaan waraana Wayyaanee dhagaan ari’anii mana barnootaa keessaa baasaniiru. Waraanni wayyaanee Humnaan M/B Reejjii sadarkaa 2ffaa seenee barattoota ukkaamsuuf yaalii godhullee dhagaan dura dhaabbachuun irree qeerrummaa isaanii fi Onnee oromummaa Isaanii diinatti argisiisuun waraana wayyaanee kan of irraa deebisan yoota’uu warraaqsii kun guyyaa har’aa illee jabaachuun itti fufee jira.
Magaala Baddallee Godina Ilu Abbaa Boor Keessatti FXG Itti Fufe.
March 19, 2016 By Qeerroo
st Bitootessa 18,2016 /Godina Iluu_Abbaa_Booraa Magaalaa Baddalleetti warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufun guyyaa har’aa Goototni Barattootni Oromoo M/Barnootaa sadarkaa 1ffaa Qaanqaccoo Magaalaa Baddalleetti argamu keessatti alaabaa mootummaa Wayyaanee gubuudhaan sochii isaanii daran jabeessuun, waraana mootummaa jala dhaabbachaa jiru, Gabaasaan itti fufa!!
Bitootessa 18,2016 Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Baddalleetti Warraaqsii FXG Daran Jabaachuun Itti Fufun
March 19, 2016 By Qeerroo
Bitootessa 18,2016/ Godina Iluu_Abbaa_Booraa Magaalaa Baddalleetti warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufun guyyaa har’aa Goototni Barattootni Oromoo M/Barnootaa sadarkaa 1ffaa Qaanqaccoo Magaalaa Baddalleetti argamu keessatti alaabaa mootummaa Wayyaanee gubuudhaan sochii isaanii daran jabeessuun, waraana mootummaa jala dhaabbachaa jiru,
Barattootni Wallagga Lixaa Magaalaa Najjoo Barumsa Dhaaban

(SBO/VOL – Bitootessa 19,2016) Bitootessa 18,2016 /Wallagga Lixaa magaalaa Najjootti kan argamu barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa “ kan hidhaman haa gadhifaman” jechuun barumsa dhaabanii jiru.
Akkasma Boojjii Birmajiitti mana barumsa sadarkaa 1ffaatti barumsii dhaabbatee jira. Akka walii galaatti Oromiyaa keesatti barumsi guutummaan guutuutti dhaabbatee jira.
943799_1719957921556175_9067514551819025961_n


Mana Adabaa Poolisii Godina Wallaggaa Magaalaa Gimbii Keessatti Sabboontoti Oromoo 60 Ol Dararaa Cimaan Irra Gahaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Bitootessa 19,2016/ Yeroo ammaa kanatti Ficila Xumura Gabrummaa waliin wal qabatee sabboontoti ilmaan Oromoo kumaatamaan manneen hidhaa beekamaa fi hin beekamiin hedduu keessatti guutuu Oromiyaa keessaa dararamaa jiru. Godina Wallaggaa magaalaa Gimbii keessattis Oromoota maatii fi hiriyyoota irraa dubbisa dhorkamanii yeroo ammaatti dararamaa jiran namoota 60 ol keessaa hammi tokko:-
1. Solomon Mokonniin- Barreessaa KFO Godina W/Lixaa fi hojjetaa mootummaa
2. Tafarii Baqqalaa – Damee ijaarsa KFO Godina W/Lixaa
3. Girmaa Tamasgeen – Koree hoji raawwachiiftuu KFO G/W/Lixaa
4. Yoseef Lammii – Kan filannoo darbe taajjaban
5. B/saa Malkaamuu Taarikuu – Filannoo kan taajjaban
6. B/saa Amanaa Gabbisaa – Kan filannoo taajjaban
7. B/saa Caalaa Indaaluu- Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
8. B/saa Alamuu Asaffaa – Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
9. Obbo Kifiluu Daaqaa- Ogeessa Hospitaala Adiveentistii Gimbii
10. Obbo Daggafaa Wayyeessa – Hojjetaa Mana Murtii G/W/Lixaa
11. Obbo Balaay Taammanee – Hojjetaa Baankii Awwaash Gimbii
12. Obbo Tasammaa Taliilaa – I/G/Waldaa walgargaarsaa Buusaa GonofaaWalumaa gala namootni 60 maatii waliin akka wal hin dubbisne dhorkamuun yeroo dararaa cimaa kan irra ga’aa jirudh

Viewing all articles
Browse latest Browse all 2469